LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rj kutaa 5 ful. 12-15
  • ‘Gara Tiksee Fi Ilaaltuu Ol Aanaa Lubbuu Keetti Deebiʼi’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Gara Tiksee Fi Ilaaltuu Ol Aanaa Lubbuu Keetti Deebiʼi’
  • Gara Yihowaatti Deebiʼi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Gara Kootti Deebiʼaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Inni Si Jabeessa
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Gara Yihowaatti Deebiʼi
rj kutaa 5 ful. 12-15

KUTAA 5

‘Gara Tiksee Fi Ilaaltuu Ol Aanaa Lubbuu Keetti Deebiʼi’

Rakkoowwan birooshura kana keessatti ibsaman keessaa tokko ykn isaa ol kan taʼan si irra gaʼaniiruu? Taanaan rakkinni akkanaa kan irra gaʼe si qofa miti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon bara duriittis taʼe yeroo ammaa jiraatan hedduun rakkoowwan akkanaa isaan irra gaʼaniiru. Akkuma isaan rakkoowwan akkanaa moʼuuf Yihowaa irraa gargaarsa argatan, atis gargaarsa argachuu ni dandeessa.

“Yihowaan matumaa akka ana hin dhiisne hubachuun jalqabe; wanti na barbaachisu karaan itti gara isaatti deebiʼu argachuu qofa ture”

ATI gara Yihowaatti yoo deebite inni akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan dhiphina si irra gaʼu akka dandammattu, miirri kee inni miidhame akka fayyu, akkasumas nagaa sammuu fi garaa isa qalbii qulqulluu qabaachuu irraa argamu akka argattu si gargaara. Achiis namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin deebitee isa tajaajiluuf kakaʼuu dandeessa. Haalli kee haala Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Pheexiros ergamaan, “Isin akka hoolota karaa irraa maqanii turtan; amma garuu gara tiksee fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu keessaniitti deebitaniittu” jechuudhaan isaaniif barreesse tokko tokkoo wajjin wal fakkaachuu dandaʼa.—1 Pheexiros 2:25.

Gara Yihowaatti deebiʼuun wanta gochuu qabdu keessaa isa hunda irra caalu akka taʼe beekamaa dha. Akkana kan jennu maaliifi? Kana gochuudhaan garaa Yihowaa gammachiista. (Fakkeenya 27:11) Akkuma beektu Yihowaan miira qaba, kanaaf gochi keenya isa gammachiisa ykn isa gaddisiisa. Dhugaa dha, Yihowaan akka isa jaallannus taʼe akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. (Keessa Deebii 30:19, 20) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko, “Balballi garaa namaa alaan qabannoo hin qabu. Kanaaf, karaa keessaa banamuu qaba” jechuudhaan dhimma kana ibseera. Nutis garaa jaalalaan guutameen Yihowaa waaqeffachuudhaan, balbala sana banuu filachuu dandeenya. Yommuu kana goonu, kennaa gatii guddaa qabu, jechuunis amanamummaa keenya isaaf kennina; akkasumas garaa isaa guddaa gammachiisna. Dhuguma iyyuu, wanti gammachuu waaqeffannaa Yihowaadhaaf malu isaaf kennuudhaan argamuu wajjin wal gituu dandaʼu tokko illee hin jiru.—Hojii Ergamootaa 20:35; Mulʼata 4:11.

Obboleettiin qabbanooftee turte tokko gumii keessatti miira hoʼaadhaan yommuu simatamtu

Kana malees, sochii Kiristiyaanummaa kee deebistee yommuu jalqabdu, fedhiin hafuuraa kee siif guutama. (Maatewos 5:3) Karaa kamiin? Namoonni addunyaa maratti argaman, ‘Lafa irra kan jiraannu maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Kaayyoo jireenyaa ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼaniif deebii argachuuf hawwii guddaa qabu. Yihowaan fedhii kanaa wajjin waan isaan uumeef, namoonni fedhii akkanaa qabu. Inni isa tajaajiluudhaan milkaaʼina akka argannu godhee nu uume. Gammachuu isa jaalalaan kakaanee Yihowaa waaqeffachaa akka jirru beekuudhaan argamu caalaa, wanti gammachuu nuuf argamsiisu hin jiru.—Faarfannaa 63:1-5.

Yihowaan gara isaatti akka deebitu kan barbaadu taʼuu isaa beeki. Waaʼee kanaa akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? Mee yaadi: Birooshurri kun kadhannaa hedduun erga godhamee booda of eeggannoodhaan qophaaʼe. Birooshura kana kan siif kenne jaarsa ykn dhugaa baatuu kan biraa tokko taʼuu dandaʼa. Achiis dubbisuu fi ergaa isaa hojii irra oolchuuf kakaate. Kun hundi Yihowaan akka si hin irraanfanne mirkaneessa. Suuta jedhee deebisee ofitti si harkisaa jira.—Yohaannis 6:44.

Yihowaan tajaajiltoota isaa badan matumaa akka hin irraanfanne beekuudhaan jajjabina argachuu dandeenya. Obboleettiin Doonaa jedhamtu dhugaa kana hubachuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Dhugaa irraa kanan fagaadhe suutuma suuta ture, taʼus yeroo baayʼee Faarfannaa 139:23, 24 irratti nan xiinxala. Caqasichi, ‘Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki! Karaa nama miidhu irra buʼeen jira yoo taʼe ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!’ jedha. Ani kan addunyaa akkan hin turre beeka, matumaa addunyaa wajjin wal hin simu; kana malees, bakki taʼuun anaaf malu jaarmiyaa Yihowaa keessa taʼuu isaa beekan ture. Yihowaan matumaa akka ana hin dhiisne hubachuun jalqabe; wanti na barbaachisu karaan itti gara isaatti deebiʼu argachuu qofa ture. Gara isaatti deebiʼuu koottis baayʼee gammadeera!”

Ati gara isaatti yoo deebite Yihowaan si gargaara

Atis deebitee ‘gammachuu Yihowaa’ akka argattu kadhannaa garaadhaa madde sii dhiheessina. (Nahimiyaa 8:10, NW) Gara Yihowaatti deebiʼuu keetti matumaa hin gaabbitu.

Deebiiwwan Gaaffii Gara Yihowaatti Deebiʼuu Ilaalchisee Kaʼuuf Kennaman

MAAL IRRAAN JALQABA?

Obboleettiin qabbanooftee tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirti

Namni dhukkubsatee ture tokko wantoota kanaan dura hojjechaa turetti suutuma suuta deebiʼuun isa barbaachisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, atis yoo xinnaate guyyaa guyyaadhaan nyaata hafuuraa xinnoo fudhachuuf yaalii gochuudhaan jabina Kiristiyaanummaa kee cimsachuu dandeessa. Waan hundumaa yeroo tokkotti gochuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu Tarii daqiiqaa muraasaaf Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuu, barreeffamoota keenya keessaa tokko qayyabachuu, weebsaayitii jw.org sakattaʼuu yookiin sagantaa biroodkaastii jw.org irratti darbu tokko ilaaluu dandeessa. Akkasumas, utuu yeroo hin balleessin walgaʼii gumii irratti argamuuf yaalii godhi. Hunda caalaa immoo Yihowaatti kadhannaa dhiheessi, akkasumas gargaarsa isaa gaafadhu. ‘Inni siif waan yaaduuf yaaddoo kee hundumaa isa irratti gati.’—1 Pheexiros 5:7.

“Ergan qabbanaaʼee booda kadhannaa gochuuf illee baayʼee qaanaʼeen ture. Akkuma taʼetti jajjabaadhee ergan kadhadhee booda jaarsi gumii koo keessa jiru tokko dhufee na gaafate. Obboleessi kunis Yihowaan anatti abdii akka hin kutanne akkan hubadhu na gargaare. Kana malees, Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan akkan jalqabu yaada naaf dhiheesse. Anis yaada kana hojii irra yommuun oolchu jabina deebiʼee walgaʼii gumii irratti argamuuf na barbaachisun argadhe. Yeroo boodas tajaajila irratti hirmaachuun jalqabe. Yihowaan abdii waan anatti hin kutanneef baayʼeen gammada.”— Eevaa.

GUMIIN AKKAMITTI NA SIMATA?

Miseensonni gumii miira hoʼaadhaan akka si simatan mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Si ceephaʼuu yookiin sitti murteessuu mannaa, akka si jaallatan sii mirkaneessu, akkasumas si jajjabeessuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda ni godhu.—Ibroota 10:24, 25.

“Deebiʼee gara Galma Mootummaa dhaquun na qaanessee ture. Michoonni koo akkamitti na simatu laata jedhee yaaddaʼeen ture. Obboleettota keenya maanguddoota taʼanii fi waggaa 30 dura achi turan keessaa tokko, ‘Ilma ko, gara mana keetti baga nagaan deebite!’ naan jedhan. Kunis baayʼee garaa koo na tuqe. Dhuguma iyyuu mana koottan deebiʼe.”—Jaaviir.

“Gara Galma Mootummaa dhaqeen namni tokko illee akka ana hin argineef toora dhumaa irran taaʼe. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen ijoollummaa kootti gumii irratti hirmaachaa akkan ture yaadatan. Kanaaf na simatanii jaalalaan waan na hammataniif nagaa guddaa akkan argadhe natti dhagaʼame. Haalli isaa mana kootti deebiʼuu wajjin wal fakkaata ture.”—Maarkoo.

JAARSOLIIN AKKAMITTI NA GARGAARU?

Jaarsoliin gaarummaadhaan si qabu. “Jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana” deebistee qabsiisuuf fedhii qabaachuu keetti si galateeffatu. (Mulʼata 2:4) Dogoggora hojjette kam iyyuu akka sirreessitu gara laafinaan kan si gargaaran siʼa taʼu, kanas “hafuura garraamummaatiin” godhu. (Galaatiyaa 6:1; Fakkeenya 28:13) Jaarsoliin namni tokko tarii kitaabota kanneen akka Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! ykn Yihowaatti Dhihaadhu jedhamaniin akka si qayyabsiisu qophii siif godhu. Jaarsoliin tarkaanfii ati fudhattu hundumaa irratti akka si jajjabeessanii fi akka si gargaaran mirkanaaʼaa taʼi.—Isaayaas 32:1, 2.

“Yeroon waggaa saddeetiif qabbanaaʼee turetti jaarsoliin na argachuuf carraaqqii gochaa turan. Gaaf tokko jaarsi tokko suuraawwan kanaan dura waliin kaane tokko tokko anatti argisiise. Kunis yaadannoo gaarii gara sammuu kootti waan fideef, gammachuu yeroon Yihowaa tajaajilaa turetti argachaa ture hawwuun jalqabe. Jaarsoliin sochii hafuuraa gochuu koo deebisee akkan jalqabu jaalalaan na gargaaran.”—Viktoor.

‘Inni Si Jabeessa’

Obboleettonni lama gumii keessatti kitaaba faarfannaa tokkoon yommuu faarfatan

Kitaabni faarfannaa keenya, inni Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu, faarfannaawwan gaggaarii sochii hafuuraa kee deebistee akka jalqabdu si jajjabeessuu dandaʼan hedduu qabateera. Fakkeenyaaf walaloo faarfannaa lakkoofsa 38 ilaali. Faarfannaan kun 1 Pheexiros 5:​10 irratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, mata duree “Inni Si Jabeessa” jedhu qaba.

  1. Waaqayyo waa malee dhugaa siʼn beeksisne,

    Dukkanarraa ifatti siʼn waamne.

    Fedha garaa keetii isa barbaaduu kee,

    Waan qajeelaa jaallachuu kee arge.

    Waadaa galte deemuuf karaasaarra;

    Si gargaareera, sii wajjin jira.

  2. Yihowaan siif kenne Ilmasaa jaallatu;

    Fedhee milkaaʼina akka ’rgattu.

    Erga siʼn dhoowwannee tokkicha Ilmasaa,

    Hin shakkini Inni si jabeessa!

    Amantiif jaalala kee’n dagatu,

    Tajaajilaasaa hin irraanfatu.

    (BUUSAA)

    Dhiiga Yesuusiin bitee, kansaa si godhate.

    Kanaaf si jabeessa, ni dhaabbatta cimtee.

    Akka durii si qajeelcha, inni si eega.

    Eeyyee si jabeessa, si dhaaba, si cimsa.

Yihowaa Faarfadhaa—Sagaleedhaan

Muuziqaa kanaa fi faarfannaawwan Mootummichaa warra kaan dhaggeeffachuuf,koodicha dubbisiisi ykn jw.org ilaali. Mata duree PUBLICATIONS > MUSIC jedhu jala ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi