SAANDUQA 2B
Jireenya Hisqiʼelii Fi Bara Inni Jiraate
Hisqiʼel jechuun “Waaqayyo ni Cimsa” jechuu dha. Raajiiwwan inni barreesse akeekkachiisawwan hedduu kan qabatan taʼus, akka walii galaatti ergaan isaa maqaa isaa wajjin kan wal simuu fi amantii warra Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu barbaadanii kan cimsu dha.
RAAJOTA BARA ISAATTI TURAN
ERMIYAAS,
maatii lubootaa keessaa kan dhufee fi yeroo baayʼee Yerusaalem keessatti kan tajaajile (Dh.K.D. bara 647-580)
HULDAA
Dhaloota Kiristoos Dura naannoo bara 642tti yeroo kitaabni Seerichaa mana qulqullummaa keessatti argametti kan tajaajilte
DAANIʼEL,
gosa mootota Yihudaa keessaa kan dhufee fi Dh.K.D. bara 617tti gara Baabilonitti kan geeffame
ANBAAQOM
jalqaba bulchiinsa Yehoyaaqiimitti Yihudaa keessatti kan tajaajile taʼuu hin oolu
OBAADIYAA
Edoom irratti raajii kan dubbate yeroo Yerusaalem balleeffamtetti taʼuu hin oolu
RAAJII KAN DUBBATAN YOOMI? (BAROONNI HUNDI DH.K.D. DHA)
TAʼEEWWAN GUGUDDOO BARA HISQIʼELITTI RAAWWATAMAN (BAROONNI HUNDI DH.K.D. DHA)
n. 643: Dhalate
617: Boojiʼamee gara Baabilonitti geeffame
613: Raajii dubbachuu jalqabe; mulʼata Yihowaa biraa dhufe arge
612: Gantummaa mana qulqullummaa keessatti raawwatamu mulʼataan arge
611: Yerusaalemiin balaaleffachuu jalqabe
609: Haati manaa isaa ni duute; Yerusaalem yeroo dhumaatiif marfamuu jalqabde
607: Yerusaalem balleeffamuu ishii dhagaʼe
593: Mulʼata mana qulqullummaa arge
591: Nebukadnezaar Gibxii akka weeraru raajii dubbate; raajii isaa barreessee xumure
MOOTOTA YIHUDAA FI BAABILON
659-629: Yosiyaas waaqeffannaa qulqulluu kan babalʼise taʼus waraana Faraʼoon Nekoo wajjin godhameen duʼeera
628: Yehoʼahaaz jiʼa sadiif hamminaan kan bulche yeroo taʼu, Faraʼoon Nekoon isa boojiʼeera
628-618: Faraʼoon Nekoon Yehoyaaqiim isa mootii hamaa ture gibira kaffalchiiseera
625: Nebukadnezaar loltoota Gibxii injifate
620: Nebukadnezaar yeroo jalqabaatiif Yihudaa weeraree Yehoyaaqiim Yerusaalem keessatti gibira akka isaaf kaffalu godhe
618: Yehoyaaqiim Nebukadnezaar irratti fincile; taʼus yeroo warri Baabilon siʼa lammaffaadhaaf Biyyattii Abdachiifamte weeraranitti duʼuu hin oolu
617: Yehoyaakiin inni Yikooniyaa jedhamees waamamu, mootii hamaa jiʼa sadiif bulche yeroo taʼu, boodas harka isaa Nebukadnezaaritti kennateera
617-607: Nebukadnezaar Zedeeqiyaa isa mootii hamaa fi sodaattuu taʼe, gibira kaffalchiiseera
609: Zedeeqiyaan Nebukadnezaar irratti fincile; achiis Nebukadnezaar yeroo sadaffaadhaaf Yihudaa weerare
607: Nebukadnezaar Yerusaalemiin balleesse, Zedeeqiyaa boojiʼee ija isaa jaamse, achiis gara Baabilonitti isa geesse