LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 19 ful. 22
  • Garaa Tuquuf Carraaquu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Tuquuf Carraaquu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Garaa Namootaa Tuquuf Carraaqii Gochuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Kan Nama Ijaaruu fi Nama Jajjabeessu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 19 ful. 22

QOʼANNAA 19

Garaa Tuquuf Carraaquu

Caqasa kenname

Fakkeenya 3:1

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee wanta baratan akka dinqisiifatanii fi akka hojii irra oolchan gargaari.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Dhaggeeffattoonni kee akka of qoran gargaari. Namoonni si dhaggeeffatan miira isaanii akka qoran gargaaruuf gaaffii deebii hin barbaanne gaafadhu.

  • Kakaʼumsa gaarii akka qabaatan jajjabeessi. Dhaggeeffattoonni kee hojiiwwan gaarii taʼan hojjechuu kan qaban maaliif akka taʼe akka qoran jajjabeessi. Kakaʼumsa gaarii, jechuunis Yihowaadhaaf, namootaa fi barumsawwan Kitaaba Qulqulluutiif jaalala akka horatan gargaari. Ragaa dhiheessuudhaan isaan amansiisi malee, isaan hin ceephaʼin. Balleessaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu mannaa, haasaan kee akka isaan jajjabeessee fi wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuuf akka isaan kakaase akka itti dhagaʼamu godhi.

  • Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan godhi. Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa fi ajajawwan isaa, amala Waaqayyoo fi jaalala inni nuuf qabu akkamitti akka calaqqisiisan addeessi. Dhaggeeffattoonni kee miira Yihowaa hubachuu fi isa gammachiisuuf hawwii akka qabaatan godhi.

    Gorsa gaarii

    Yihowaan namoota gara ofii isaatti akka harkisu yaadadhu. Dhaggeeffattoota kee kakaasuuf Dubbii isaatti fayyadami.

TAJAAJILA IRRATTI

Namni si dhaggeeffatu maal jedhee akka amanu beekuuf yeroo dandaʼamutti gaaffiitti fayyadami. Miirri isaa inni dhugaan maal akka taʼe hubachuuf, wanta fuula isaa irraa mulʼatuu fi ergaa sagaleen isaa dabarsu hubadhu. Taʼus, obsa qabaadhu. Namni si dhaggeeffatu miira isaa akka siif ibsu gochuuf amanannaa akka si irratti qabaatu taasisuun si barbaachisa taʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi