FAARFANNAA 93
Walgaʼii Keenya Nuu Eebbisi
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yaa Yihowaa nu eebbisi,
Walgaʼii yeroo goonu.
Qophii kanaaf galatoomi;
Hafuura haa argannu.
2. Karaa hundaan nu calali;
Dubbii kee nu barsiisi.
Dhugaa baʼuu nu leenjisi;
Jaalala nuu guddisi.
3. Walgaʼii keenya eebbisi;
Haa qabaannu tokkummaa.
Kan si guddisu haa taʼu
Dubbii fi gochi keenya.
(Dabalataan, Far. 22:22; 34:3; Isa. 50:4 ilaali.)