LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 46 ful. 112-ful. 113 key. 1
  • Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti Geggeeffame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti Geggeeffame
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dammaqinaafi Obsaan Eegeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 46 ful. 112-ful. 113 key. 1
Ibiddi Yihowaa biraa dhufe aarsaa Eeliyaas dhiheesse yommuu gubu

BARUMSA 46

Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti Geggeeffame

Mootonni Mootummaa Israaʼel gosoota kurnanii hedduun hamoo kan turan taʼanis, Ahaab garuu hunda isaanii caalaa hamaa ture. Inni dubartii hamtuu Baʼaaliin waaqeffattu fuudhee ture. Maqaan ishii Iizaabel jedhama. Ahaabii fi Iizaabel biyyicha waaqeffannaa Baʼaaliin guutaniiru; akkasumas raajota Yihowaa ajjeesaniiru. Yihowaan hoo maal godhe ree? Ergaa tokko akka isatti himuuf Eeliyaas raajicha gara Ahaabitti erge.

Eeliyaasis sababii hammina Ahaab Mootichaatiin, Israaʼel keessatti bokkaan akka hin roobne isatti hime. Waggaa sadii oliif midhaan waan hin biqilleef, sabichi ni beelaʼe. Yihowaan yeroo booda deebisee Eeliyaasiin gara Ahaabitti erge. Mootichis, ‘Ati nama rakkina uumu dha! Kun hundi kan taʼe balleessaa keetiini’ isaan jedhe. Eeliyaas garuu, ‘Ongeen kun kan dhufe sababii kootiin miti. Rakkinni kun kan dhufe, waan ati Baʼaaliin waaqeffattuufi dha. Qorumsa tokko haa qopheessinu. Sabichaa fi raajota Baʼaal Gaara Qarmeelos gubbaatti walitti qabi’ isaan jedhe.

Sabichi gaaricha irratti walitti qabame. Eeliyaasis, ‘Egaa murteessaa. Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe isa hordofaa. Baʼaal waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa hordofaa. Ani yaada kana nan dhiheessa. Raajonni Baʼaal 450​ni aarsaa qopheessanii waaqa isaanii haa waammatan; anis aarsaa qopheessee Yihowaa nan waammadha. Inni ibiddaa ergee deebisu Waaqa dhugaa dha’ jedhe. Namoonni sunis kana irratti walii galan.

Raajonni Baʼaalis aarsaa qopheessan. Guyyaa guutuu, ‘Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!’ jedhanii gara waaqa isaaniitti iyyaa oolan. Baʼaal utuu deebii isaaniif hin kennin yommuu hafu, Eeliyaas isaanitti qoosuu jalqabe. ‘Hamma dandeessan sagalee keessan guddisaatii waamaa. Tarii hirribatu isa fudhate taʼa, kanaaf namni isa dammaqsu isa barbaachisuu dandaʼa’ jedhe. Aduun dhihus, raajonni Baʼaal garuu waammachuu isaanii ittuma fufan. Taʼus amma iyyuu deebiin hin jiru.

Eeliyaas aarsaa isaa iddoo aarsaa irra kaaʼee bishaan irratti dhangalaase. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, maaloo namoonni kun ati Waaqa dhugaa taʼuu kee akka beekan godhi’ jedhee kadhate. Yihowaanis aarsaa sana gubuuf yeruma sana samii irraa ibidda erge. Namoonnis, ‘Yihowaan Waaqa dhugaa dha!’ jedhanii iyyan. Eeliyaas, ‘Raajonni Baʼaal akka hin miliqne godhaa!’ jedhe. Gaafa sana raajonni Baʼaal 450​ni ni ajjeefaman.

Duumessi xinnoon tokko galaanicha irratti yommuu mulʼatu Eeliyaas Ahaabiin, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira. Gaarii fardaa kee feʼadhuutii gara mana kee dhaqi’ jedhe. Samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; achiis bokkaa yandoon roobuu jalqabe. Dhuma irrattis, ongeen ni dhaabate. Ahaab hamma dandaʼe gaariin fardaa isaa akka oofamu godhe. Eeliyaas gargaarsa Yihowaatiin gaarii sana caalaa ariitiidhaan fiiguu dandaʼeera! Haa taʼu malee, Eeliyaas rakkina isaa hundaaf furmaata argateeraa? Mee haa ilaallu.

“Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.”—Faarfannaa 83:18

Gaaffii: Qorumsi Gaara Qarmeelos irratti geggeeffame maal ture? Yihowaan kadhannaa Eeliyaasiif deebii kan kenne akkamitti?

1 Mootota 16:29-33; 17:1; 18:1, 2, 17-46; Yaaqoob 5:16-18

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi