GAAFFIIWWAN NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Kutaa 1 Wantoota Kiristiyaanonni Itti Amanan
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee dhugaa beekuuf si dandeessiseera. Wanti baratte Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii akka qabaattu, akkasumas bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalattii fi lafa jannata taatu irratti jireenya bara baraa fi eebbawwan kan biroo argachuuf abdii akka qabaattu akka si gargaare hin shakkisiisu. Amantiin Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu caalaatti cimeera, akkasumas gumii Kiristiyaanaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu keetiin amma illee eebba hedduu argatteetta. Kana malees, Yihowaan saba isaa yeroo harʼaa jiran akkamitti akka qabu hubatteetta.—Zak. 8:23.
Cuuphamuuf qophii gochaa waan jirtuuf, barumsawwan buʼuuraa Kiristiyaanonni itti amanan irratti jaarsolii gumii wajjin mariʼachuun kee si fayyada. (Ibr. 6:1-3) Yihowaan waaʼee isaa beekuuf carraaqqii gootu hunda eebbisuu isaa akka itti fufuu fi badhaasa kennuuf waadaa gale akka siif kennu ni hawwina.—Yoh. 17:3.
1. Cuuphamuu kan barbaaddu maaliifi?
2. Yihowaan eenyu?
• “Yihowaan ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqa dhugaa [dha] . . . Isa malee kan biraan hin jiru.”—Kes. 4:39.
• “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii [ti].”—Far. 83:18.
3. Waaqayyoon maqaa isaa isa dhuunfaatti fayyadamtee isa waamuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
• “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.’”—Mat. 6:9.
• “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.”—Rom. 10:13.
4. Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaa ibsan tokko tokko kam faʼi?
• “Yihowaan inni Uumaa andaara lafaa taʼe, bara baraaf Waaqa dha.”—Isa. 40:28.
• “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattu.”—Mat. 6:9.
• “Waaqayyo jaalala.”—1 Yoh. 4:8.
5. Wanti Yihowaadhaaf kennuu dandeessu maali dha?
• “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.”—Mar. 12:30.
• “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi.”—Luq. 4:8.
6. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?
• “Isa na arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.”—Fak. 27:11.
7. Kadhannaa kan dhiheessitu gara eenyuutti? Kan kadhattu hoo maqaa eenyuutiini?
• Yesuus akkana jedheera: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yoh. 16:23.
8. Waaʼee wantoota akkamii kadhachuu dandeessa?
• “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu. Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni; akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif dhiisne, balleessaa keenya nuu dhiisi. Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’”—Mat. 6:9-13.
• “Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yoh. 5:14.
9. Yihowaan kadhannaa nama tokkoo kan hin dhageenye maaliif taʼuu dandaʼa?
• “Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu, inni garuu deebii isaaniif hin kennu. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe . . . inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.”—Mik. 3:4.
• “Ijji Yihowaa qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa; taʼus Yihowaan warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”—1 Phe. 3:12.
10. Yesuus Kiristoos eenyu?
• “Simoon Pheexiros, ‘Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti’ jedhee deebise.”—Mat. 16:16.
11. Yesuus gara lafaa kan dhufe maaliifi?
• “Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti.”—Mat. 20:28.
• “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani [Yesuus] kanaafan ergame”—Luq. 4:43.
12. Dinqisiifannaa aarsaa Yesuusiif qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• “Warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.”—2 Qor. 5:15.
13. Yesuus aangoo akkamii qaba?
• “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.”—Mat. 28:18.
• “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe; akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne.”—Filp. 2:9.
14. Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Yesuusiin muudame taʼuu isaa ni amantaa?
• “Garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu?”—Mat. 24:45.
15. Hafuurri qulqulluu qaama qabaa?
• “Maleekaan sunis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: ‘Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.’”—Luq. 1:35.
• “Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?”—Luq. 11:13.
16. Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti kan fayyadamu akkamitti?
• “Dubbii Yihowaatiin samiiwwan, hafuura afaan isaatiinis wantoonni isaan keessa jiran hundi tolfamaniiru.”—Far. 33:6.
• “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu . . . hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—HoE. 1:8.
• “Raajiin Kitaabota Qulqulluu kam iyyuu yaada namootaa irraa kan madde akka hin taane beektu. Sababiin isaas, raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa, namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.”—2 Phe. 1:20, 21.
17. Mootummaan Waaqayyoo maali dha?
• “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu. Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”—Dan. 2:44.
18. Mootummaan Waaqayyoo eebba akkamii siif argamsiisa?
• “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mul. 21:4.
19. Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu dhiheenyatti akka raawwataman akka amantu wanti si taasise maali dha?
• “Barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, ‘Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?’ isaan jedhan. Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: ‘. . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa. Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.’”—Mat. 24:3, 4, 7, 14.
• “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu; namoota akkasii irraa fagaadhu.”—2 Xim. 3:1-5.
20. Jireenya kee keessatti Mootummaa Waaqayyootiif bakka guddaa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.”—Mat. 6:33.
• “Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: ‘Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.’”—Mat. 16:24.
21. Seexannii fi jinniiwwan eenyu faʼi?
• “Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi . . . Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture.”—Yoh. 8:44.
• “Jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.”—Mul. 12:9.
22. Seexanni Yihowaa fi warra Yihowaa waaqeffatan irratti himata akkamii baneera?
• “Dubartittiinis bofichaan akkana jette: ‘Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee, “Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu” jedheera.’ Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: ‘Isin matumaa hin duutan. Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.’”—Uma. 3:2-5.
• “Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: ‘Gogaan qooda gogaa ti. Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.’”—Iyo. 2:4.
23. Himanni Seexanaa soba taʼuu isaa mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?
• “Garaa guutuu . . . [Waaqayyoon] tajaajili.”—1 Sen. 28:9.
• “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!”—Iyo. 27:5.
24. Namoonni kan duʼan maaliifi?
• “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—Rom. 5:12.
25. Namoonni duʼan haala akkamii keessatti argamu?
• “Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku; warri duʼan garuu homaa hin beekan.”—Lal. 9:5.
26. Namoonni duʼan abdii akkamii qabu?
• “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].”—HoE. 24:15.
27. Namoonni Yesuusii wajjin bulchuuf gara samii deeman meeqa?
• “Kunoo, Hoolichi Gaara Xiyoon irra dhaabbatee ture; warri 144,000 kanneen maqaan isaa fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffame isaa wajjin turan.”—Mul. 14:1.