LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 3
  • Gaarummaa Argisiisi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaarummaa Argisiisi
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • ‘Seera Gaarummaatiinʼ Geggeeffami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Gaarummaa—Amala Dubbii fi Gochaan Argisiifamu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Yaada Kiristos Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 3

MARII JALQABUU

Yesuus namicha qaro dhabeessa tokko fayyisuuf suuta jedhee itti dhihaachaa jira.

Yoh. 9:1-7

BARUMSA 3

Gaarummaa Argisiisi

Dhugaa buʼuuraa: ‘Jaalalli gaarummaa ni argisiisa.’—1 Qor. 13:4.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuus namicha qaro dhabeessa tokko fayyisuuf suuta jedhee itti dhihaachaa jira.

VIIDIYOO: Yesuus Namicha Qaro Dhabeessa Tokko Fayyise

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Yohaannis 9:1-7 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Yesuus jalqabarratti namicha qaro dhabeessa sana fayyisemoo misiraachicha itti hime?—Yohaannis 9:35-38 ilaali.

  2. Namichi sun wanta Yesuus dubbatu dhagaʼuuf fedhii kan qabaate maaliif sitti fakkaata?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Namni tokko akka isaaf yaannu yoo isatti dhagaʼame ergaa keenya dhagaʼuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼa.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Miira nama sanaa hubadhu. Miira isatti dhagaʼamu tilmaamuuf yaali.

  1. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Waaʼee maaliifaa yaaddaʼaa jira laata? Wanti isa fayyaduu fi isa hawwatu maalidha?’ Akkas gochuun kee gaarummaa garaadhaa madde argisiisuuf si gargaara.

  2. Nama haasofsiistu sana dhaggeeffachuudhaan wanti isa yaaddesse siinis akka yaaddessu argisiisi. Dhimma tokko ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu yoo sitti hime ykn rakkina isa mudachaa jiru tokko yoo kaase, mata duree isaa hin jijjiirsisin.

4. Karaa gaarummaa fi kabaja argisiisuun dubbadhu. Nama sanaaf kan garaa laaftuu fi garaadhaa isa gargaaruu kan barbaaddu yoo taʼe, sagalee keerraa kana hubachuun isaa hin oolu. Wanta dubbattuu fi akkaataa itti dubbatturratti of eeggadhu; wanta nama aarsuu dandaʼu dubbachuurraa of qusadhu.

5. Gargaarsa gochuuf qophaaʼi. Carraa nama sana karaa qabatamaa taʼeen gargaaruu itti dandeessu barbaaddadhu. Gaarummaa argisiisuun kee marii jalqabuuf karaa banuu dandaʼa.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Rom. 12:15, 16; Gal. 6:10; Ibr. 13:16

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi