LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rr ful. 25
  • Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu
  • Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Qabiyyee Kitaaba Hisqiʼel
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • “Dhumni Si Irratti Dhufeera”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
rr ful. 25
Fakkiiwwan: Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu. 1. Mulʼata: namicha bifti isaa sibiila diimaa fakkaatuu fi wadaroo quncee talbaa irraa tolfamee fi shomboqqoo safaraa qabatee jiru. 2. Fakkeenya: distii ibidda irra jiru. 3. Hojiin Argisiisa: Hisqiʼel xuubiitti naannessee dallaa yommuu ijaaru.

SAANDUQA 2A

Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu

RAAJII JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Ibrootaa naavaa jedhuu fi “raajii dubbachuu” jedhamee hiikame, adda durummaadhaan ergaa, murtii, barumsa naamusaa ykn ajaja Waaqayyo biraa dhufe labsuu kan argisiisu dha. Jechi kun wanta gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee wanta Waaqayyo dubbate labsuus kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Raajiiwwan Hisqiʼel mulʼatawwan Waaqayyo biraa dhufan kana hundumaa kan dabalatu dha.—His. 3:10, 11; 11:4-8; 14:6, 7; 37:9, 10; 38:1-4.

KARAAWWAN ITTI HIMAMAN

  • Namicha bifti isaa sibiila diimaa fakkaatuu fi wadaroo quncee talbaa irraa tolfamee fi shomboqqoo safaraa qabatee jiru.

    MULʼATA

  • Distii ibidda irra jiru.

    FAKKEENYA

  • Hisqiʼel xuubiitti naannessee dallaa yommuu ijaaru.

    HOJIIN ARGISIISA

Kitaabni Hisqiʼel mulʼatawwan, fakkeenyotaa fi hojiin argisiisawwan ergaa raajii dabarsan qabateera.

RAAWWII ISAANII

Raajiiwwan Hisqiʼel dubbate yeroo tokko tokko raawwii tokkoo ol qabu. Fakkeenyaaf, yeroo sabni Waaqayyoo gara Biyyattii Abdachiifamteetti deebiʼanitti raajiiwwan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu dubbataman hamma tokko raawwii isaanii argataniiru. Taʼus akkuma Boqonnaa 9⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, raajiiwwan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ibsan hedduun yeroo ammaatti raawwatamaa jiru, gara fuulduraattis ni raawwatamu.

Kanaan dura wantoonni raajiiwwan Hisqiʼel keessatti ibsaman hedduun wantoota dhugaa taʼanii fi gaaddidduu taʼan akka argisiisanitti yaanna turre. Haa taʼu malee, akkas jechuuf Kitaaba Qulqulluu keessatti ragaan ifa taʼe hamma hin jirretti kitaabni kun namni, wanti, iddoon ykn taʼeen kam iyyuu raajii bara keenyatti raawwatamu tokkoof gaaddidduu akka taʼe hin ibsu.a Kanaa mannaa kitaabichi raawwii guguddaa raajiiwwan Hisqiʼel keessatti dubbataman hedduu irratti xiyyeeffata. Kana malees ergaa Hisqiʼel irraa, akkasumas namoota, iddoowwanii fi taʼeewwan inni caqase irraa barumsawwan argachuu dandeenyu ibsa.

Gara boqonnaa 2, keeyyata 30tti deebiʼi

a Wantoota dhugaa taʼanii fi gaaddidduu taʼan ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2015, ful. 9-11, key. 7-12; fi “Gaaffii Dubbistootaa” barruu kanaa ful. 17-18 irra jiru ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi