LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 12
  • Ija Jabina Qabaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ija Jabina Qabaadhu
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Maal Godhe?
  • Yesuusirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Yesuus Hordofi
  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 12

BARATTOOTA GOCHUU

Yesuus namicha isaa fi barattoota isaa fuulduratti jilbeenfatee jiru tokko gaarummaadhaan haasofsiisaa jira.

Mar. 10:17-22

BARUMSA 12

Ija Jabina Qabaadhu

Dhugaa buʼuuraa: “Zayitii fi ixaanni garaa namaa ni gammachiisu; michuun garaadhaa gorsa kennus akkanuma dha.”—Fak. 27:9.

Yesuus Maal Godhe?

Yesuus namicha isaa fi barattoota isaa fuulduratti jilbeenfatee jiru tokko gaarummaadhaan haasofsiisaa jira.

VIIDIYOO: Yesuus Dargaggeessa Sooressa Taʼe Tokko Gorse

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Maarqos 10:17-22 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Yesuus dargaggeessi bulchaa taʼe kun amaloota gaggaarii kamfaa akka qabu hubatee taʼuu dandaʼa?

  2. Yesuus dargaggeessa sana gorsuuf jaalalaa fi ija jabina qabaachuun kan isa barbaachise maaliifi?

Yesuusirraa Maal Baranna?

2. Barattoonni keenya guddina hafuuraa akka godhan gargaaruuf jaalalaan garuummoo ifatti dubbachuu qabna.

Fakkeenya Yesuus Hordofi

3. Barataan kee galma akka baafatuu fi akka irra gaʼu gargaari.

  1. Kutaa “Galma” jedhuu fi kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurratti argamu fayyadami.

  2. Galma yeroo gabaabaa fi galma yeroo dheeraarra gaʼuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabu akka adda baafatu barataa kee gargaari.

  3. Guddina gochaa jiruuf yeroo hunda isa galateeffadhu.

4. Wantoota guddina akka hin goone gufuu isatti taʼan hubachuuf yaali, gufuuwwan sana akka moʼus isa gargaari.

  1. Akkana jedhii of gaafadhu:

    • ‘Barataan koo cuuphamuuf guddina gochaa hin jiru taanaan, wanti gufuu isatti taʼe maalidha?’

    • ‘Isa gargaaruuf maal gochuun dandaʼa?’

  2. Ija jabina barataa kee wajjin sirreeffama gochuu qaburratti ifatti garuummoo jaalalaan mariʼachuuf si dandeessisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.

5. Barataan kee guddina gochaa hin jiru taanaan qoʼannaa keessan addaan kuti.

  1. Barataan kee guddina gochaa kan jiru taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf akkana jedhii of gaafadhu:

    • ‘Barataan koo wanta baratu hojiirra oolchaa jiraa?’

    • ‘Walgaʼii gumiirratti ni argamaa? Wanta baratehoo warra kaanitti ni himaa?’

    • ‘Qoʼachuu erga jalqabee tureera taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ni barbaadaa?’

  2. Barataan tokko guddina gochuuf fedhii hin qabu taanaan:

    • Wanta guddina akka hin goone gufuu isatti taʼuu dandaʼurratti akka yaadu isa jajjabeessi.

    • Qoʼannaa keessan kan addaan kuttu maaliif akka taʼe malaan isaaf ibsi.

    • Qoʼannaa isaa itti fufuu yoo barbaade sirreeffama akkamii gochuu akka qabu isatti himi.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Far. 141:5; Fak. 25:12; 27:6; 1 Qor. 9:26; Qol. 4:5, 6

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi