SAANDUQA 9E
‘Yeroo Wanti Hundi Itti Haareffamu’
HOJII ERGAMOOTAA 3:21
Pheexiros waaʼee ‘yeroo wanti hundi itti haareffamuu’ yommuu dubbatu waaʼee yeroo dinqisiisaa Kiristoos Mootii itti taʼe irraa jalqabee hanga dhuma Barkumeetti itti fufuu raajiidhaan dubbachuu isaa ture.
1914—Yesuus Kiristoos samii keessatti Mootii taʼee teessoo irra taaʼe. Sabni Waaqayyoo bara 1919 eegalee karaa hafuuraa haareffamuu jalqaban
Guyyoota Dhumaa
ARMAAGEDOON—Bulchiinsi Barkumee Kiristoos ni jalqaba, ‘yeroon wanti hundi itti haareffamus’ ilmaan namootaa ajajamoo lafa irra jiraataniif eebba argamsiisuu kan dabalatu taʼa
Bulchiinsa Barkumee
DHUMA BARKUMEE—Yesuus hojii haaressuu hunda xumuree Mootummicha Abbaa isaatti dabarsee kenna
Jannata Bara Baraa
BULCHIINSI YESUUS . . .
maqaa Waaqayyootiif ulfina fida
warra dhukkubsatan ni fayyisa
warra dullooman dargaggummaatti deebisa
warra duʼan duʼaa ni kaasa
namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan godha
lafa Jannata godha