LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w08 4/1 ful. 8-11
  • Haadha Milkaa’ina Qabdu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haadha Milkaa’ina Qabdu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haadhotiin Hojii Alaa Kan Hojjetan Maaliifi?
  • Afoolliifi Dhugaan Yeroo Wal Biratti Ilaalamu
  • Abbootiin Manaa Isaan Gargaaruu Kan Danda’an Akkamitti?
  • Gahee Guddaa Haadhotiin Kiristiyaana Ta’an Raawwatan
  • Haadhotii Bu’aa Gaarii Argamsiisan
  • Filannaa Milkaa’ina Guddaa Argamsiisu
  • Haadhotiin Fakkeenya Ewunqee Irraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Maatiin Keessan Nagaa Akka Qabaatu Godhaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
w08 4/1 ful. 8-11

Haadha Milkaa’ina Qabdu

YEROO HAR’AA addunyaa maratti dubartoonni hedduun manaa ala hojjetu. Biyyoota guddatanitti dubartoonni lakkoofsisaanii kan dhiirotaatti dhihaatu qacaramanii hojjetu. Biyyoota guddachaa jiranittis, dubartoonni wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf sa’aatii hedduudhaaf hojii qonnaarratti dadhabu.

Dubartoonni hedduun wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf qacaramanii hojjechuu malees maatiifi manasaanii kunuunsuuf yaannisaanii ni hirama. Dubartoonni kun qarshii, nyaata, uffataafi mana jireenyaatiif ta’u argachuu qofa utuu hin ta’in, nyaata ni qopheessu, wayyaa ni miiccu akkasumas mana ni qulqulleessu.

Kana malees, haadhotiin Kiristiyaana ta’an ijoolleensaanii akkamitti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka danda’an barsiisu. Ijoollee durbaa lama kan qabdu Kiristiinaan akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbatteetti: “Dhugaasaa dubbachuuf, keessumaa yeroo ijoollee xixinnoo qabdanitti, hojii keessaniifi itti gaafatamummaa maatii keessaniif qabdan wal qixxee deemsisuun baay’ee rakkisaadha. Ijoolleedhaaf xiyyeeffannaa isaan barbaachisu kennuun ulfaataadha.”

Haadhotiin alaa akka hojjetan kan dirqisiisu maalidha? Rakkina akkamiitu isaan mudata? Haati tokko milkaa’ina argachuuf alaa hojjechuunshee barbaachisaadhaa?

Haadhotiin Hojii Alaa Kan Hojjetan Maaliifi?

Haadhotiin tokko tokko hojii guyyaa guutuu hojjechuunsaanii dirqama barbaachisaadha. Haadhotiin tokko tokko hiriyaa gaa’elaa baasii maatiidhaaf barbaachisu isaan gargaaru hin qaban. Hiriyoonni gaa’elaa kaanimmoo, mindaan nama tokkoo wantoota maatiidhaaf barbaachisan dhiheessuuf ga’aa akka hin taane hubatu.

Haadhotiin hundi yeroo guutuu kan hojjetan, wanta maatiidhaaf barbaachisu argachuuf qofa akka hin taane beekamaadha. Baay’eensaanii hojii alaa kan hojjetan ilaalcha gaarii ofiif qaban guddisuufidha. Warri kaanimmoo hojii akkasii kan hojjetan, qarshiisaanii akka barbaadanitti baasuuf ykn meeshaawwan gati jabeessa bitachuuf ta’uu danda’a. Hedduunsaanii hojiisaaniitti cimoo yommuu ta’an gammachuus irraa argatu.

Haadhotiin tokko tokko qacaramanii akka hojjetan kan dirqisiisu sababiin biraammoo, dhiibbaa hiriyoonniisaanii isaanirraan ga’an ta’uu danda’a. Namoonni baay’een haadhotiin hojii alaa hojjetan yeroo hunda dhiphinaafi dadhabbiidhaaf kan saaxilaman ta’uusaanii ni amanu. Haata’u malee, haadhotii qacaramanii hojjechuu hin barbaanneef yeroo baay’ee rakkinasaanii kan hin hubanne ta’uusaaniirrayyuu itti ga’isu. Dubartiin tokko akkas jetteetti: “Haadha manaa qofa’ akka taatan warra kaaniif ibsuun salphaa miti. Namoonni tokko tokko jechaanis ta’e fuulasaaniitiin yeroo keessan gubaa akka jirtan ibsu.” Ribeekaan isheen intala waggaa lamaa qabdu akkas jetti: “Hawaasni keessa jiraannu dubartoonni ijoolleesaanii kunuunsuu akka qaban kan amanu ta’uyyuu, haadhotii qacaramanii hin hojjenne hamma tokko gad aanoo akka ta’anitti kan ilaalu natti fakkaata.”

Afoolliifi Dhugaan Yeroo Wal Biratti Ilaalamu

Biyyoota tokko tokkotti sabqunnamtiin, “dubartii yaanni namaa uume” hojii filatteen bu’a qabeeyyii akka taate, mindaa gaarii akka qabdu, uffata mudaa hin qabne akka uffattuufi kan ofitti amantu akka taate godhee dhiheessa. Dubartiin akkasii yeroo manashee geessus, rakkina ijoolleeshee hiikuuf, dogoggora abbaa manaashee sirreessuufi rakkoowwan mana keessaatiif furmaata kennuuf jabina qabdi. Dubartoonni muraasni dhugumaan kana gochuu danda’an akka jiran beekamaadha.

Hojiin dubartoonni alaa hojjetan baay’een, kan nama nuffisiisuufi mindaa guddaa kan hin argamsiisnedha. Haadhotiin hojii qaban, hojiinsaanii dandeettii uumamaan qaban guutummaatti akka hin fayyadamne kan godhu ta’uunsaa abdii isaan kutachiisa. Kitaabni Sooshaal Saayikoolojii jedhamu akkas jedha: “Wal qixxummaa wajjin haala wal qabateen guddinni jiraatuyyuu, ammas hojii mindaa gaarii argamsiisuufi bakka guddaa qabu argachaa kan jiran warra dhiiraati. Kanaan kan ka’es, dubartoonni hojiisaaniitiin ulfina guddaa ofii kennan balaadhaaf kan saaxilamanidha.” Gaazexaan biyya Ispeen Eel Peeyis akkas jedheera: “Dubartoonni baay’een bakka lamaa, jechuunis alattis mana keessattis waan hojjetaniif, dhiphinaafi rakkina isaa wajjin wal qabateen hubamuuf carraan isaan qaban kan dhiirotaarra harka sadiin caala.”

Abbootiin Manaa Isaan Gargaaruu Kan Danda’an Akkamitti?

Haati Kiristiyaana taate tokko hojii alaa hojjechuunis ta’e dhiisuun murtoo mataashee akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee kan heerumte yoo taate, isheefi abbaan manaashee dhimma kanaafi wantoota kanaa wajjin wal qabatanirratti akka gaariitti erga mari’atanii booda murtoo kana gochuu qabu.—Fakkeenya 14:15.

Haati manaafi abbaan manaa tokko wanta jireenyaaf baay’ee isaan barbaachisu argachuuf jecha lamaansaaniiyyuu yeroo guutuu hojjechuuf yoo murteessanoo? Yeroo kana ta’utti, abbaan manaa ogeessa ta’e gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhuuf xiyyeeffannaa adda ta’e kenna: “Isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, . . . ulfina kennaaf!” (1 Phexros 3:7) Abbaan manaa tokko dadhabbii qaamaanis ta’e miiraan haati manaasaa qabdu dafee hubachuudhaan ulfina isheedhaaf kenna. Yeroo danda’amu hundumaatti hojii mana keessaatiin haadha manaasaa gargaara. Akkuma Yesus godhe abbaan manaa tokkos, gad of qabuudhaan hojiiwwan gadi aanaa ta’an hojjechuun ulfinasaa akka tuqu itti dhaga’amee irraa baqachuu mannaa hojii akkasii hojjechuuf fedhii qabaata. (Yohannis 13:12-15) Akkasumas carraa kanatti fayyadamee haadha manaasaa ishee cimtee hojjettuuf jaalala akka qabu argisiisa. Isheenis gargaarsa akkasii kana ni dinqisiifatti.—Efesoon 5:25, 28, 29.

Hiriyoonni gaa’elaa lamaanuu qacaramanii kan hojjetan yoo ta’e, mana keessattis wal gargaaruunsaanii barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. Gaazexaan Ispeen ABC jedhamu, kun dhugaa ta’uusaa addeessee gabaaseera. Gaazexaan kun, Qorannaa Dhaabbanni Dhimma Maatii godherratti yaada yeroo kennu, “Karaa amantiis ta’e karaa naamusaa ulaagaan dhabamuusaa” qofaan utuu hin ta’in, sababiiwwan kan biraa lamaan, jechuunis “dubartoonni hojii alaa hojjechuusaaniifi dhiironnimmoo hojii mana keessaatiin gargaaruu dhiisuusaaniitiin” kan ka’e Ispeen keessatti haati manaafi abbaan manaa wal hiikan garmalee baay’achuusaaniitiin dhaabbaticha balaaleffateera.

Gahee Guddaa Haadhotiin Kiristiyaana Ta’an Raawwatan

Yihowaan abbootiin ijoolleesaanii akka leenjisan itti gaafatamummaa guddaa kan kenneef yommuu ta’u, haadhotiin Kiristiyaana ta’anis keessumaa yeroo daa’imummaatti ijoolleesaanii leenjisuuf gahee guddaa akka qaban beeku. (Fakkeenya 1:8; Efesoon 6:4) Yihowaan, abbootiinis haadhotiinis seerasaa irra deddeebi’anii ijoolleesaanii akka barsiisan Israa’eloota abboomee ture. Keessumaa waggoota mucichi itti guddatutti hojiin kun yeroofi obsa akka gaafatu beeka. Kanaafuu, Waaqayyo warri ijoolleesaanii mana keessatti, karaarratti, yeroo ciisaniifi ka’an akka barsiisan itti himeera.—Keessa Deebii 6:4-7.

Dubbiin Waaqayyoo, “barsiisa haadha keetiis hin tuffatin” jedhee ijoollee ajajuudhaan, gahee guddaa haadhotiin qaban addeessa. (Fakkeenya 6:20) Dubartiin heerumte tokko ijoolleesheetiif seera baasuushee dura abbaa manaashee wajjin akka mari’attu beekamaadha. Haata’u malee caqasni kun akka jedhutti haadhotiin ijoolleesaaniitiif seera baasuuf mirga qabu. Ijoolleen barumsa hafuuraafi amalaa haati Waaqayyoon sodaattu isaan barsiiste fudhatanis faayidaa guddaa argatu. (Fakkeenya 6:21, 22) Ijoollee dhiiraa lama kan qabdu Teereezaan, qacaramtee hojjechuu kan hin barbaanne maaliif akka ta’e ibsiteetti. Akkas jetti: “Ijoolleekoo guddisee Waaqayyoon akka tajaajilan gochuun hojii guddaadha. Hojiikoo kana hamman danda’e haala gaariidhaan raawwachuun qaba.”

Haadhotii Bu’aa Gaarii Argamsiisan

Mootii Israa’el kan ta’e Lemu’el, tattaaffii cimaa haatisaa gooterraa faayidaa argateera. ‘Barsiisni’ ‘isa gorsuuf’ kenniteef, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffametti dabalameera. (Fakkeenya 31:1, hiika bara 1899; 2 Ximotewos 3:16) Haadha manaa dandeettii qabdu ilaalchisee ibsi haati Lemu’el kennite, ijoolleen dhiiraa hiriyaa gaa’elaa yeroo barbaadan filannaa gaarii akka godhan gargaara. Akeekkachiisni waa’ee naamusaafi garmalee dhuguu ilaalchisee kennite, akkuma yeroo barreeffame sanaatti har’as barbaachisaadha.—Fakkeenya 31:3-5, 10-31.

Jaarraa jalqabaatti, Phaawulos hojii gaarii haati Ewuniiqee jedhamtu ilmashee Ximotewosiin barsiisuudhaan raawwatte dinqisiifateera. Abbaan manaashee inni hin amanne waaqayyolii Giriik kan waaqeffatu ta’uu waan danda’uuf, Ewuniiqeen Ximotewos ‘caaffata qulqullaa’aatti’ akka amanu gochuuf isa gorsuun ishee barbaachiseera. Ewuniiqeen Ximotewosiin Caaffata Qulqullaa’oo barsiisuu kan jalqabde yoomi? Seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, ‘mucummaasaatii jalqabee,’ jechuunis yeroo Ximotewos daa’ima turee kaasee akka ta’e ibsa. (2 Ximotewos 1:5; 3:14, 15) Amantaanshee, fakkeenya ta’uunsheefi barsiisnishee, Ximotewosiin hojii misiyoonummaa fuulduratti isa eeguuf akka isa qopheesse beekamaadha.—Filiphisiiyus 2:19-22.

Kana malees, Macaafni Qulqulluun waa’ee haadhotii tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo keessumsiisuudhaan ijoolleensaanii fakkeenya gaarii akka argatan gargaaranii dubbata. Fakkeenyaaf, dubartiin Shuneem tokko yeroo hundumaa Elisaa’i raajicha manasheetti keessumsiisti turte. Booddee Elsaa’i ilmashee du’aa kaaseraaf. (2 Mootota 4:8-10, 32-37) Fakkeenya Maariyaam, haadha Maarqos isa Macaafa Qulqulluu barreessees haa ilaallu. Bartoonni Yesus warri durii manasheetti walga’ii akka godhan heyyamteetti. (Hojii Ergamootaa 12:12) Maarqos ergamoota Yesus wajjinis ta’e Kiristiyaanota yeroo hundumaa manasaanii dhaqan kaanii wajjin michuu ta’uunsaa akka isa fayyade beekamaadha.

Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Yihowaan hojii dubartoonni amanamoon seerawwan bu’uraasaa ijoolleesaanii barsiisuuf raawwataniif bakka guddaa kenna. Dubartoonni kun amanamoo ta’uusaaniitiifi maatiinsaanii sochii hafuuraarratti akka hirmaatu gochuuf carraaaqqii godhaniif baay’ee isaan jaallata.—2 Saamu’el 22:26; Fakkeenya 14:1.

Filannaa Milkaa’ina Guddaa Argamsiisu

Fakkeenyawwan armaan olii akka argisiisanitti, qaamaan, hafuuraafi miiraan maatii ofiitiif kunuunsa barbaachisaa ta’e gochuun eebba guddaa argamsiisa. Kana gochuun garuu salphaa miti. Hojiin haati mana keessatti hojjettu, hojii guddaa dhaabbata tokko keessatti hojjetamu caalaa ulfaataadha.

Dhugaadha, haati tokko qajeelafama abbaa manaashee gaafachuudhaan hojii alaa hojjettu yoo dhiiste, miseensonni maatiis jireenyasaanii salphaa gochuu qabu; isheenis arrabsoo namoota kaayyooshee hin hubannerraa isheetti dhufu danda’uu qabdi. Eebbi argattu garuu aarsaa kaffalturra baay’ee kan caaludha. Paakiin ijoollee sadii kan qabdu ennaa ta’u, hojii guyyaa walakkaa hojjachuu qabdi. Akkas jetteetti: “Ijoolleenkoo mana barumsaatii yeroo galan nama haasofsiisan akka qabaataniif, manatti isaan eeguun barbaada.” Ijoolleenshee kan fayyadaman akkamitti? Akkas jetteetti: “Hoji manee yeroo hojjetan isaanan gargaara, rakkinni yoo jiraate dafee furmaata kennuu nan danda’a. Yeroo hunda waliin ta’uun keenya, waliin mari’achuu keenya akka itti fufnu godheera. Yeroon ijoolleekoo wajjin dabarsu kana baay’ee waanan jaalladhuuf, guyyaa guutuu akkan hojjedhu afeerrii naa dhihaate fudhachuu dideera.”

Haadhotiin Kiristiyaana ta’an hedduun, sa’aatii hojii alaa itti hojjetan yoo hir’isan guutummaan maatiisaanii akka fayyadamu hubataniiru. Kiristiinaa isheen kanaan dura caqasamte akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Hojii alaa hojjechuu ennaan dhiise, haalli maatii keenyaa baay’ee gaarii ta’uu jalqabe. Ijoolleekoo wajjin haasa’uufi karaa baay’ee abbaa manaakoo gargaaruuf yeroo argadheera. Ijoolleekoo barsiisuu, akkasumas yeroo barataniifi guddina argisiisan arguun jalqabe.” Kiristiinaan waan hin irraanfanne tokko qabdi. Akkas jetteetti: “Intallikoo isheen hangafaa miilaan deemuu kan baratte dhaabbata daa’imman kunuunsutti yommuu ta’u, intalakoo ishee quxisuu garuu manumattan deemuu ishee barsiise. Yeroo miilla kaafachuu jalqabdetti xinnoo tarkaanfattee harkakoorratti kufti turte. Yeroon sun gammachuu guddaa naaf argamsiiseera!”

Wanti hubatamuu qabu kaanimmoo, haadhotiin sa’aatii hojii alaa itti hojjetan hir’isuudhaan galiin hir’atu hamma eegamu caalaa xinnoo ta’uusaati. Kiristiinaan akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Gatiin kunuunsa ijoolletiif kaffaluufi baasiin geejjibaa, mindaakoorraa qarshii baay’ee na baasisa ture. Haala keenya sirriitti yeroo gamaaggamnu, hojiinkoo hamma kana qarshii dabalataa akka nuu hin argamsiisne hubanne.”

Haati manaafi abbaan manaa tokko tokko haalasaanii erga gamaaggamanii booda, haati manaa yeroo guutuudhaaf hojii alaa hojjechuusheetiin faayidaan argamu, baasii qarshii maatiidhaaf ba’u caalaa gatii guddaa akka gaafatu hubataniiru. Abbaa manaa Kiristiinaa kan ta’e Pool akkas jedha: “Haati manaakoo ijoollee keenya lamaan kunuunsuuf mana ooluu danda’uunshee baay’ee na gammachiiseera. Haati manaakoo hojii alaa hojjechuunshee lamaan keenyattiyyuu dhiphina fidee ture.” Kun, ijoolleesaanii lamaaniif bu’aa akkamii argamsiise? Pool akkas jedha: “Caalaatti tasgabbii akka argatan gochuusaa malees, dhiibbaawwan gadhee umriisaanii kanatti isaanirra ga’urraa eegumsa guddaa argataniiru.” Haati manaafi abbaan manaa kun intalootasaanii wajjin hamma kana yeroo baay’ee dabarsuun barbaachisaa akka ta’e kan isaanitti dhaga’ame maaliifi? Pool, “Warrasaanii kan taane nuyi sammuu ijoollee keenyaarratti yoo barreessuu baanne, warri kaan akka irratti barreessan amaneera” jechuudhaan deebiseera.

Haati manaafi abbaan manaa hundumtuu haala dhuunfaasaanii gamaaggamuu akka qabaniifi eenyuyyuu murtoo warri kaan godhan morumuu akka hin qabne beekamaadha. (Roomaa 14:4; 1 Tasaloniiqee 4:11) Ta’uyyuu, faayidaa hedduu maatiin yeroo haati hojii guyyaa guutuu hin hojjennetti argatu yaaduun barbaachisaadha. Teereezaa isheen olitti ibsamte dhimma kana ilaalchisee wanta isheetti dhaga’amu walumatti qabdee yeroo ibsitu akkas jetteetti: “Ijoollee keessan kunuunsuufi barsiisuudhaan hanga danda’ametti yeroo baay’ee dabarsuu caalaa wanti milkaa’ina argamsiisu hin jiru.”—Faarfannaa 127:3.

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Haadhotiin Kiristiyaana ta’an ijoolleesaanii leenjisuudhaan hojii baay’ee barbaachisaa ta’erratti hirmaatu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi