LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 11
  • Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisi
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” Jedhamutti Fayyadamuudhaan Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Geggeessuu
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • ‘Ogummaa Ittiin Barsiistuuf’ Xiyyeeffannaa Kenni!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Barsiisuuf Akka Gaariitti Qophaa’aa
    Tajaajila Mootummaa—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 11

BARATTOOTA GOCHUU

Yesuus bishaan tokko biratti namoota barsiisaa jira. Simbirroonni balaliʼaa jiru, naannoo isaaniis abaaboodhaan guutamee jira.

Mat. 6:25-27

BARUMSA 11

Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisi

Dhugaa Buʼuuraa: ‘Dubbii salphaatti hubatamu dubbadhaa.’—1 Qor. 14:9.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuus bishaan tokko biratti namoota barsiisaa jira. Simbirroonni balaliʼaa jiru, naannoo isaaniis abaaboodhaan guutamee jira.

VIIDIYOO: Yesuus Abbaan Keenya Akka Nu Kunuunsu Fakkeenyaan Barsiise

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maatewos 6:25-27 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Yesuus Yihowaan akka nu kunuunsu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

  2. Yesuus waaʼee simbirrootaa wanta baayʼee kan beeku taʼus, wanta salphaa akkamiirratti xiyyeeffate? Kun mala barsiisuu gaarii kan taʼe maaliifi?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Karaa salphaa taʼeen kan barsiisnu yoo taʼe, barataan keenya wanta isa barsiisne hin irraanfatu, garaa isaa tuquus ni dandeenya.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Baayʼee hin dubbatin. Dhimma tokko ilaalchisee wanta beektu hunda dubbachuu mannaa, mata duree qoʼachaa jirtanirratti xiyyeeffadhu. Barataa kee gaaffii tokko erga gaafattee booda, hamma deebii kennutti obsaan eegi. Deebii isaa hin beeku taanaan ykn wanta barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu yoo dubbate, gaaffilee dabalataatti fayyadamiitii dhimmicharratti akka yaadu isa gargaari. Barataan kee qabxii ijoo barumsichaa hubateera taanaan, gara barumsa itti aanutti darbi.

4. Barumsa haaraa tokko wanta duraan beeku wajjin akka wal qabsiisu isa gargaari. Fakkeenyaaf, barumsa waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatu jalqabuu keessan dura, haala namoonni duʼan keessatti argaman ilaalchisee wanta kanaan dura qoʼattan gabaabsitee irra deebiʼuu dandeessa.

5. Fakkeenyotatti of eeggannoodhaan fayyadami. Fakkeenya tokko fayyadamuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu:

  1. ‘Fakkeenyi kun salphaadhaa?’

  2. ‘Barataan koo fakkeenyicha salphaatti hubachuu dandaʼaa?’

  3. ‘Barataan koo fakkeenyicha qofa utuu hin taʼin, qabxii ijoos akka yaadatu ni gargaaraa?’

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Mat. 11:25; Yoh. 16:12; 1 Qor. 2:1

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi