LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bhs boq. 9 ful. 94-104
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Barumsa Macaafa Qulqulluu dubbisi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WARAANA SAMII IRRATTI GEGGEEFFAME
  • GUYYOOTA DHUMAA
  • AMALAWWAN NAMOONNI GUYYOOTA DHUMAATTI ARGISIISAN
  • MISIRAACHOO GUYYOOTA DHUMAATTI ARGAMU
  • MAAL GOCHUU QABDA?
  • “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessa Akka Jirru Akkamitti Beekuu Dandeenya?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
bhs boq. 9 ful. 94-104

BOQONNAA SAGAL

Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?

1. Waaʼee gara fuulduraa eessaa beekuu dandeenya?

ODUU televizyiiniidhaan darbu ilaaltee ykn raadiyoodhaan dhaggeeffattee, ‘Addunyaan kun garamitti deemaa jira?’ jettee yaaddee beektaa? Wantoonni nama gaddisiisanii fi gara jabinni baayʼachuun isaanii, namoonni tokko tokko dhumni addunyaa kanaa dhihaachuu isaa akka amanan isaan godheera. Kun dhugaa dhaa? Karaan wanta gara fuulduraatti taʼu beekuu itti dandeenyu jiraa? Eeyyee. Namoonni wanta gara fuulduraatti taʼu beekuu hin dandaʼan; Yihowaan garuu ni dandaʼa. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti wanta nuunis taʼe lafa gara fuulduraatti mudatu dubbateera.—Isaayaas 46:10; Yaaqoob 4:14.

2, 3. Barattoonni Yesuus maal beekuu barbaadanii turan? Yesuus hoo maal jedhee isaaniif deebise?

2 Yaadni dhuma addunyaa ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, waaʼee dhuma lafaa utuu hin taʼin, waaʼee dhuma hammeenyaa kan dubbatu dha. Yesuus Mootummaan Waaqayyoo lafa akka bulchu namoota barsiiseera. (Luqaas 4:43) Barattoonni isaa Mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu beekuu waan barbaadaniif, “Wantoonni kun yoom akka raawwataman, akkasumas mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maal akka taʼe nutti himi” jedhanii Yesuusiin gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesuus guyyicha isaanitti himuu baatus, wantoota addunyaan kun yeroo baduu jala gaʼutti raawwataman isaanitti himeera. Wantoonni Yesuus ni taʼu jedhee ture yeroo harʼaa raawwatamaa jiru.

3 Boqonnaa kana keessatti, ragaalee yeroo dhumni addunyaa dhihaate keessa jiraachaa akka jirru argisiisan irratti mariʼanna. Jalqaba, haalli addunyaa maaliif garmalee akka mancaʼe hubachuu akka dandeenyutti, waaʼee waraana samii irratti geggeeffame tokkoo barachuu qabna.

WARAANA SAMII IRRATTI GEGGEEFFAME

4, 5. (a) Yesuus Mootii taʼee utuu baayʼee hin turin samii irratti maaltu raawwatame? (b) Mulʼanni 12:12 akka jedhutti erga Seexanni gad darbatamee booda lafa irratti maaltu taʼe?

4 Boqonnaa 8 irratti Yesuus bara 1914 samii irratti Mootii akka taʼe baranneerra. (Daaniʼel 7:13, 14) Kitaabni Mulʼataa wanta raawwatamee ture akkana jechuudhaan ibsa: “Samii keessattis waraanni ni kaʼe: Mikaaʼelii [jechuunis, Yesuus] fi maleekonni isaa jawwee [Seexana] sana irratti waraana banan; jawween sunii fi maleekonni isaas isaan irratti waraana banan.”a Achiis, Seexannii fi jinniiwwan isaa injifatamanii gara lafaatti darbataman. Yeroo kanatti maleekonni hammam akka gammadan mee yaadi! Namoonni lafa irra jiraatan hoo? Kitaabni Qulqulluun yeroon kun namootaaf yeroo rakkinaa akka taʼu dubbata. Maaliif? Sababiin isaas, Seexanni “yeroo gabaabaa akka qabu waan beekeef” baayʼee aareera.—Mulʼata 12:7, 9, 12.

5 Diyaabilos hamma humni isaa dandaʼe lafa irratti rakkina fidaa jira. Waaqayyo yeroo gabaabaa booda sochii ala akka isa godhu waan beekeef baayʼee aareera. Mee wantoota Yesuus guyyoota dhumaa keessatti akka raawwataman dubbate haa qorru.—Ibsa Dabalataa 24 ilaali.

GUYYOOTA DHUMAA

6, 7. Waraanaa fi beela yeroo harʼaatti jiru ilaalchisee maal jechuu dandeenya?

6 Waraana. Yesuus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa” jedhee ture. (Maatewos 24:7) Yeroo kam iyyuu caalaa bara keenyatti namoonni baayʼeen sababii waraanaatiin duʼaniiru. Gabaasni dhaabbata Worlidwooch Inistiitiyut jedhamuu akka ibsetti bara 1914 kaasee namoonni miliyoona 100 ol taʼan duʼaniiru. Baayʼinni namoota waggaa 100 keessatti, jechuunis bara 1900 hanga 2000 keessatti waraanaan duʼanii, baayʼina namoota waggaa 1,900 keessatti duʼanii dachaa sadii oliin caala. Gadadoo fi rakkina sababa waraanaatiin namoota miliyoonaan lakkaaʼaman irra gaʼe mee yaadi!

Fakkiiwwan wantoota yeroo dhumaatti taʼan argisiisan: boombii dhoʼe, daaʼima beelaan miidhame, xiyyaara waraanaa, nama sababii kirkira lafaatiin manni irratti jijjige

7 Beela. Yesuus, “hanqinni nyaataa . . . ni taʼa” jedhee ture. (Maatewos 24:7) Midhaan yeroo kam iyyuu caalaa baayʼinaan oomishamaa kan jiru taʼus, namoonni hedduun nyaata gaʼaa hin argatan. Maaliif? Qarshii nyaata ykn lafa irratti oomishan ittiin bitatan waan hin qabneefi dha. Namoonni biliyoona tokkoo ol taʼan guyyaatti doolaara tokkoo gad argatu. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waggaa waggaatti daaʼimman miliyoonaan lakkaaʼaman nyaata gaʼaa fayyaa isaaniitiif barbaachisu dhabuudhaan akka duʼan ibseera.

8, 9. Wantoonni raajiin Yesuus kirkira lafaa fi dhukkuba ilaalchisee dubbate raawwatamuu isaa argisiisan maal faʼi?

8 Kirkira lafaa. Yesuus, “Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa” jedhee dubbateera. (Luqaas 21:11) Waggaa waggaatti kirkirri lafaa humna guddaa qabu hedduun akka uumamu ni eegama. Bara 1900tii eegalee namoonni miliyoona lamaa ol taʼan kirkira lafaatiin duʼaniiru. Teknoolojiin kirkirri lafaa akka dhufuuf jedhu beeksisu kan jiru taʼus, amma iyyuu namoonni hedduun kirkira lafaatiin duʼaa jiru.

9 Dhukkuba. Yesuus “golfaan” akka taʼu raajii dubbateera. Dhukkuboonni ciccimoon saffisaan babalʼatu, akkasumas namoota baayʼee ajjeesu. (Luqaas 21:11) Ogeeyyiin fayyaa akkamitti dhukkuboota hedduu fayyisuu akka dandaʼan kan beekan taʼus, amma iyyuu dhukkuboonni qoricha hin qabne jiru. Gabaasni tokko akka ibsetti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan dhukkuboota akka daranyoo sombaa, busaa fi koleeraatiin ni duʼu. Kana malees, ogeeyyiin fayyaa dhukkuboota haaraa 30 kan argatan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko qoricha hin qaban.

AMALAWWAN NAMOONNI GUYYOOTA DHUMAATTI ARGISIISAN

Fakkiiwwan wantoota yeroo dhumaatti taʼan argisiisan: nama dhukkubsate, namoota qarshii fi gammachuu jaallatan, maatii rakkinni isa mudate, loltoota waraana irra jiran

10. 2 Ximotewos 3:1-5 yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

10 Kitaabni Qulqulluun 2 Ximotewos 3:1-5 irratti, “guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu” dubbata. Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaatti namoonni hedduun amala akkamii akka qabaatan ibseera. Namoonni,

  • ofittoo

  • maallaqa kan jaallatan

  • warra isaaniitiif kan hin ajajamne

  • amanamoo kan hin taane

  • maatii isaaniitiif jaalala kan hin qabne

  • kan of hin toʼanne

  • hamootaa fi kan nama lolan

  • Waaqayyo caalaa gammachuu kan jaallatan

  • Waaqayyoon akka jaallatan kan dubbatan taʼanis kan isaaf hin ajajamne taʼu

11. Faarfannaan 92:7 akka jedhutti jalʼoota irra maaltu gaʼa?

11 Naannoo ati jiraattutti namoota hedduutu amala akkasii argisiisaa? Addunyaa irratti namoonni amala akkasii qaban baayʼee dha. Taʼus, Waaqayyo dhiheenyatti tarkaanfii ni fudhata. Waaqayyo, “Warri jalʼoonni akka margaa biqila yoo tolan iyyuu, warri hamaa godhan hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan raawwatanii balleefamuuf jiru” jechuudhaan waadaa galeera.—Faarfannaa 92:7.

MISIRAACHOO GUYYOOTA DHUMAATTI ARGAMU

12, 13. Yihowaan guyyoota dhumaatti maalfaa nu barsiiseera?

12 Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa keessatti addunyaan gadadoo fi dhiphinaan akka guutamu raajii dubbateera. Haa taʼu malee, wanti gaariinis akka jiraatu ni dubbata.

Jehovah’s Witnesses preach the good news of the Kingdom throughout the earth

“Misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama.”—Maatewos 24:14

13 Kitaaba Qulqulluu hubachuu. Daaniʼel raajichi waaʼee guyyoota dhumaa barreessee ture. ‘Beekumsi [dhugaan, NW] akka baayʼatu’ dubbateera. (Daaniʼel 12:4) Waaqayyo yeroo kam iyyuu caalaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti akka hubataniif saba isaatiif hubannaa ni kenna. Yihowaan keessumaa bara 1914 kaasee akkas gochaa jira. Fakkeenyaaf, barbaachisummaa maqaa isaa fi kaayyoo inni lafaaf qabu nu barsiiseera; akkasumas furii, yeroo duunu maal akka taanuu fi duʼaa kaʼuu ilaalchisee dhugaa isaa nu barsiiseera. Rakkoowwan keenya hunda furuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼes baranneerra. Kana malees, gammachuu argachuu kan dandeenyuu fi karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranneerra. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta baratan kanaa wajjin haala qabateen maal godhu? Raajiin kan biraan tokko deebii kanaa nuu kenna.—Ibsa Dabalataa 21 fi 25 ilaali.

14. Misiraachoon Mootummichaa eessatti lallabamaa jira? Kan lallaban hoo eenyu faʼi?

14 Hojii lallabaa addunyaa maratti hojjetamu. Yesuus waaʼee guyyoota dhumaa yeroo dubbate, “Misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jedhee ture. (Maatewos 24:3, 14) Misiraachoon Mootummichaa biyyoota 230 ol keessatti afaan 700 oliin lallabamaa jira. Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa lafaa irra jiranii fi ‘saba hundumaa keessaa fi gosa hundumaa keessaa’ dhufan, namoonni Mootummichi maal akka taʼee fi ilmaan namootaatiif maal akka godhu akka hubatan gargaaraa jiru. (Mulʼata 7:9) Hojii hojjetan kanaaf kaffaltii hin gaafatan. Namoota baayʼeedhaan kan jibbamanii fi kan ariʼataman taʼu illee akkuma Yesuus dursee dubbate wanti hojii lallabaa kana dhaabsisuu dandaʼu hin jiru.—Luqaas 21:17.

MAAL GOCHUU QABDA?

15. (a) Guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru ni amantaa? Maaliif? (b) Warra Yihowaadhaaf ajajaman maaltu eeggata? Warra hin ajajamne hoo?

15 Guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru ni amantaa? Raajiiwwan guyyoota dhumaa ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbataman hedduun raawwatamaa jiru. Dhiheenyatti Yihowaan hojiin lallabaa akka dhaabatu murteessuu dandaʼa; sana boodas “dhumni” ni dhufa. (Maatewos 24:14) Dhumni kun maali dha? Armaagedoon, jechuunis yeroo itti Waaqayyo hammeenya hunda balleessu dha. Yihowaan, qaamota Isaafis taʼe Ilma isaatiif hin ajajamne hunda balleessuuf, Yesuusii fi Maleekota isaa warra humna guddaa qabanitti fayyadama. (2 Tasalonqee 1:6-9) Sana booda, Seexannii fi jinniiwwan isaa namoota hin gowwoomsan. Warri Waaqayyoof ajajamuu fi Mootummichaaf bitamuu barbaadan hundi waadaa Waaqayyo gale marti yeroo raawwatamu ni argu.—Mulʼata 20:1-3; 21:3-5.

16. Yeroo dhumni baayʼee dhihaate kanatti maal gochuu qabda?

16 Addunyaan bulchiinsa Seexanaa jala jiru kun dhiheenyatti ni bada. Kanaaf, ‘Maal gochuun qaba?’ jennee of gaafachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Yihowaan hamma dandeesse Kitaaba Qulqulluu akka barattu barbaada. Qoʼannaa keetiif xiyyeeffannaa kennuu qabda. (Yohaannis 17:3) Dhugaa Baatonni Yihowaa torban torbaniin walgaʼiiwwan namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaran qabu. Walgaʼiiwwan kana irratti yeroo hunda argamuuf carraaqi. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Jijjiirama gochuu akka qabdu yoo hubatte, akka gochuu irraa duubatti hin jedhin. Akkas yeroo gootu walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu caalaatti cima.—Yaaqoob 4:8.

17. Namoonni hedduun dhumni yeroo dhufu wanta hin eegne kan isaanitti taʼu maaliifi?

17 Phaawulos ergamaan, badiisni hamootaa yeroo namoonni baayʼeen hin eegnetti, “akkuma hattuun halkaniin dhufutti” akka dhufu dubbateera. (1 Tasalonqee 5:2) Yesuus namoonni hedduun ragaalee guyyoota dhumaa keessa jiraachuu keenya mirkaneessaniif xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbatee ture. Akkana jedheera: “Akkuma bara Nohitti ture, argamuun Ilma namaas akkuma kana taʼa. Namoonni sun bara sanatti Bishaan Badiisaa dura hanga guyyaa Noh dooniitti galetti, nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan; isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamuun Ilma namaas akkanuma ni taʼa.”—Maatewos 24:37-39.

18. Yesuus akeekkachiisa akkamii nuu kenne?

18 Yesuus, ‘akka malee nyaachuu, akka malee dhuguu fi yaaddoon jireenyaa’ yaada keenya akka hin hihhirre nu akeekkachiiseera. Dhumni akka tasaa, jechuunis “akka kiyyootti” akka dhufus dubbateera. Akkasumas, guyyaan kun “namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti akka dhufu” dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Kanaaf, dammaqaa eegaa, akkasumas wantoota taʼuun isaanii hin oolle kana hunda jalaa baʼuu fi Ilma namaa dura dhaabachuu akka dandeessaniif yeroo hunda wawwaannaa [ykn kadhannaa garaadhaa madde] dhiheessaa” jedheera. (Luqaas 21:34-36) Akeekkachiisa Yesuus kenne dhagaʼuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Dhiheenyatti addunyaan Seexanaa hamaa taʼe kun waan balleeffamuufi dha. Badiisa kana irraa oolanii addunyaa haaraa keessa bara baraaf kan jiraatan, namoota Yihowaa fi Yesuus biratti fudhatama argatan qofa dha.—Yohaannis 3:16; 2 Pheexiros 3:13.

a Mikaaʼel maqaa kan biraa Yesuus Kiristoos ittiin waamamu dha. Odeeffannoo dabalataatiif, Ibsa Dabalataa 23 ilaali.

QABXIILEE IJOO

DHUGAA 1: YIHOWAAN WANTA FUULDURATTI TAʼU NU BEEKSISA

“Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin taʼin jiru dubbadheera.”—Isaayaas 46:10

Yeroo dhumaa ilaalchisee maal beekna?

  • Daaniʼel 7:13, 14

    Yesuus bara 1914⁠tti samii irratti Mootii taʼeera.

  • Maatewos 24:3-14

    Yesuus yeroon namootaaf rakkisaan akka dhufu raajii dubbateera.

  • Mulʼata 12:7-9, 12

    Yesuus Mootii taʼee utuu baayʼee hin turin Seexana samii irraa gara lafaatti darbateera. Seexanni, Waaqayyo “yeroo gabaabaa” booda sochii ala akka isa godhu waan beekeef baayʼee aareera.

DHUGAA 2: YEROO DHUMAA KEESSA JIRRA

“Mallattoon . . . dhuma sirna kanaa maal akka taʼe nutti himi.”—Maatewos 24:3

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yommuu raawwataman argiteettaa?

  • Maatewos 24:7; Luqaas 21:11

    Yeroo kam iyyuu caalaa waraanni, beelli, kirkirri lafaa fi dhukkubni baayʼateera.

  • 2 Ximotewos 3:1-5

    Phaawulos guyyoota dhumaatti namoonni amala akkamii akka qabaatan ibseera.

  • Daaniʼel 12:4

    Waaqayyo, sabni isaa yeroo kam iyyuu caalaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti akka hubatu gargaaraa jira.

  • Maatewos 24:14

    Misiraachichi guutummaa lafaa irratti lallabamaa jira.

DHUGAA 3: YIHOWAA GAMMACHIISUUF AMMUMA TARKAANFII FUDHADHU

“Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti [dhufa].”—1 Tasalonqee 5:2

Yeroo dhumni baayʼee dhihaate kanatti maal gochuu qabda?

  • Yohaannis 17:3

    Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf xiyyeeffannaa kenni.

  • Ibroota 10:24, 25

    Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuudhaan beekumsa dabalataa argadhu.

  • Yaaqoob 4:8

    Jijjiirama barbaachisu gochuudhaan Waaqayyotti dhihaadhu.

  • Luqaas 21:34-36

    Wantoota yaada kee hihhiran irraa fagaachuudhaan Yihowaa waaqeffachuu irratti xiyyeeffadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi