Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Ni Jijjiira
Meeksiikootti namni miseensa garee dargaggoota yakka raawwachuun beekamaniifi Seexanoota Xixinnoo jedhamanii ture, jijjiiramee nama amanamaafi jabaatee hojjetu akka ta’u kan isa taasise maalidha? Dubartiin lammii Jaappaan gama daldalaatiin milkaa’ina argatte tokko, sooruma bakka guddaa kennituuf hordofuu kan dhiiste maaliifi? Jijjiirama gooteef maaltu itti dhaga’ama? Bu’aa gaarii kan isaaf argamsiisu ta’ullee, lammiin Raashiyaa meeshaa waraanaa daldaluun beekamu daldala seeraan alaa kana dhiisuuf maaltu isa kakaase? Mee wanta namoonni kun jedhan haa dubbisnu.
SEENAA JIREENYAA GABAABAA
MAQAA: ADRIYAAN PEEREEZ
UMRII: 30
BIYYA: MEEKSIIKOO
SEENAA DURAA: MISEENSA DARGAGGOOTA YAKKA RAAWWATANII
JIREENYAKOO DURAA: Umriinkoo gara waggaa 13 yommuu ta’u, maatiin keenya Meeksiikoo keessaa magaalaa Ekaateeppeek dee Mooreeloos jedhamtutti jijjiirame. Yeroo sanatti magaalattiin dargaggoota yakkaafi saamicha raawwataniin, akkasumas araada wantoota sammuu hadoochaniin qabamaniin kan guutame ture. Anis baay’ee utuu hin turin garmalee dhuguu, qabeenyaa balleessuufi gocha addaggummaa raawwachuun jalqabe.
Boodas, Saan Viiseentee magaalaan itti dhaladhetti deebine. Achis namoota araada wantoota sammuu hadoochaniin qabaman hedduutu jira ture. Reeffa dargaggootaa qarqara karaatti arguun beekamaa ture. Anis miseensa dargaggoota yakka raawwataniifi Seexanoota Xixinnoo jechuun beekamaniin ta’e. Hannaafi araada wantoota sammuu hadoochaniin kan qabamne si’a ta’u, araada ba’uufis wantoota akka maastishii fuunfanna turre. Yeroo hedduu akkan itti mana ga’e kanan hin beekne si’a ta’u, of wallaalee yeroon itti karaarra ciisus jira. Hiriyootakoo keessaas tokko tokko, hannaafi ajjeechaadhaan mana adabaa seenaniiru.
Wantoota gadhee hundaa raawwadhus, Waaqayyootti amanaan ture. Yaada garaakoo na ceepha’urraa boqonnaa argachuuf, sirna amantii ayyaana fannoorratti nan hirmaadha. Kana boodas, nama Kiristosiin bakka bu’ee taphatu dabalatee hundi keenya maqaa ayyaanichaatiin hamma machoofnutti dhugna turre.
MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Umriinkoo dhuma waggaa kurnaniitti yommuu dhihaatu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe. Jireenyikoo kaayyoo dhugaa akka hin qabneefi jireenyakoo isa duriitti fufnaan kufaatiin akka narra ga’uun hubadhe. Wanti na tuqe yaada Galaatiyaa 6:8rratti argamudha: “Namni akka yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa in galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata.” Caqasni kun wantoonni hundi akka naa mijaa’an barbaannaan, haala gara fuulduraa tilmaama keessa galchuudhaan facaasuu akkan qabu hubachuuf na gargaareera.
Macaafa Qulqulluu qayyabachaa yommuun adeemu, Yihowaan cubbuu ani kanaan dura hojjedhe naa dhiisuuf fedhii akka qabu, akkasumas inni Waaqa jiraataafi dhuunfaatti kan naa yaadu ta’uusaa hubachuun jalqabe. Yihowaan kadhannaa akka dhaga’u muuxannoo koorraa hubadheera.
Jireenyakoo jijjiiruun salphaa hin turre. Garee dargaggootaa yakka raawwatanirraa adda ba’uun ulfaataa ture. Hariiroon garee kanaa wajjin qabu addaan citus ammayyuu naannoowwan tokko tokkorra akkan darbu naa hin heyyamamu. Hiriyoonnikoo durii yoo na argan jireenyakoo duraatti akkan deebi’u dhiibbaa waan narraan ga’aniif, al tokko tokko isaan jalaa dhokachuun qaba ture.
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Galma Mootummaatti argamuu yommuun jalqabu garuu, namoonni achitti walga’an miira ho’aadhaan kan nama simataniifi kan nama jaallatan ta’uusaaniin hubadhe. Amantii jabaa isaan qabaniifi carraaqqii wanta baratan hojiirra oolchuuf godhan yommuun hubadhu baay’een dinqisiifadhe. Haalan keessa turerraa baay’ee adda ture.
FAAYIDAAN ARGADHE: Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa ergan ta’ee waggaa kudhan ta’eera. Barumsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa godheera. Kanaan kan ka’es maatiikoo biratti ulfina argachuu danda’eera. Amma nama jabaatee hojjetu godhanii kan na ilaalan si’a ta’u, qarshiidhaan isaan gargaaruus danda’eera. Haatikoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabde si’a ta’u, yeroo ammaatti Dhugaa Baatuu Yihowaa taateetti. Abbaankoos jijjiirama gochaa jira. Miseensonni maatiikoo baay’eensaanii Dhugaa Baatota ta’uu baatanis, jijjiirama ani godhe erga arganii booda, Macaafni Qulqulluun dhugumaan nama jijjiiruu akka danda’u amananiiru.
SEENAA JIREENYAA GABAABAA
MAQAA: YAAYOO’II NAGAATAANII
UMRII: 50
BIYYA: JAAPPAAN
SEENAA DURAA: DALDALTUU MILKAA’INA ARGATTE
JIREENYAKOO DURAA: Magaalaa xinnoo namoota walitti dhihaachuudhaan beekaman keessattan guddadhe. Abbaankoo magaalattii keessaa suuqii guddaa kan qabu si’a ta’u, achi keessattis namoota kudhan qacaree hojjechiisa ture. Abbaafi Haatikoo hojiidhaan muddamanis, manni keenya suuqichatti waan aanuuf tasumaa kophummaan natti dhaga’amee hin beeku.
Ijoollee durbaa sadii keessaa angafa waanan ta’eef, ijoollummaa kaasee daldala maatii keenyaa akkan geggeessuuf leenjiin naa kennameera. Ijoollummaan kanan heerume si’a ta’u, abbaan manaakoo inni mana baankiitii hojjechaa tures daldala maatichaa deggeruuf jecha hojiisaa dhaabe. Walitti aansuun ijoollee sadii godhanne. Ganamaa hanga galgalaatti suuqii keessaa kanan hojjedhu si’a ta’u, haatikoommoo hojii mana keessaa dabalatee ijoollee keenya kunuunsiti turte. Ta’us yeroo muraasa maatii wajjin dabarsinu qabna turre.
Dinagdeen biyyattii waan kufeef, daldalli keenya balaarra bu’e. Kanaaf daldala keenya cimsuuf daandii guddaa qarqaratti suuqii ijaaruuf murteessine. Ijaarsi suuqichaa jalqabamuusaa dura abbaankoo inni hogganaa dhaabbatichaa ture dhiigni sammuusaa keessatti waan kantareef dandeettii dubbachuusaa dhabe. Kanaan kan ka’es itti gaafatamummaan suuqii haaraa kanaa anatti darbe. Abbaan manaakoo suuqii isa durii keessatti hojjechuusaa itti fufe. Jireenyi keenyas fiigichaan kan guutame ta’e.
Suuqiin keenya inni haaraan galii guddaa qaba ture. Milkaa’inan argadhetti kooruudhaan halkaniifi guyyaa hojjechuun jalqabe. Ijoolleekoo jaalladhus, waa’ee hojiikoo qofan yaada ture. Abbaa manakoo wajjin haasa’uuf yeroo argachuun rakkisaa si’a ta’u, yeroo yoo argannes wal falmina turre. Dhiphina koorraa boqonnaa argachuuf, yeroo hunda galgala galgala hiriyootaafi daldaltoota akkakoo wajjin dhugaatii dhugna turre. Wantan godhu hojjechuu, dhuguufi ciisuu qofa ture. Gama qarshiitiin milkaa’us, gammachuunkoo kan hir’atu maaliif akka ta’e hubachuu hin dandeenye.
MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yeroon jalqabe, caqasawwan Macaafa Qulqulluu sadii jijjiirama akkan godhu na gargaaraniiru. Yaanni Maatewos 5:3rratti, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti” jedhu hiika maalii akka qabu yeroon hubadhu nan boo’e. Gama qarshiitiin kanan milkaa’eefi hiriyoonnikoo kan na dinqisiifatan ta’anis, caqasni kun sababiin gammachuu itti dhabe na hubachiiseera. Karaa hafuuraa hiyyeessa ta’uukoo beekuufi wanta gama kanaan na barbaachisu guutuudhaan qofa gammachuu dhugaa argachuu akkan danda’u hubadheera.
Dinagdeen Jaappaan yeroo kufe jechoonni 1 Ximotewos 6:9rra jiran hiriyoota koorratti raawwatamuusaa argeera: “Warri sooromuu barbaadan . . . qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu.” Gorsa Yesus Maatewos 6:24rratti, “Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan” jechuun kenne akka anaaf barreeffametti waan natti dhaga’ameef, jijjiirama tokko tokko gochuufan murteesse.
Warrakoo, abbaa manaakoofi ijoolleekoo dagadhee akkan ture hubadheera. Of bokoksuu, obsa dhabuufi salphaadhumatti aaruun jalqabe. Jalqabarratti jijjiiramuufi Kiristiyaana ta’uu kanan hin dandeenye natti fakkaatee ture. Ta’us ijoolleekoo baay’ee waanan jaalladhuuf, hariiroo maatiikoo wajjin qabuun gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra yoon oolche, ijoolleenkoo deebii gaarii akka naa kennan nan hubadhe. Isaanii wajjin yeroo dheeraa kanan dabarsu si’a ta’u, walga’iiwwan Kiristiyaanaas isaan fuudheen adeema ture.
FAAYIDAAN ARGADHE: Kaayyoo jireenyaa beekuufi jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuudhaan isa tajaajiluunkoo, gammachuu dhugaa naa argamsiiseera. Hojiif jecha maatiikoo dagachuurraa of qusachuunkoo ofiif ilaalcha gaarii akkan qabaadhu na gargaareera.
Haatikoo seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun amalakoo akkamitti akka jijjiire yeroo hubattu, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan Kiristiyaana taate. Abbaankoofi abbaan manaakoos murtoo keenya kan hin mormine ta’uunsaanii na gammachiiseera. Ijoolleekoo wajjin caalaatti waanan walitti dhihaadheef, amma maatii gammachuu qabu argadheera.
SEENAA JIREENYAA GABAABAA
MAQAA: MIKAA’EL ZUUYAF
UMRII: 51
BIYYA: RAASHIYAA
SEENAA DURAA: MEESHAA WARAANAA SEERAAN ALA DALDALUU
JIREENYAKOO DURAA: Magaalaa lalistuu Kiraasnogoriski jedhamtu keessattan dhaladhe. Lagni Mooskoo karaa kibbaa kan yaa’u si’a ta’u, naannoowwan qarqara dhihaafi kaabaa jiran bosona baay’ee qabaachuun beekamu turan.
Ijoollummaakootti wal’aansoo wal qabuufi meeshaa waraanaatiin taphachuun jaalladha ture. Shaakala sochii qaamaa gochuudhaan yeroo dheeraan dabarsa ture. Meeshaalee waraanaa, rasaasaafi cuubee seeraan ala oomishaan ture. Kun yeroo booda hojiikoo ta’e. Akka gaariitti qindaa’uudhaan meeshaaleen oomishu namoota yakka raawwatanitti gurguruudhaan milkaa’eera.
MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Jalqaba bara 1990tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argus, jalqabarratti isaan hin amanun ture. Namoota gaaffii hedduu gaafachuun nama nuffisiisan natti fakkaatu turan.
Gaaf tokko isaan keessaa tokko caqasa Roomaa 14:12rratti argamuufi “Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira” jedhu naa dubbise. Achiis, Waaqayyoof deebii akkamii akkan kennu yaaduun jalqabe. Caqasni kun Waaqayyo narraa maal akka barbaadu beekuuf akkan carraaqu na kakaaseera.
Achiis gorsa Macaafa Qulqulluu Qolosaayis 3:5-10rra jiru hojiirra oolchuuf carraaquun jalqabe: “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa. Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin abboomamne irratti] in dhufa. . . . Dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba’in! Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. Namummaa haaraas [uffadhaa].”
Jijjiirama akkasii gochuun baay’ee natti ulfaatee ture. “Maamiltoonnikkoo” durii meeshaa akkan isaanitti gurguruuf qarshii hedduu naa kennuudhaan taa’uufi ka’uu kan na dhowwan yommuu ta’u, namoonni yeroo na arrabsan obsuun baay’ee na rakkisee ture. Ta’us, meeshaa waraanaa hedduu ani qabuufi gatii guddaa baasan nan balleesse. Jaalala Waaqayyoofi Kiristos naaf qaban ennaan barachaa adeemu, anis isaan jaallachuun jalqabe. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gochuu, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi Waaqayyo akka na gargaaru kadhachuu itti fufeera.
FAAYIDAAN ARGADHE: Suuta suutaan, qabsoo cimaafi gargaarsa obboloonni hidhata amantiikoo naa godhaniin namummaa haaraa uffachuu danda’eera. Yihowaan hunda keenyaaf, kaan hafee namoota du’aniif kan yaadu ta’uunsaa baay’ee na gammachiiseera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Amanamummaa Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti argeef bakka guddaan kenna. Gaarummaa isaan natti argisiisaniif kanan galateeffadhu yommuu ta’u, amanamummaa isaan Waaqayyoof qaban nan dinqisiifadha.
Jalqabarratti, maatiifi hiriyootakoo keessaa tokko tokko amantiikoo isa haaraa mormanii turan. Booda garuu hojii yakkaarratti bobba’uu mannaa nama amantii ta’uun gaarii ta’uusaa hubatan. Amma meeshaalee waraanaa gurguruu mannaa, namoonni waa’ee Waaqa nagaa akka baratan hojii lallabaarratti hirmaachuukootti gammachuutu natti dhaga’ama.
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Yaada garaakoo boqochiisuuf ayyaanawwan Kaatolikiirratti argamaan ture
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Gama qarshiitiin milkaa’us, gammachuu hin qabun ture