LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 11 ful. 32-ful. 33 key. 2
  • Qorumsa Amantii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qorumsa Amantii
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Amantii Abrahaam Qore
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Waaqayyo Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka dhiheessu kan isa gaafate maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 11 ful. 32-ful. 33 key. 2
Abrahaamii fi Yisihaaq gara Moriiyaa yommuu deeman

BARUMSA 11

Qorumsa Amantii

Abrahaam, ilmi isaa Yisihaaq Yihowaa akka jaallatuu fi abdii Yihowaan kenne hundatti akka amanamu isa barsiiseera. Haa taʼu malee, Yisihaaq yommuu umuriin isaa gara waggaa 25 taʼu, Yihowaan wanta baayʼee ulfaataa taʼe tokko akka raawwatu Abrahaamiin gaafate. Wanti kun maal ture?

Waaqayyo, Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Maaloo, ilma kee isa tokkicha fuudhiitii gaara biyya Moriiyaa keessa jiru irratti aarsaa godhii dhiheessi.’ Abrahaam, Yihowaan akkas akka godhu kan isa gaafate maaliif akka taʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaadhaaf ajajameera.

Abrahaam borumtaa isaa ganama bariidhaan Yisihaaqii fi tajaajiltoota isaa lama fudhatee gara Moriiyaatti qajeele. Guyyaa sadii booda, gaarawwan sun fagoodhaa isaanitti mulʼachuu jalqaban. Abrahaam, innii fi Yisihaaq yommuu aarsaa dhiheessuuf deeman tajaajiltoonni isaa achumatti akka isaan eegan itti hime. Abrahaam Yisihaaqiin qoraan baachisee, ofii isaatii immoo halbee fudhate. Yisihaaq, ‘Bineeldi aarsaa goonu meerre?’ jedhee abbaa isaa gaafate. Abrahaamis, ‘Ilma ko, Yihowaan ni qopheessa’ jedhee deebiseef.

Dhuma irratti yommuu gaara sana bira gaʼan, iddoo aarsaa irratti dhiheessan ijaaran. Abrahaamis, harkaa fi miilla Yisihaaq hidhee iddoo aarsaa sana irra isa ciibse.

Yisihaaq aarsaa irratti hidhamee, Abrahaam immoo halbee qabatee

Achiis Abrahaam halbee fudhate. Battaluma sanatti maleekaan Yihowaa samii keessaa isa waamee akkana jedheen: ‘Abrahaam! Mucicha hin miidhin! Ilma kee aarsaa gochuuf tole waan jetteef, amma Waaqayyo irratti amantii akka qabdu hubadheera.’ Achiis Abrahaam korbeessa hoolaa gaanfi isaa daggala keessatti qabame tokko arge. Innis dafee Yisihaaqiin hiikee korbeessa hoolaa sana aarsaa godhee dhiheesse.

Guyyaa sanaa kaasee, Yihowaan Abrahaamiin michuu koo jedhee isa waamuu jalqabe. Maaliif akka taʼe beektaa? Abrahaam Yihowaan wanta tokko akka godhu kan isa gaafatu maaliif akka taʼe hubachuu baatu illee, wanta Yihowaan akka inni godhu barbaadu hunda ni raawwata ture.

Abrahaam Yisihaaqiin yommuu hiiku

Yihowaan ammas, ‘Sin eebbisa; ijoollee kee ykn sanyii kee nan baayʼisa’ jedhee Abrahaamiif waadaa gale. Kunis Yihowaan karaa maatii Abrahaam namoota gaarii taʼan hunda ni eebbisa jechuu dha.

“Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16

Gaaffii: Abrahaam Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti? Yihowaan Abrahaamiif waadaa akkamii gale?

Uumama 22:1-18; Ibroota 11:17-19; Yaaqoob 2:21-23

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi