FAARFANNAA 83
“Manaa Gara Manaatti”
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Manaa gara manaa deemna,
Dubbicha lallabna.
Magaalaattis baadiyyaattis
Hoolota barbaanna.
Akkuma Yesuus dubbate,
Addunyaa maratti
Mootummicha labsaa jiru
Kan dhagaʼan marti.
2. Manaa gara manaa deemna,
Fayyina lallabna.
Fayyuuf garuu dirqama dha
Maqaa Waaqaa waamuun.
Maqaasaa akkamiin waamu
Waaqa beekuu baannaan?
Maqicha beeksisuu qabna,
Mana hunda dhaqna.
3. Kanaaf mana namaa deemna
Misiraachoo himna.
Fudhatanis nu didanis,
Filannoo kennina.
Maqaa Waaqaa itti himna,
Dhugaasaa beeksisna.
Manaa gara manaa deemna,
Hoolota arganna.
(Dabalataan, HoE. 2:21; Rom. 10:14 ilaali.)