LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ypq gaaffii 7 ful. 21-23
  • Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Dhiibbaan yoo Na Irra Gaʼe Hoo?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Dhiibbaan yoo Na Irra Gaʼe Hoo?
  • Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Saalqunnamtiin Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa Laata?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Dhiibbaa Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Na Irra Gaʼu Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhugumaan Saalqunnamtii Jedhamaa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Ijoollee Keessan Waaʼee Saalaa Haasofsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
ypq gaaffii 7 ful. 21-23
Shamarreen umurii kurnanii keessa jirtu teessee yommuu yaaddu

GAAFII 7

Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Dhiibbaan yoo Na Irra Gaʼe Hoo?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Murtoon ati saalqunnamtii ilaalchisee gootu jireenya kee gara fuulduraa irratti jijjiirama guddaa fida.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Lalisee fi Naaʼol erga wal baranii reefuu jiʼa lama taʼus, yeroo dheeraadhaaf waan wal beekan ishiitti fakkaata. Yeroo hunda ergaa walii ergu, bilbilaan saʼaatii dheeraadhaaf haasaʼu, akkasumas hanga yaada walii beekuutti illee gaʼaniiru! Haa taʼu malee Naaʼol hariiroon isaanii haasaa irra kan darbe akka taʼu barbaade.

Jiʼoottan lamaan darbanitti Naaʼolii fi Laliseen harka wal qabachuu fi wal dhungachuu irra darbanii wanta kan biraa hin goone. Laliseen kana irra darbitee deemuu hin barbaaddu. Taʼus Naaʼoliin dhabuu hin feetu. Bareedduu fi warra kaan irraa adda akka taate akka ishiitti dhagaʼamu kan godhu isa qofa dha. ‘Kana malees anii fi Naaʼol wal jaallanneerra . . . ’ ofiin jetti.

Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf umuriin kee gaʼeera yoo taʼe, haalli akka Lalisee utuu si mudatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Uffata ittiin haxaʼamaa jiru

Saalqunnamtiin kennaa Waaqayyo namoota gaaʼela godhataniif qofa kenne dha. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun garuu kennaa kana mancaasuu dha. Kun uffata bareedaa namni tokko sii kenne uffata ittiin xurii haxaaʼan gochuu wajjin walfakkaata

Seera uumamaa kan akka harkisa lafaa yoo cabsite miidhaan akka si irra gaʼu beekamaa dha. Seera naamusaa isa, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedhu yoo cabsites miidhaan si irra gaʼuun isaa hin oolu. —1 Tasalonqee 4:3.

Ajaja kana cabsuun miidhaa akkamii geessisa? Kitaabni Qulqulluun, “Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate . . . qaama isaa irratti cubbuu hojjeta” jedha. (1 Qorontos 6:18) Kun dhugaa dhaa?

Qorattoonni, dargaggoonni gocha kana raawwatan hedduun miidhaawwan armaan gadii keessaa tokko ykn isaa ol akka isaan irra gaʼe dubbatu.

  • GADDA. Dargaggoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan hedduun sana booda akka gaabban dubbataniiru.

  • SHAKKII. Saalqunnamtii erga raawwatanii booda lamaan isaanii iyyuu, ‘Nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwateeraa ykn raawwatteettii laata?’ jedhanii yaadu.

  • YAADDOO. Shamarran hedduun dhiira isaan eegu malee dhiira isaanitti fayyadamu hin barbaadan. Dhiironni hedduun immoo shamarree tokko irraa wanta barbaadan erga argatanii booda shamarreen sun baayʼee isaan hin hawwattu.

  • Dhugaa jiru: Gaaʼela dura saalqunnamtii kan raawwattu yoo taʼe wanta gatii guddaa qabu balleessuudhaan of salphista. (Roomaa 1:24) Qaama kee akka waan gatii guddaa qabuutti ilaaluu qabda!

Kanaaf cimina ‘halalummaa irraa fagaachuuf’ si dandeessisu akka qabdu argisiisi. (1 Tasalonqee 4:3) Gaaf tokko yommuu gaaʼela godhattu saalqunnamtii raawwachuu dandeessa. Yaaddoo fi gaabbii gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun yeroo baayʼee geessisu irraa walaba taʼuudhaan gammachuu guutuu argachuu dandeessa. —Fakkeenya 7:22, 23; 1 Qorontos 7:3.

Maal Sitti Fakkaata?

  • Namni dhugumaan si jaallatu, wanta qaamaa fi miira kee miidhu si irratti ni raawwataa?

  • Namni dhugumaan siif yaadu wanta hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu balaadhaaf saaxilu akka raawwattu si gaafataa?—Ibroota 13:4.

Shamarraniif Qofa

Shamarreen umurii kurnanii keessa jirtu teessee yommuu yaaddu

Dhiironni hedduun shamarree isaanii wajjin saalqunnamtii raawwatte fuudhuu akka hin barbaanne dubbataniiru. Maaliif? Shamarree durbummaa qabdu fuudhuu waan filataniifi dha!

Kun si dinqisiisaa? Tarii si aarsuus dandaʼa. Taanaan kana qalbeeffadhu: Fiilmiinis taʼe sagantaan televizyiniidhaan darbu saalqunnamtiin umurii kurnanii keessatti raawwatamu gammachiisaa fi miidhaa kan hin qabne ykn jaalala dhugaa kan argisiisu akka taʼe fakkeessanii dhiheessu.

Hin gowwoomin! Namoonni gaaʼela dura saalqunnamtii akka raawwattu si sossoban faayidaa mataa isaaniitiif jedhanii ti.—1 Qorontos 13:4, 5.

DHIIROTAAF QOFA

Dargaggeessi umurii kurnanii keessa jiru taaʼee yommuu yaaddu

Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabdeetta taanaan, ‘Dhugumaan jaalallee kootiif nan yaadaa?’ jedhii of gaafadhu. Eeyyee yoo jette, kana argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Cimina seera Waaqayyoo hordofuuf, akkasumas ogummaa haala qorumsa keessa si galchu irraa fagaachuuf si gargaaru akka qabdu argisiisuudhaani dha; jaalallee keetiif yaaduudhaanis akka ishii jaallattu argisiisuu dandeessa.

Amalawwan akkasii yoo qabaatte, jaalalleen kee akkuma Shulaamittii qulqulluu turte sanaa, “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan jaalallee kootii ti” jechuu dandeessi. (Weedduu Weedduu Caalu 2:16) Jaalalli ishiin siif qabdu dabalaa deema!

GORSA GAARII

Namni tokko, “Utuu na jaallatta taʼee tole naaf jetta turte” jedhee saalqunnamtii akka raawwattu yoo si sossobe, ati immoo ija jabinaan, “Atis utuu na jaallatta taʼee gaaffii akkasii na hin gaafattu turte!” jedhii deebisiif.

Saala faallaa wajjin haala walqabateen, seerri gaariin ati hordofuu qabdu kana dha: Warri kee wanta ati gootu akka argan hin barbaaddu taanaan wanta sana gochuu hin qabdu.

Karoora

  • Namni tokko isaa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu yoo si gaafate maal jettee deebista?

  • Haalawwan lakki jechuun akka sitti ulfaatu godhan maal faʼi?

  • Haalawwan akkasii irraa fagaachuuf maal gochuu dandeessa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi