LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 46
  • Of Murteessuu fi Cuuphamuu kan Qabdu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Of Murteessuu fi Cuuphamuu kan Qabdu Maaliifi?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Yihowaadhaaf Of Murteessuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Waaqayyoof Of Murteessuu fi Cuuphamuun Qabaa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 46
Barumsa 46. Namni tokko kophaa isaa yommuu kadhatu.

BARUMSA 46

Of Murteessuu fi Cuuphamuu kan Qabdu Maaliifi?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaa qofa akka waaqeffattuu fi jireenya kee keessatti fedha isaatiif dursa akka kennitu kadhannaadhaan waadaa galuudhaan isaaf of murteessita. (Faarfannaa 40:8) Sana booda ni cuuphamta. Akkas gochuudhaan, akka isaaf of murteessite warra kaanitti argisiista. Yihowaadhaaf of murteessuun keenya murtoo gochuu dandeenyu kam irra iyyuu kan caalu dha. Murtoo cimaa fi jireenya kee jijjiiru kana gochuuf wanti si kakaasu maal taʼuu dandaʼa?

1. Namni tokko akka of murteessu kan isa kakaasu maali dha?

Yihowaadhaaf akka of murteessinu kan nu kakaasu jaalala dha. (1 Yohaannis 4:10, 19) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Maarqos 12:30) Waaqayyoon akka jaallannu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin wanta goonuunis ni argisiisna. Akkuma dhiirrii fi dubartiin baayʼee wal jaallatan tokko gaaʼela godhatan, jaalalli Yihowaadhaaf qabnus akka isaaf of murteessinuu fi akka cuuphamnu nu kakaasa.

2. Yihowaan Dhugaa Baatota isaa warra cuuphamaniif eebba akkamii qopheesseera?

Yeroo cuuphamtutti miseensota maatii Yihowaa gammachuu qaban keessaa tokko taata. Akkas taanaan jaalala inni siif qabu karaa hedduudhaan argita; akkasumas isa ammaa caalaa isatti dhihaatta. (Miilkiyaas 3:16-18 dubbisi.) Kana malees Yihowaan Abbaa kee siif taʼa, maatii hafuuraa addunyaa maratti argamuu fi siinis taʼe Yihowaa jaallatu qabaatta. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Haa taʼu malee, cuuphamuu kee dura tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu qabda. Waaʼee Yihowaa barachuu, isa jaallachuu fi Ilma isaatti amanuu si barbaachisa. Dhuma irrattis Yihowaadhaaf of murteessuu qabda. Tarkaanfiiwwan kana fudhattee yoo cuuphamte, bara baraaf gammachuudhaan jiraatta. Dubbiin Waaqayyoo, “Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira” jedha.—1 Pheexiros 3:21.

CAALAATTI BARADHU

Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe baradhu.

3. Hundi keenya eenyuun akka tajaajillu filachuu qabna

Israaʼel durii keessatti, namoonni tokko tokko Yihowaa fi Baʼaal isa waaqa tolfamaa taʼe waaqeffachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼamee ture. Taʼus ilaalcha dogoggoraa kana sirreessuuf Yihowaan Eliyaas isa raajii isaa taʼe ergeera. Mootota Tokkoffaa 18:21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Israaʼelonni filannaa akkamii gochuu qabu turan?

Akkuma Israaʼelotaa nutis eenyuun akka tajaajillu filachuu qabna. Luqaas 16:13 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaa fi qaama kan biraa ykn wanta kan biraa waaqeffachuu kan hin dandeenye maaliifi?

  • Yihowaa waaqeffachuu akka filanne isatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

4. Jaalala Yihowaan siif qabu irratti xiinxali

Fakkiiwwan: Namni tokko wanta Waaqayyo isaaf kenne irratti yommuu yaadu. 1. Jaalalli, jaalala haati takka daaʼima ishiitiif qabduun ibsameera. 2. Nyaata nama gammachiisu, kuduraalee fi muduraalee garaa garaatiin ibsameera. 3. Kitaaba Qulqulluu. 4. Aarsaa furii Yesuus Kiristoos.

Yihowaan kennaawwan gatii guddaa qaban hedduu nuuf kenneera. Nutoo maal isaaf kennuu dandeenya? VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Kennaa Keessan Waaqayyoof Dhiheessaa (3:04)

Karaawwan Yihowaan jaalala sitti argisiise keessaa tokko tokko kam faʼi? Faarfannaa 104:14, 15 fi 1 Yohaannis 4:9, 10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kennaawwan Yihowaa irraa argatte keessaa isa kam caalaatti dinqisiifatta?

  • Kennaawwan kun waaʼee isaa maaltu akka sitti dhagaʼamu godhu?

Kennaan baayʼee jaallannu tokko yommuu nuuf kennamu, dinqisiifannaa nama kennaa sana nuuf kenneef qabnu argisiisuu barbaanna. Keessa Deebii 16:17 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wanta Yihowaan siif godhe hunda irratti yommuu yaaddu, maal isaaf kennuuf kakaata?

5. Of murteessuun eebba hedduu argamsiisa

Namoonni hedduun beekamtiin, hojii gaariin ykn maallaqni gammachuu argamsiisa jedhanii amanu. Garuu kun dhugaa dhaa? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Waan Hundumaa Caalaa Kubbaa Miilaa Taphachuun Jaalladhan Ture (5:45)

Fakkiiwwan: Fakkiiwwan viidiyoo ‘Waan Hundumaa Caalaa Kubbaa Miilaa Taphachuun Jaalladhan Ture’ jedhu irraa fudhataman. 1. Andireen deebisee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. 2. Andireen intala isaa wajjin yommuu lallabu.
  • Namni viidiyicha irratti ibsamee fi kubbaa miilaa taphachuu jaallatu kun, hojii isaa kana kan dhiise maaliifi?

  • Jireenya isaa kubbaa miilaatiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf murteessuuf filate. Maarree namni kun murtoo sirrii waan godhe sitti fakkaataa? Maaliif?

Phaawulos ergamaan Kiristiyaana taʼuu isaa dura hojii iddoo guddaa qabu argachuuf carraaqaa ture. Seera Yihudootaa barsiisaa beekamaa tokko irraa barateera. Haa taʼu malee Kiristiyaana taʼuuf wanta kana dhiiseera. Maarree Phaawulos kana gochuu isaatti gaabbeeraa? Filiphisiyus 3:8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Phaawulos wanta Kiristiyaana taʼuu isaa dura raawwate “akka kosiitti” ykn akka balfaatti akka ilaalu kan dubbate maaliifi?

  • Kana gochuu isaatiin hoo maal argate?

  • Yihowaa tajaajiluu moo wanta kan biraa gochuutu jireenya gaarii akka jiraattu si taasisa?

Fakkiiwwan: 1. Saaʼol Fariisicha isa of jajuu fi yeroo booda Phaawulos jedhame. 2. Phaawulos ergamaan inni amanamaa taʼe Kiristiyaanotaaf xalayaa yommuu barreessu.

Phaawulos Kiristiyaana yeroo taʼetti, wanta dhiise caalaa argateera

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kun dhugaa akka taʼe beeka, garuu jireenya koo Waaqayyoof murteessuu hin dandaʼu.”

  • Yihowaadhaaf of murteessuun barbaachisaa akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi?

MAAL BARATTE?

Jaalalli Yihowaadhaaf akka of murteessinuu fi akka cuuphamnu nu kakaasa.

Irra Deebii

  • Garaa keenya guutuu Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuun keenya isaaf mala kan jennu maaliifi?

  • Yihowaan Dhugaa Baatota isaa warra cuuphaman kan badhaasu akkamitti?

  • Atoo Yihowaadhaaf of murteessuu ni barbaaddaa?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Weellistuun takkaa fi namni kubbaa taphatu tokko jireenya isaanii Yihowaadhaaf murteessuuf kan filatan maaliif akka taʼe ilaali.

Gaaffii Dargaggootaa—Jireenya Koo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya?—Seenaa Darbe (6:52)

Sababiiwwan Yihowaadhaaf of murteessuu itti qabdu dabalataa ilaali.

“Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2010)

Muuziqaa viidiyoodhaan qophaaʼe kana irraa, namoonni Yihowaadhaaf of murteessan gammachuu akkamii akka qaban hubadhu.

Ani Siifan Jiraadha (4:30)

Seenaa jireenyaa “Waggoota Hedduudhaaf Kaayyoon Jireenyaa Maal Akka Taʼe Gaafachaan Ture” jedhu irraa, dubartiin takka wanta jireenya ishii keessatti dursa kennituuf irratti akka yaaddu kan ishii kakaase maal akka taʼe hubadhu.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi