FAARFANNAA 71
Nu Raayyaa Yihowaa Ti!
1. Nu raayyaa Yihowaa ti,
Yesuusiin bulla.
Seexanni nu mormuyyuu,
Tokkummaan hiriirra.
Garaadhaa tajaajilla,
Hundaaf lallabna;
Homaa hin sodaannu
Kutatoo taana.
(BUUSAA)
Nu raayyaa Yihowaa ti,
Kiristoos faana;
Waaqni bulchuu akka
Jalqabe himna.
2. Yihowaa tajaajilla,
Dhaqnee barbaanna,
Hoolota isaa badan,
Gaddaaf booʼaa jiran.
Deddeebinee dhaquudhaan
Argannee soorra;
Galma Walgaʼiitti
Isaan affeerra.
(BUUSAA)
Nu raayyaa Yihowaa ti,
Kiristoos faana;
Waaqni bulchuu akka
Jalqabe himna.
3. Nu raayyaa Yihowaa ti,
Yesuus gaggeessaa.
Guutummaatti hidhannee,
Dhaabbanna karaasaa.
Kan of eeggannu taʼus,
Garraamii taana.
Dhugaatti qabamna,
Yeroo rakkinaa.
(BUUSAA)
Nu raayyaa Yihowaa ti,
Kiristoos faana;
Waaqni bulchuu akka
Jalqabe himna.
(Dabalataan, Efe. 6:11, 14; Filp. 1:7; Film. 2 ilaali.)