LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 3 ful. 9-11
  • Warra Koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Warra Koo Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Abbaan Ykn Haati Koo Yoo Dhukkubsatan Hoo?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Warri Koo Akkan Bashannanuuf Matumaa kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yommuu Gaddi Ijoollee Mudatu
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 3 ful. 9-11
Dargaggeessi tokko abbaan isaa yommuu isatti dubbatu achi irraa garagalee jira

GAAFII 3

Warra Koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Warra kee wajjin caalaatti yommuu walii galtu, jireenyi kee gammachiisaa taʼa.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Guyyaan isaa Roobii galgala dha. Jabeessaa inni umuriin isaa 17 taʼe hojii isaa xumuree, bohaaruuf qophaaʼaa jira! Televizyinii banee soofaa irratti lafa dhaʼe.

Battaluma sana abbaan isaa kan ol seene siʼa taʼu, wanta argettis hin gammanne.

“Jabeessa! Obboleessa kee isa xinnoo hojii manaa akka hojjetu gargaaru mannaa, televizyinii ilaaluudhaan maaliif yeroo kee gubda? Ati matumaa hin dhageessu jechuu dhaa?”

Jabeessaan sagalee isaa dhageessisee gungumaa “Itti kaʼe eegaa immoo” jedhe.

Abbaanis gurra isaa qeensee, “Maal jette gurbaa?” jedhe.

Jabeessaan aariidhaan ija babaasee “Homaa iyyuu” jedhee deebise.

Yeroo kanatti abbaan isaa baayʼee aaree, “Lammata deebii akkasii akka naa hin kennine!” jedhe.

Ati Jabeessaa utuu taatee, haalli kun akka hin uumamneef maal goota turte?

TAKKA YAADI!

Warra kee wajjin dubbachuun konkolaataa oofuu wajjin wal fakkaata. Karaan ati irra deemtu yoo cufame, karaa kan biraa barbaadda.

FAKKEENYA:

Shamarreen Liyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaa koo wajjin dubbachuun natti ulfaata. Yeroo tokko tokko yommuun isa haasofsiisu gidduutti ‘Dhiifama, sirriitti si hin dhaggeeffanne; maal jettee?’ naan jedha.”

LIYAAN YOO XINNAATE FILANNOO SADII QABDI.

  1. Abbaa ishiitti aariidhaan dubbachuu.

    Liyaan, “Wanta barbaachisaan sitti himaa jiraam! Maaliif na hin dhaggeeffattu?” jetti.

  2. Abbaa ishii wajjin dubbachuu dhiisuuf murteessuu.

    Liyaan yaalii rakkina ishii mudate abbaa ishiitti himuuf gootu dhiisti.

  3. Yeroo mijaaʼaa kan biraatti dhimma sana deebistee kaasuu.

    Liyaan rakkoo ishii mudate ilaalchisee fuulleetti abbaa ishiitti dubbatti ykn isaaf barreessiti.

Liyaan filannoo isa kam yoo filatte gaarii sitti fakkaata?

MEE YAADI: Abbaan Liyaa xiyyeeffannaan isaa waan hihhirameef, wanti ishii yaaddesse akka jiru hin hubanne. Kanaaf Liyaan Filannoo A yoo filatte, abbaan ishii sababii ishiin itti aariidhaan dubbatte hubachuu dhiisuu dandaʼa. Filannoon kun abbaan ishii akka ishii dhaggeeffatu hin godhu; akkasumas, akka isa kabajju hin argisiisu. (Efesoon 6:2) Kanaaf filannoon kun buʼaa barbaadame hin argamsiisu.

Konkolaataan tokko karaa cufame bira gaʼee yommuu dhaabattu

Karaan yommuu cufamu daandii kan biraa akkuma barbaaddu, warra kee wajjin walii galuufis karaa barbaaduu dandeessa

Filannoon B salphaa taʼus, buʼaa gaarii hin argamsiisu. Maaliif? Liyaan rakkina ishii mudate karaa buʼa qabeessa taʼeen hiikuuf abbaa ishii mariisisuun ishii barbaachisa; ishii gargaaruu kan dandaʼu wanta ishii mudate yoo beeke qofa dha. Callisuun ishii faayidaa hin qabu.

Liyaan Filannoo C yoo filatte garuu wanti karaa ishiitti cufe gufuu akka itti taʼu hin gootu. Kanaa mannaa, dhimmicha yeroo kan biraatti kaasuuf yaalti. Yaada ishii abbaa ishiitiif yoo barreessite immoo, yeruma sana miirri ishii tasgabbaaʼuu dandaʼa.

Yaada ishii barreessuun ishii wanta dubbachuu barbaadde sirriitti ibsuufis gargaaruunii dandaʼa. Abbaan ishii wanta ishiin barreessite yommuu dubbisu wanta ishiin isatti himuu barbaadde ni hubata; kun immoo haala ishii dhiphise sirriitti hubachuuf isa gargaara. Kanaaf filannoon C Liyaas taʼe abbaa ishii ni fayyada. Yaada ishii kan ibsitu fuulleettis taʼe barreeffamaan, filannoon kun gorsa Kitaaba Qulqulluu, ‘wantoota nagaa argamsiisuuf gargaaran haa hordofnu’ jedhuu wajjin kan wal simu dha.—Roomaa 14:19.

Liyaan filannoo kan biraa akkamii qabaachuu dandeessi?

Wanti filannoo taʼuu dandaʼa jettu yoo jiraate bakka duwwaa kenname irratti barreessi. Achiis buʼaa isaa barreessi.

GORSA GAARII KITAABNI QULQULLUUN KENNU

“Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.” —Efesoon 6:2.

“Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.”—Qolosaayis 4:6.

“Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.

WANTA DOGOGGORAAN HUBATAMUU DANDAʼU HIN DUBBATIN

Warri kee yeroo tokko tokko wanta ati dubbattu karaa ati hin yaanneen hubachuu akka dandaʼan yaadadhu.

FAKKEENYA:

Warri kee maaliif akka gaddite si gaafatu taʼa. Ati immoo, “Waaʼee kanaa dubbachuu hin barbaadu” jetta.

Yeroo kanatti warri kee, “Iccitii koo isinitti himuun natti ulfaata. Hiriyoota kootti malee isinitti himuu hin barbaadu” akka isaaniin jette godhanii yaaduu dandaʼu.

Rakkina cimaa keessa waan jirtuuf, warri kee si gargaaruu barbaadan haa jennu. Ati garuu “Hin yaaddaʼinaa. Maal gochuu akkan qabu beeka” jette.

  • Warri kee akkamitti si hubatu?

  • Deebii gaariin ati kennuu dandeessu:

Karoora

  • Yeroo itti aanu warra kootti dubbachuu dhiisuuf yoon qorame akkasin godha:

  • Warri koo wanta ani dubbachuu hin barbaanne akkan isaanitti himu yoo na dirqisiisan akkasin godha:

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi