LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w08 9/15 ful. 12-15
  • Beekumsa Qabdan Guddifachuuf ‘Qophaa’aa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beekumsa Qabdan Guddifachuuf ‘Qophaa’aa’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Amantaa Qabaachuuf Wanta Nu Gargaaru
  • “Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”
  • Wanta Qayyabattan Fudhachuuf Qophaa’aa
  • Yeroo Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti?
  • Beekumsa Sirrii Argachaa Adeemuun Nama Hin Gaabbisiisu!
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
w08 9/15 ful. 12-15

Beekumsa Qabdan Guddifachuuf ‘Qophaa’aa’

TAJAAJILTOONNI Yihowaa hundi surraasaa argachuu barbaadu. Surraa kana argachuuf hawwii waan qabnuuf, amantaa keenya guddisuufi hinaaffaadhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuu barbaanna. Haata’u malee, Yihudoota tokko tokkorra wanta balaa cimaa geessise ilaalchisuudhaan wanti Phaawulos dubbate nuufis barumsa nuu ta’a. Phaawulos, “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan ba’aaf; haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti” jedheera. (Rom. 10:2) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, amantiifi waaqeffannaan keenya miira qofarratti kan hundaa’e ta’uu hin qabu. Waa’ee Uumaa keenyaafi waa’ee fedhasaa beekumsa sirrii qabaachuun nu barbaachisa.

Phaawulos xalayaasaa garabiraarrattimmoo, amala Waaqayyo biratti fudhatama qabu, beekumsa argachuuf hawwuu wajjin wal qabsiisee ibseera. Duuka buutonni Kiristos ‘Waaqayyoon beekuutti akka guddatan’ kadhateera. Beekumsa akkasii argachuunsaaniimmoo, “jireenya gooftaadhaaf ta’u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii ta’e hundumaatti ija godhachuu” akka danda’an isaan gargaara. (Qol. 1:9, 10) ‘Beekumsa dhugaa argachuun keenya baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Beekumsa kana guddifachuu kan qabnuhoo maaliifi?

Amantaa Qabaachuuf Wanta Nu Gargaaru

Waa’ee Waaqayyoofi fedhasaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee beekumsa sirrii qabaachuun, amantaa keenyaaf bu’uuradha. Beekumsa sirrii hin qabnu yoo ta’e, amantaan keenya mana ijoolleen baalaan ijaartuu wajjin haala wal fakkaatuun, qilleensa xinnoodhaan diigamuu danda’a. Phaawulos, ‘jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar akka baasnuufi garaa keenya haareffachuudhaan akka of diddiirru’ nu jajjabeesseera. (Rom. 12:1, 2) Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu qayyabachuun kana gochuuf nu gargaaruu danda’a.

Obboleettiin Aavaa jedhamtuufi biyya Poolaanditti qajeelchaa taate tokko, “Guyyaa guyyaatti utuun Macaafa Qulqulluu hin qayyabadhu ta’ee, waa’ee Yihowaa beekumsa sirrii argachuutti guddachuukoo itti hin fufun ture. Wanta Kiristiyaana tokkorraa eegamu gochuu nan dhiisa, amantaan Waaqayyorratti qabus ni laafa ture; akka kanaan karaa hafuuraa kasaaraan narra ga’a ture” jetteetti. Matumaa wanti akkasii akka nurra ga’u hin barbaannu! Gama kanaan, fakkeenya nama waa’ee Waaqayyoo beekumsa sirrii guddifachuusaa itti fufeefi yeroo booda isa biratti fudhatama argate tokkoo ilaalaa.

“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”

Faarfannaa 119⁠rratti yaanni walaloodhaan ibsame, faarfatichi seerawwan, yaadachiisa, ajaja, abboommiifi firdii Yihowaa ilaalchisee maaltu akka itti dhaga’amu ibseera. Faarfatichi, “Seerranni kee garaa na ciibsa . . . Abboommonni siif dhugaa ba’an garaa na ciibsu” jedheera. Kana malees, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebi’ee itti nan yaada” jechuudhaan barreesseera.—Far. 119:16, 24, 47, 48, 77, 97.

Jechoonni ‘garaa ciibsuu’ fi ‘irra-deddeebi’anii itti yaaduu’ jedhan, Dubbii Waaqayyoorratti xiinxaluudhaan gammaduu kan argisiisanidha. Jechoonni kun, faarfatichi seera Waaqayyoo qayyabachuu akka jaallatu kan ibsanidha. Faarfatichi jaalala akkasii kan qabaate, akkasumaan miiraan kaka’ee hin turre. Kanaa mannaa, dubbii Yihowaa hubachuuf garaa guutuudhaan seericharratti waan ‘yaaduuf’ ture. Faarfatichi Waaqayyoon beekuufi waa’ee fedhasaa beekumsa sirrii ta’e argachuuf hawwii guddaa akka qabu, ilaalchasaarraa hubachuu dandeenya.

Jaalalli faarfatichi Dubbii Waaqayyootiif qabu onneerraa kan madde ta’uunsaa beekamaadha. Akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Anoo Dubbii Waaqayyootiif jaalala akkasii qabaa? Guyyaa guyyaadhaan kutaa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuufi irratti yaaduun na gammachiisaa? Dubbii Waaqayyoo dhimmee nan dubbisaa? Kana gochuukoo durahoo kadhannaadhaan Yihowaatti nan dhihaadhaa? Deebiin keenya eeyyee kan jedhu yoo ta’e, ‘Waaqayyoon beekuutti guddachaa’ akka jirru argisiisa.

Aavaan akkas jetteetti: “Yeroo hunda qayyabannaa dhuunfaakoo fooyyessuuf carraaqqiin godha. Birooshura ‘Biyyattii Abdachiifamte Ilaalaa’ (Ingiliffa) jedhu ergan argadhee jalqabee, yommuun qayyabannaa godhu hunda itti fayyadamaan jira jechuu nan danda’a. Akka barbaachisummaasaatti, kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) jedhamuufi barreeffamoota kan biraa ilaaluuf yaalii nan godha.”

Ammammoo fakkeenya abbaa manaafi haadha manaa Vaayitsayikiifi Maawugozaataa jedhamanii ilaalaa. Namoonni kun itti gaafatamummaa maatii guddaa ta’e qabu. Dhuunfaatti, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo kan argatan akkamitti? “Hanga danda’ame dhuunfaatti Dubbii Waaqayyoo dubbisuuf yeroo ni ramadna. Achiis, yaadawwan gaggaarii ta’aniifi hojiidhaaf nama kakaasan, yommuu qayyabannaa maatii goonuufi yommuu waliin haasofnu kaasnee mari’anna” jedhaniiru. Qayyabannaa dhuunfaa gadi fageenya qabu gochuunsaanii, gammachuu guddaa kan isaaniif argamsiise ta’uusaarrayyuu, ‘beekumsatti akka guddatan’ isaan gargaareera.

Wanta Qayyabattan Fudhachuuf Qophaa’aa

Kiristiyaanota waan taaneef, fedhiin Waaqayyoo, “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u” ta’uusaa ni amanna. (1 Xim. 2:3, 4) Dhugaan kunimmoo Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi ‘hubachuun’ barbaachisaa ta’uusaa nu hubachiisa. (Mat. 15:10) Kana gochuuf wanti nu gargaaru inni tokko wanta qayyabannu fudhachuuf of qopheessuudha. Kunimmoo ilaalcha warri Beriyaa yommuu Phaawulos isaanii lallabutti argisiisanii wajjin wal fakkaatudha. Namoonni kun, “Dubbicha fudhachuudhaaf qophaa’anii, waan dubbatame kun dhugaa ta’uu isaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan” jedhameera.—HoE. 17:11.

Isinoo fakkeenya warra Beriyaa hordofuudhaan yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabattan, dubbicha fudhachuuf qophaa’uufi yaanni keessan akka hin hiramne gochuuf yaalii ni gootuu? Kiristiyaanni kanaan dura qayyabannaa gochuu hin jaallanne tokkollee, fakkeenya warra Beriyaa hordofuuf carraaqqii gochuu danda’a. Namoonni tokko tokko yommuu umriinsaanii dabalaa adeemu, fedhiin dubbisuufi qayyabachuuf qaban ni hir’ata; Kiristiyaanni tokko garuu akkas itti dhaga’amuu hin qabu. Umrii akkamii keessayyuu yoo jiraanne, wantoota yaada keenya hiranirraa fagaachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Yommuu dubbistan, yaada haaraa warra kaaniif hirtan barbaaduu dandeessu. Fakkeenyaaf, yommuu dubbistan ykn qayyabattan, yaada hiriyaa gaa’elaa keessanitti ykn Kiristiyaana kaanitti himtan argachuuf yaalii gootuu? Kana gochuun keessan, yaada sana sammuutti qabachuufi warra kaanirratti dhiibbaa gaarii geessisuuf isin gargaaruu danda’a.

Yommuu qayyabattan, fakkeenya nama bara duriitti Yihowaa tajaajilaa ture tokkoo hordofaa. Namni kun Izraa yommuu ta’u, inni, ‘seera Waaqayyoo qoree baruuf akka of kenne’ dubbatameera. (Iz. 7:10) Kana gochuu kan dandeessan akkamitti? Bakka qayyabannaadhaaf mijaa’aa ta’e filadhaa. Qayyabannicha jalqabuu keessan dura, Yihowaan qajeelfamaafi ogummaa akka isinii kennu kadhadhaa. (Yaq. 1:5) ‘Qayyabannaa kanarraa maalan barachuu barbaada?’ jedhaa of gaafadhaa. Yommuu dubbistan yaadawwan ijoo ta’an hubachuuf yaalii godhaa. Yaadawwan ijoo ykn qabxiiwwan yaadachuu barbaaddan, yaadannootti qabadhaa ykn mallattoo itti godhaa. Yaadawwan kana, yommuu lallabdan, yommuu murtoo gootan ykn yommuu warra kaan jajjabeessitan akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan yaadaa. Qayyabannaa keessan xumuruu keessan dura, wanta dubbistan yeroo muraasaaf irra deebi’aa ilaalaa. Kunis wanta barattan yaadachuuf isin gargaara.

Aavaan akkamitti qayyabannaa akka gootu akkas jechuudhaan ibsiti: “Yommuun Macaafa Qulqulluu dubbisu, Indeeksii Masaraa Eegumsaa fi Wochtaawar Laayibirarii CD-ROM jedhamuttan fayyadama. Yaadawwan tajaajilaaf na gargaaruu danda’an yaadannoon qabadha.”

Obboloonni tokko tokko yeroo dheeraadhaaf qayyabannaa gadi fageenya qabu gochuudhaan, dhimmawwan hafuuraatiif bakka guddaa kennuu danda’aniiru. (Fak. 2:1-5) Haata’u malee, itti gaafatamummaa hedduu waan qabaniif, qayyabannaadhaaf yeroo murtaa’e ramaduun rakkisaa isaanitti ta’aa jira. Atis haala akkasii keessa kan jirtu yoo ta’e, sagantaakeerratti sirreeffama akkamii gochuu dandeessa?

Yeroo Argachuu Kanan Danda’u Akkamitti?

Wanta isin gammachiisu tokkoof yeroo ramaduun salphaa akka ta’e beekamaadha. Namoonni baay’een qayyabannaa dhuunfaa gochuuf galma bira ga’amu baasuun barbaachisaa ta’uusaa hubataniiru. Galmawwan kana keessaa inni tokko, Macaafa Qulqulluu guutummaatti dubbisuudha. Dhugaadha, seenaa dhalootaa, ibsa waa’ee mana qulqullummaa isa durii ykn raajiiwwan jireenya keenyaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne fakkaatan dubbisuun rakkisaa nutti fakkaachuu danda’a. Galma baafattanirra ga’uuf tarkaanfiiwwan sirrii ta’an fudhachuuf yaalii godhaa. Fakkeenyaaf kutaa Macaafa Qulqulluu ulfaataa fakkaatu tokko qorachuu keessan dura, bakka seenichi itti raawwatameefi faayidaa seenaan kun qabu dubbisuu dandeessu. Odeeffannoon akkasii, kitaaba “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha,” jedhamuufi afaanota 50 ta’aniin qophaa’e (Ingiliffa) ykn birooshura “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha” jedhurraa argachuun ni danda’ama.

Yommuu Macaafa Qulqulluu dubbistan, yaadasaa ija qalbiitiin ilaaluun kan nama gammachiisudha. Kana gochuun keessan, namoota seenaa sana keessatti hirmaataniifi wantoota raawwataman hubachuuf isin gargaara. Yaadawwan muraasa kana qofa hojiirra oolchuun, yeroo qayyabannaa keessanitti akka gammaddaniifi faayidaa akka argattan isin gargaara. Kunis, qayyabannaadhaaf yeroo ga’aa ramaduuf akka hawwitan isin godha. Guyyaa guyyaadhaan dubbisa Macaafa Qulqulluu amaleeffachuun salphaa isinii ta’aa adeema.

Yaadawwan olitti ibsaman dhuunfaatti kan nu gargaaran yoo ta’eyyuu, maatiin hojiin itti baay’atu tokko gorsa kana hojiirra oolchuuf maal gochuu danda’a? Qayyabannaa maatii gochuun bu’aawwan gaggaarii akkamii akka qabu, maatiidhaan maaliif irratti hin mari’attan? Maree sana keessatti yaada gaarii argachuu dandeessu. Mareen akkasii, kutaa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuuf jecha, daqiiqaa muraasa dursanii hirribaa ka’uun barbaachisaa ta’uusaa isin hubachiisuu danda’a. Yookiinimmoo, sagantaa maatichaa jijjiiruun barbaachisaa ta’uusaa kan isin hubachiisu ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, maatiiwwan tokko tokko erga ciree nyaatanii booda, caqasa guyyaa sanaa ykn kutaa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuun gaarii ta’uusaa hubataniiru. Maatichi qodaa itti nyaatame sassaabuusaa ykn hojii garabiraarratti hirmaachuusaa dura, daqiiqaa 10 ykn 15f Caqasa guyyaarratti mari’achuu ykn Macaafa Qulqulluu dubbisuu danda’a. Maatichi jalqabarratti kana gochuunsaa rakkisaa fakkaachuu danda’us, yeroo booda saganticha jaallachuufi itti gammaduu danda’a.

Vaayitsayikiifi Maawugozaataan akkas jechuudhaan wanta maatiisaanii gargaare ibsaniiru: “Kanaan dura yeroo keenya waan gatii hin qabnetti dabarsina turre. Yeroo ii-meelii erguutti dabarsinu hir’isuuf murteessine. Yeroo kanaan dura bashannanaaf oolchinurraa hir’isnee guyyaafi sa’aatii qayyabannaa gadi fageenya qabu itti goonu murteessine.” Maatiin kun sirreeffama akkasii gochuusaatti matumaa hin gaabbine; maatiin keessanis kana gochuusaatti hin gaabbu.

Beekumsa Sirrii Argachaa Adeemuun Nama Hin Gaabbisiisu!

Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qorachuun, “hojii gaarii ta’e hundumaatti ija godhachuu” akka dandeenyu nu gargaara. (Qol. 1:10) Gorsa kana hojiirra yoo oolchitan, guddinni keessan nama hundumaa duratti ni mul’ata. Dhugaa Macaafa Qulqulluu guutummaatti hubachuudhaan, karaa hafuuraa cimaa taatu. Akkasumas, nama beekumsa hin qabnerraa haala adda ta’een, murtoon isin gootan sirrii ta’a; warra kaan gargaaruufis akka gaariitti kan qophooftan taatu. Hundumaa caalaa Yihowaatti dhihaattu. Amalawwansaa baay’ee kan dinqisiifattan yommuu ta’u, kunimmoo yommuu waa’eesaa warra kaanitti dubbattan ni mul’ata.—1 Xim. 4:15; Yaq. 4:8.

Umriifi muuxannoo akkamiiyyuu yoo qabaattan, Dubbii Waaqayyootti gammaduufi wanta qayyabattan fudhachuuf of qopheessuudhaan, qayyabannaa gadi fageenya qabu gochuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa. Yihowaan carraaqqii keessan akka hin irraanfanne mirkanaa’oo ta’uu dandeessu. (Ibr. 6:10) Innis eebbasaa isinii dhangalaasa.

[Saanduqa fuula 13rra jiru]

‘Beekumsa Qabnu Yommuu Guddifannu’. . .

Amantaan Waaqayyorratti qabnu ni cima; jireenya Yihowaadhaaf ta’u jiraanna.—Qol. 1:9, 10

Hubannaa argachuudhaan murtoo gaarii gochuu dandeenya.—Far. 119:99

Warri kaan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruudhaan gammachuu arganna.—Mat. 28:19, 20

[Fakkii fuula 14rra jiru]

Qayyabannaadhaaf bakka tasgabbaa’aa ta’e filachuun barbaachisaadha

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Maatiiwwan tokko tokko, nyaata booda kutaa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi