FAARFANNAA 11
Uumamni Waaqayyoon Jajata
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Hojiiwwan kee ulfina sii fidu,
Ol samiirraa hundi si faarfatu.
Uumamni si faarsa dubbii malee;
Utuu hin dhageessisin sagalee.
Guutummaa lafaarrattʼ ergaa hima;
Dubbii malee isaaf dhagaʼama.
2. Ogummaan si sodaachuun jalqaba
Ni qajeelcha daandiif dubbii namaa.
Ijoollee fi maanguddoo barsiisa,
Warqii caalaa guddaa dha gatiinsaa.
Ogummaarratt’ hundaaʼa seerri kee,
Gatiinsaa ni caala gatii warqee.
3. Waan si beekneef, jireeny’ hiika qaba,
Dubbii keetu lubbuu nuu utuba.
Namoonni maqaa kee qulqulleessan
Ni argatu ulfina olaanaa.
Namoonni maqaa keetiif dhaabbatan
Ni argatu ulfina olaanaa.
(Dabalataan, Far. 12:6; 89:7; 144:3; Rom. 1:20 ilaali.)