FAARFANNAA 133
Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Waaqni nu dargaggoof iddoo kenna,
Jabina keenya isaaf kennina.
Jaalalaan xiyyeeffannaa nuu kenna,
Nuuf ni eebbisa jireenya keenya.
2. Warra keenya nuuf yaadan kabajna
Ulfina ʼsaaniif qabnu ibsina.
Taanaan, Waaqnis namnis nu jaallatu,
Yihowaanis nurraa hin fagaatu.
3. Dhugaa jaallachuutti guddachuudhaan,
Waaqa yaadanna dargaggummaadhaan.
Waaqa keenyaaf waan wayyu kennina;
Karaa kanaan isa gammachiisna.
(Dabalataan, Far. 71:17; Faru. 3:27; Efe. 6:1-3 ilaali.)