LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rr ful. 206
  • Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!
  • Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lagichi Eebba Argamsiisa
  • Bishaan Jireenya Kennu
  • Mukeetii Nyaataa fi Qorichaaf Taʼan
  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
rr ful. 206

SAANDUQA 19B

Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!

Hisqiʼel burqaan tokko iddoo qulqulluu Yihowaa keessaa maddee haala dinqii taʼeen fageenya gara kiilomeetira lamaa gidduutti gara laga guddaatti yommuu guddatu argeera. Lagicha qarqarattis mukeetii lalisoo nyaataa fi qorichaaf taʼan argeera. Kun hundi hiika maalii qaba?

Lagni iddoo qulqulluu Yihowaa keessaa yaaʼu tokko laga gadi fagoo taʼe. Mallattoowwan lagni yaaʼu tokko gadi fageenya hammamii akka qabu argisiisan. dhundhuma 1,000: gulubii bira kan gaʼu. dhundhuma 2,000: jilba bira kan gaʼu. dhundhuma 3,000: mudhii bira kan gaʼu. dhundhuma 4,000: miilaan ceʼuun kan hin dandaʼamne.

Lagichi Eebba Argamsiisa

BARA DURIITTI: Warri boojiʼaman biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda waaqeffannaa qulqulluu mana qulqullummaa keessatti dhihaatu deebisanii hundeessuu irratti yommuu hirmaatan eebbi gara isaaniitti yaaʼeera

BARA KEENYATTI: Bara 1919⁠tti waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuudhaan eebbi hedduun tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo taʼaniif akka yaaʼu karaa baneera

GARA FUULDURAATTI: Armaagedoon booda eebbawwan karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu fayyadan Yihowaa biraa ni yaaʼu

Bishaan Jireenya Kennu

BARA DURIITTI: Yihowaan sabni isaa warri ajajamoo taʼan lakkoofsi isaanii yommuu dabaletti illee, karaa hafuuraa akka lalisan gochuudhaan baayʼee isaan eebbiseera

BARA KEENYATTI: Jannata hafuuraa guddachaa jiru keessatti namoonni yeroo kam iyyuu caalaa lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe eebba hafuuraa Yihowaa isa balʼinaan yaaʼaa jiru irraa fayyadamaa jiru; akkasumas karaa hafuuraa gara jireenyaatti dhufaa jiru

GARA FUULDURAATTI: Warri Armaagedoon irraa oolan, namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi duʼaa kaʼanii wajjin eebba Yihowaa isa hunduma isaaniitiif gaʼu ni argatu

Mukeetii Nyaataa fi Qorichaaf Taʼan

BARA DURIITTI: Yihowaan saba isaa warra amanamoo taʼan biyya isaanii isa deebiʼee hundeeffame keessatti karaa hafuuraa sooreera; dhukkuba karaa hafuuraa yeroo dheeraadhaaf keessa turan irraas isaan fayyiseera

BARA KEENYATTI: Nyaanni hafuuraa baayʼinaan dhihaachaa jiru namoonni dhukkubaa fi beela hafuuraa addunyaa kana keessa jiru akka dandamatan gargaaraa jira

GARA FUULDURAATTI: Kiristoosii fi namoonni 144,000 warri isaa wajjin bulchan ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi mudaa kan hin qabne akka taʼan, akkasumas bara baraaf fayyaa fi humna guutuu qabaatanii akka jiraatan gargaaru!

Gara boqonnaa 19, keeyyata 4-21tti deebiʼi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi