LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 88 ful. 206-ful. 209 key. 3
  • Haalli Namicha Sooressaa fi Alaazaar Ni Jijjiirame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haalli Namicha Sooressaa fi Alaazaar Ni Jijjiirame
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALLI NAMICHA SOORESSAA FI ALAAZAAR NI JIJJIIRAME
  • Namichi Sooressii fi Alaazaar Eenyu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 88 ful. 206-ful. 209 key. 3
Sareen madaa Alaazaar yommuu arraabdu

BOQONNAA 88

Haalli Namicha Sooressaa Fi Alaazaar Ni Jijjiirame

LUQAAS 16:14-31

  • FAKKEENYA WAAʼEE NAMICHA SOORESSAA FI ALAAZAAR

Yesuus itti fayyadama qabeenyaa ilaalchisee barattoota isaatiif gorsa gaarii kennaa jira. Kan isa dhaggeeffachaa jiran garuu barattoota qofa miti. Fariisonnis kan jiran siʼa taʼu, isaanis gorsa kana yoo fudhatan ni fayyadamu. Maaliif? ‘Qarshii waan jaallataniifi’ dha. Fariisonni wanta Yesuus jechaa jiru yeroo dhagaʼan, “isatti qoosuu jalqaban.”—Luqaas 15:2; 16:13, 14.

Kun garuu Yesuusiin hin aarsine. “Isin namoota duratti qajeelota akka taatan dubbattu, Waaqayyo garuu garaa keessan beeka. Sababiin isaas, wanti namoota duratti bakki guddaan kennamuuf Waaqayyo duratti jibbisiisaa dha” isaaniin jedhe.—Luqaas 16:15.

Yeroo dheeraadhaaf ‘namoonni Fariisotaaf iddoo guddaa kennaa’ turan. Amma garuu yeroon isaa yeroo itti haalli isaa guutummaatti jijjiiramu dha. Namoonni iddoon guddaan isaaniif kennamuu fi qabeenya addunyaa kanaatiin sooreyyii taʼan, siyaasa keessatti aangoo qabanii fi amantii irratti dhiibbaa geessisan kufaatiin isaanii dhihaateera. Namoonni wantoonni hafuuraa akka isaan barbaachisu hubatanii fi iddoo guddaa hin qabne garuu ol ol qabamuuf jedhu. Yesuus yaada armaan gadii dubbachuudhaan jijjiiramni guddaan taʼaa akka jiru ibse.

Akkana jedhe: “Seerichii fi Raajonni hanga Yohaannisitti lallabamaa turaniiru. Yeroo sanaa jalqabee, misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo lallabamaa jira; akaakuun namootaa hundi itti galuudhaaf carraaqqii cimaa gochaa jiru. Dhugaa dubbachuuf, Seericha keessaa tuqaan tokko utuu hin raawwatamin hafuu mannaa, samii fi lafti utuu darbanii ni salphata.” (Luqaas 3:18; 16:16, 17) Yaadni Yesuus dubbate kun jijjiiramni taʼaa akka jiru kan argisiisu akkamitti?

Geggeessitoonni amantii Seera Musee akka eegan of tuulummaadhaan dubbatu. Yesuus Yerusaalemitti namicha tokkoof qaroo isaa yeroo deebise, Fariisonni of tuulummaadhaan, “Nuti . . . barattoota Musee ti. Nuti Waaqayyo Museetti akka dubbate beekna” jedhanii akka turan yaadadhu. (Yohaannis 9:13, 28, 29) Kaayyoon Seera karaa Musee kennamee inni tokko namoota gad of qaban gara Masiihichaatti, jechuunis gara Yesuusitti geessuu ture. Yohaannis Cuuphaan, Yesuus Hoolaa Waaqayyoo akka taʼe dubbatee ture. (Yohaannis 1:29-34) Yeroo Yohaannis itti tajaajilaa turee jalqabee, Yihudoonni gad of qaban, keessumaa warri hiyyeessota taʼan waaʼee “Mootummaa Waaqayyoo” dhagaʼaa turan. Eeyyee, warra Mootummaa Waaqayyootiif bitamuu fi irraa fayyadamuu barbaadan hundaaf “misiraachoon” jira.

Seerri Musee utuu hin raawwatamin hin hafne; kanaa mannaa Masiihichatti geesseera. Kana malees, ajajni seericha akka eeganiif kenname xumuramaa jira. Fakkeenyaaf, Seerichi sababa murtaaʼe irratti hundaaʼanii wal hiikuu ni heyyama ture; amma garuu Yesuus, “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata; namni dubartii abbaan manaa ishii ishii hiike fuudhu hundis ejja raawwata” jedhe. (Luqaas 16:18) Yaadni inni namoota hedduu duratti dubbate kun Fariisota warra wanta hundaaf seera baasuu barbaadan hammam aarsa laata?

Yesuus itti fufee, fakkeenya jijjiiramni taʼaa jiru hammam balʼaa akka taʼe ibsu dubbate. Fakkeenyi kun waaʼee namoota iddoon isaan qabanii fi haalli isaanii akka tasaa jijjiirame lamaa dubbata. Fakkeenya kana yeroo dubbistu, kan isa dhaggeeffachaa jiran Fariisota qarshii jaallatanii fi namoonni iddoo guddaa kennaniif akka taʼan qalbeeffadhu.

Namichi sooressi uffata bildiimaa uffate karaa foddaa yommuu ilaalu

Yesuus akkana jedhe: “Namni sooressi uffata dhiilgee fi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatu, akkasumas guyyaa guyyaadhaan jireenya qananii jiraatu tokko jira ture. Haa taʼu malee, kadhattuun Alaazaar jedhamuu fi guutummaan qaama isaa madaaʼe tokko yeroo hunda karra mana namichaa dura kaaʼama ture; innis wanta maaddii namicha sooressa sanaa irraa harcaʼu nyaatee quufuuf hawwa ture. Saroonni illee dhufanii madaa isaa arraabu turan.”—Luqaas 16:19-21.

Fariisonni qarshii waan jaallataniif, Yesuus ‘namicha sooressatti’ kan fakkeesse eenyuun akka taʼe beekamaa dha. Geggeessitoonni amantii kun uffata baayʼee miʼaa fi adda taʼe uffachuudhaan of argisiisuu jaallatu. Qabeenyaan alattis, mirgaa fi carraawwan garaa garaa waan qabaniif sooressa isaan jechisiisuu dandaʼa. Yesuus nama uffata bildiimaa uffatetti isaan fakkeessuun isaa aangoo isaan qaban, quncee talbaa adii kan uffatan taʼuun isaanii immoo qajeelota akka taʼanitti kan of ilaalan taʼuu isaa argisiisa.—Daaniʼel 5:7.

Geggeessitoonni sooressa, akkasumas of tuultota taʼan kun warra hiyyeessotaa fi iddoo guddaa hin qabneef ilaalcha akkamii qabu? Of tuulummaadhaan “amhaareetis” ykn “namoota lafaa” jedhanii kan isaan waaman siʼa taʼu, Seericha kan hin beeknee fi barachuunis kan isaaniif hin malle akka taʼanitti isaan ilaalu. (Yohaannis 7:49) Kun haala ‘kadhattuu Alaazaar jedhamuu’ fi “wanta maaddii namicha sooressa sanaa irraa harcaʼu nyaatee quufuuf” hawwuu wajjin wal fakkaata. Akkuma Alaazaar isa guutummaan qaama isaa madaaʼee, namoonni iddoo guddaa hin qabne akka waan Waaqayyoon hin gammachiisnetti tuffatamu.

THaalli gaddisiisaan akkasii yeroo murtaaʼeef kan ture taʼus, Yesuus haala namoota akka namicha sooressa sanaa fi akka Alaazaar taʼanii irratti yeroon itti jijjiiramni guddaan taʼu akka dhihaate beeka.

HAALLI NAMICHA SOORESSAA FI ALAAZAAR NI JIJJIIRAME

Alaazaar Abrahaam cinaa taʼee

Yesuus jijjiirama dinqisiisaa raawwatamaa jiru kanaa ibsuu isaa itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yeroo booda kadhattuun sun ni duʼe; maleekonnis fuudhanii Abrahaam cinaatti isa geessan. Namichi sooressi sunis duʼee awwaalame. Awwaala keessatti utuu dhiphachaa jiruus ol jedhee fagootti Abrahaamiin, isa cinaattis Alaazaariin arge.”—Luqaas 16:22, 23.

Warri Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran Abrahaam yeroo dheeraa dura akka duʼee fi Awwaala keessa akka jiru beeku. Kitaabonni Qulqulluun Abrahaamiin dabalatee, namni Awwaala ykn Siiʼol keessa jiru kam iyyuu arguu fi dhagaʼuu akka hin dandeenye dubbatu. (Lallaba 9:5, 10) Erga akkas taʼee, geggeessitoonni amantii kun wanta Yesuus fakkeenya kana irratti dubbachuu barbaade haala akkamiitiin hubatu? Namoota iddoo guddaa hin qabnee fi geggeessitoota amantii qarshii jaallatan ilaalchisee maal hubachiisuu barbaade laata?

Yesuus ‘Seerichii fi Raajonni hanga Yohaannis Cuuphaatti lallabamaa turaniiru. Yeroo sanaa jalqabee garuu misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo lallabamaa jira’ jechuudhaan waaʼee jijjiirama tokkoo dubbateera. Alaazaaris taʼe namichi sooressi sun jireenya isaanii isa duraatiin kan duʼan lallaba Yohaannisii fi Yesuus Kiristoosiin siʼa taʼu, kana booda Waaqayyo biratti iddoo isa duraa irraa adda taʼe argatu.

Keessumaa, namoonni iddoo guddaa hin qabnee fi hiyyeessota taʼan yeroo dheeraadhaaf karaa hafuuraa hacuucamaa turan. Haa taʼu malee, ergaa Mootummichaa jalqaba Yohaannis Cuuphaan, achii immoo Yesuus dubbatan kan fudhatan siʼa taʼu, ergicha irraa fayyadamaniiru. Kanaan dura kan isaan argatan, ‘wanta maaddii hafuuraa geggeessitoota amantii irraa harcaʼu’ ture. Amma garuu dhugaawwan Kitaabota Qulqulluu barbaachisaa taʼan, akkasumas wantoota dinqisiisoo Yesuus ibsaa jiru sooramaa jiru. Dhuma irratti akka waan Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama argatanitti ilaalamuu dandaʼa.

Haala kana irraa faallaa taʼeen, geggeessitoonni amantii sooressoota taʼanii fi aangoo qaban ergaa Mootummichaa Yohaannis labsee fi Yesuus guutummaa biyyattii keessatti lallabaa jiru fudhachuu didaniiru. (Maatewos 3:1, 2; 4:17) Ergaan waaʼee murtii Waaqayyoo isa ibiddatti fakkeeffamee fi gara fuulduraatti dhufuu dubbatu kun isaan aarseera, isaan dhiphiseeras. (Maatewos 3:7-12) Yesuusii fi barattoonni isaa ergaa Waaqayyoo labsuu utuu dhaabanii geggeessitoota amantii qarshii jaallatan kanaaf boqonnaa guddaa dha. Geggeessitoonni kun akka namicha sooressa fakkeenyicha irratti caqasamee fi “Yaa Abrahaam abbaa ko, garaa naa laafi, ani ibidda cimaa kana keessatti dhiphachaa waanan jiruuf, Alaazaar fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo akka naa qabbaneessu naa ergi” jechuudhaan dubbatee ti.—Luqaas 16:24.

Namichi sooressi ibiddaan yommuu dhiphatu

Wanti inni gaafate kun hin raawwatamu. Geggeessitoonni amantii kun hedduun isaanii hin jijjiiraman. Isaan ‘Musee fi Raajota dhaggeeffachuu,’ jechuunis kitaabota qulqulluu Yesuus Masiihii Waaqayyoo fi Mootii taʼuu isaa akka amanan isaan gargaaran fudhachuu didaniiru. (Luqaas 16:29, 31; Galaatiyaa 3:24) Gad of qabuudhaan, namoota hiyyeessota taʼanii fi Yesuusiin amananii fudhachuudhaan Waaqayyo duratti fudhatama argatan irraa barachuuf fedha hin argisiisne. Barattoonni Yesuus garuu geggeessitoota amantii gammachiisuuf ykn isaaniif boqonnaa argamsiisuuf jecha dhugaa kana akka laayyootti hin ilaalan. Yesuus fakkeenya isaa irratti, yaada “Abrahaam abbaa” jechuudhaan namicha isa sooressatti dubbate irratti dhugaa kana ibseera.

Akkana jedhe: “Ilma ko, ati bara jireenya keetti wantoota gaggaarii akka argatte, Alaazaar garuu wantoonni gadheen isa irra gaʼaa akka turan yaadadhu. Amma garuu inni asitti jajjabina argachaa jira; ati garuu dhiphachaa jirta. Wantoota kana hunda malees, warri asii gara keetti ceʼuu barbaadanis taʼe, namoonni gamaa gara keenyatti ceʼuu barbaadan akka hin dandeenyetti boolli guddaan tokko gidduu keenya jira.”—Luqaas 16:25, 26.

Geggeessitoonni amantii Yesuusitti yommuu aaran

Jijjiiramni akkasii taʼuun isaa haqa kan raawwachiisuu fi sirrii dha! Iddoon geggeessitoota amantii of tuultota taʼanii fi namoota iddoo guddaa hin qabnee, waanjoo Yesuus baatanii, akkasumas dhuma irratti karaa hafuuraa boqonnaa argatanii fi sooramanii wal jijjiire. (Maatewos 11:28-30) Jijjiiramni kun jiʼoota muraasa booda kakuun Seerichaa kakuu haaraadhaan yeroo bakka buufamu caalaatti ifa taʼa. (Ermiyaas 31:31-33; Qolosaayis 2:14; Ibroota 8:7-13) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Waaqayyo hafuura isaa yeroo dhangalaasu, Fariisotaa fi deggertoota isaanii mannaa, barattoonni Yesuus Waaqayyo duratti fudhatama akka qaban guutummaatti ifa taʼa.

  • Geggeessitoota amantii fi namoota iddoo guddaa hin qabne gidduu garaa garummaa akkamiitu ture?

  • Akka Yesuus ibsetti, yeroo Yohaannis tajaajila isaa itti jalqabee kaasee jijjiirama akkamiitu taʼe?

  • Fakkeenya Yesuus dubbate keessatti namichi sooressii fi Alaazaar eenyuun argisiisu?

  • Yesuus haalli jiru akka jijjiiramu kan ibse akkamitti?

  • Geggeessitoonni amantii ergaa Yohaannisii fi Yesuus lallabaniif deebii akkamii kennan? Yesuus kana fakkeenyaan kan ibse hoo akkamitti?

  • Geggeessitoonni amantii maaltu akka taʼu barbaadu? Haa taʼu malee, kun kan hin taane hoo maaliifi?

  • Garaa garummaan geggeessitoota amantii fi barattoota Yesuus gidduu jiru caalaatti ifa kan taʼu yoomi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi