LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • CO-pgm20 ful. 7-8
  • Odeeffannoo

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Odeeffannoo
  • Sagantaa Walgaʼii Naannoo 2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WALGAʼII ADDA TAʼE
  • Odeeffannoo
    2024 Sagantaa Walgaʼii Naannoo
  • Odeeffannoo
    2023 Sagantaa Walgaʼii Naannoo
  • Walgaʼii Adda Taʼe
    Sagantaa Walgaʼii Naannoo 2019
  • Odeeffannoo
    Sagantaa Walgaʼii Naannoo 2018
Dabalataan Ilaaluuf
Sagantaa Walgaʼii Naannoo 2020
CO-pgm20 ful. 7-8

Odeeffannoo

KEESSUMSIISTOTA Keessumsiistonni isin gargaaruuf ramadaman. Kanaaf, maaloo konkolaataa dhaabuu, karaa baʼuu fi galuu qabdan, iddoo taaʼumsaa qabuu fi wantoota gara biraa ilaalchisee qajeelfama isinii kennaniif ajajamaa.

CUUPHAA Iddoo kan biraan yoo ibsamuu baate, kaadhimamtoota cuuphaatiif iddoon taaʼumsaa kan qophaaʼu waltajjii fuuldura dha. Kaadhimamtoonni cuuphaa, Sanbadduraa ganama haasaan cuuphaa jalqabuu isaa dura iddoo isaaniif qophaaʼe taaʼuu qabu. Hundi isaanii, fooxaa fi uffata seera qabeessa cuuphaadhaaf taʼu qabatanii dhufuu qabu.

BUUSII Teessuma gaʼaa, meeshaalee sagalee fi wantoota barbaachisaa taʼan hedduu qopheessuudhaan, walgaʼicha gammachiisaa fi caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu kan nu gargaaru akka taʼu gochuuf baasii hedduun baʼeera. Buusiin fedhaan gootan, baasiiwwan kana bakka buusuuf kan gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, hojii addunyaa maratti hojjetamaa jiruuf oola. Saanduqoonni mallattoon saanduqa buusii jedhu irratti maxxanfame, bakka walgaʼichaatti iddoo mijaaʼaa taʼe gara garaa kaaʼamaniiru. Weebsaayitii donate.jw.org irrattis intarneetiidhaan buusii gochuu dandeessu. Buusii gootan hundumaaf guddaa isin galateeffanna. Qaamni Ol Aanaan, deggersa hojii Mootummichaatiif gaarummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffata.

GARGAARSA JALQABAA Kutaan kun gargaarsa kan godhu namoota akka tasaa dhukkubsataniif qofa taʼuu isaa qalbeeffadhaa.

BAKKA MEESHAALEEN BADANII ARGAMAN KAAʼAMAN Wantoonni badanii argamanii fi kan eenyuu akka taʼan hin beekamne hundi, kutaa kanatti geeffamuu qabu. Meeshaan keessan yoo isin jalaa bade kutaa kana dhaqaatii wanta isin jalaa bade adda baafachuudhaan fudhadhaa. Daaʼimman warra isaanii jalaa badanis bakka kanatti geeffamuu qabu. Haa taʼu malee, rakkinni hin barbaachisne akka hin uumamneef, ijoollee keessan toʼachuudhaan akka isaan isin irraa hin fagaanne godhaa.

IDDOO TAAʼUMSAA Maaloo warra kaaniif yaadaa. Iddoo taaʼumsaa qabuu kan dandeessan, namoota konkolaataa tokkoon waliin dhuftanii fi miseensota maatii keessaniitiif ykn warra yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirtaniif qofa taʼuu isaa hin dagatinaa. Iddoo taaʼumsaa namaaf hin qabne irra miʼa keessan hin kaaʼinaa.

TAJAAJILA FEDHAA Hojii walgaʼii kana irratti hojjetamu fedhaan gargaaruu yoo barbaaddan, kutaa kanatti beeksisuudhaan bakka namni barbaadamutti ramadamtanii tajaajiluu dandeessu.

WALGAʼII ADDA TAʼE

Dhugaa Baatuun Yihowaa takka dubartii takkaaf dhugaa baʼaa jirti.

Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa Qajeelchitoonni tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadanii fi umuriin isaanii 23 hanga 65 taʼan, Dilbata waaree booda walgaʼii obboloota Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barachuu barbaadaniif qophaaʼe irratti akka argaman affeeramaniiru. Bakkii fi saʼaatiin walgaʼiin kun itti geggeeffamu dursee ni beeksifama.

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan Qophaaʼe

© 2020 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi