Amanamummaakee Eegdee Ni Jiraattaa?
“Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu [“amanamummaa,” NW] koo irraa hin deebi’u.”—IYO. 27:5.
1, 2. Ijaarsa akkamiirratti hirmaachuu nu barbaachisa? Gaaffiiwwan kam qoranna?
PILAANII mana tokkoo ilaalaa jirta haa jennu. Pilaaniin kun baay’ee gaarii waan ta’eef ni ajaa’ibsiifatta. Faayidaa manichi siifis ta’e maatiikeetiif argamsiisu yaaduudhaan gammadda. Haata’u malee, mana kana yoo ijaaruu baatte, yoo itti galuu baatteefi sirriitti qabuu baatte, pilaaniin suniifi hawwiinkee hundi gatii akka hin qabne hin amantuu?
2 Haaluma wal fakkaatuun, amanamummaan, amala nuufis ta’e namoota jaallannuuf faayidaa guddaa argamsiisu akka ta’e nutti dhaga’ama. Haata’u malee, amanamummaa kana yoo qabaanneefi eegnee yoo jiraanne malee, gaarii ta’uusaa yaaduu qofti faayidaa nuuf hin argamsiisu. Yeroo ammaatti mana ijaaruun baasii guddaa akka gaafatu beekamaadha. (Luq. 14:28, 29) Haaluma wal fakkaatuun, amanamoo ta’uunis yeroofi carraaqqii gaafata; ta’us, dadhabbiin keenya kan nu kiisudha. Kanaaf, mee gaaffiiwwan sadii haa ilaallu: Amanamoo ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Amanamummaa keenya eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Namni tokko yeroodhaaf amanamaa yoo ta’uu baate maal gochuutu danda’ama?
Amanamoo Ta’uu Kan Dandeenyu Akkamitti?
3, 4. (a) Yihowaan amanamoo akka taanu kan nu gargaaru karaawwan kamiini? (b) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan amanamoo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
3 Mataduree darbe keessatti, Yihowaan amanamoo ta’uu ykn dhiisuu akka filannu mirga nuu kennuudhaan akka nu kabaje ilaalleerra. Ta’us, kana yommuu goonu kophaatti akka nu hin dhiisne beekuun keenya nu gammachiisa. Amala gaarii kana akkamitti guddifachuu akka dandeenyu nu barsiisa; akkasumas hafuura qulqulluu nuu kennuudhaan barumsasaa kana hojiirra akka oolchinu nu gargaara. (Luq. 11:13) Namoota amanamummaadhaan jiraachuuf carraaqqii godhaniif karaa hafuuraa eegumsa godha.—Fak. 2:7.
4 Yihowaan amanamoo akka taanu kan nu barsiise akkamitti? Karaan kana itti godhe inni guddaan, Ilmasaa Yesusiin gara lafaatti erguudhaani. Yesus guutummaatti ajajamuudhaan jiraateera. ‘Inni hamma du’aatti abboomamaa ta’eera.’ (Filp. 2:8) Yesus, haala baay’ee rakkisaa ta’e keessattillee, wanta godhe hundumaan Abbaasaa isa samiitiif abboomameera. Yihowaadhaan, “Akka ani jaalladhe utuu hin ta’in, akka ati jaallatte haa ta’u!” jedheera. (Luq. 22:42) Hundi keenya ‘Anoo akkumasaa nan abboomamaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Garaa qulqulluudhaan abboomamuu keenya itti fufuudhaan, amanamummaa keenya eeguu dandeenya. Jireenya keenya keessatti iddoowwan amanamummaan itti barbaachisu tokko tokko haa ilaallu.
5, 6. (a) Daawit, yommuu namoonni nu hin arginettillee amanamummaa ofii eeguun barbaachisaa ta’uusa kan ibse akkamitti? (b) Yeroo ammaatti Kiristiyaanonni yommuu kophaa ta’an wantoonni amanamummaasaanii qoran maalfa’i?
5 Kophaa keenya akka taane yommuu nutti dhaga’amullee, Yihowaadhaaf ajajamuun keenya barbaachisaadha. Daawit yommuu kophaa ta’utti amanamaa ta’uunsaa barbaachisaa akka ta’e hubatee ture. (Faarfannaa 101:2 dubbisi.) Daawit mootii waan ta’eef, yeroo hunda namoonni isa biraa hin dhabaman ture. Yeroo baay’ee namoota dhibbaafi kumaan lakkaa’aman dura dhaabatee akka ture hin shakkisiisu. (Faarfannaa 26:12 waliin ilaali.) Mootichi sabasaatiif fakkeenya gaarii ta’uu waan qabuuf, yeroo akkasiitti amanamaa ta’uunsaa barbaachisaa ture. (Kes. 17:18, 19) Haata’u malee Daawit, yommuu kophaasaa ‘manasaa keessa’ jiruttis amanamaa ta’ee jiraachuun akka isa barbaachisu hubatee ture. Nutihoo?
6 Faarfannaa 101:3rratti Daawit, “Wanta gadhee ija koo dura kaa’ee hin taa’u” jedheera. Yeroo ammaatti keessumaa yommuu kophaa taanu, wantoonni gadheen ija keenya dura kaa’annee taa’uu dandeenyu baay’een jiru. Intarneetiitti fayyadamuun karaa kanaan namoota hedduurratti rakkina geessiseera. Salphaadhumatti gowwoomfamnee, wanta sirrii hin taaneefi fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu dandeenya. Haata’u malee, kana gochuun keenya, Waaqa isa Daawit yaada armaan oliitti argamu akka barreessu godheef abboomamuu keenya kan argisiisudhaa? Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, fedhii gadheefi ofittummaa akka hordofnu waan nu kakaasaniif, yaada garaa keenyaa waan mancaasaniif, gaa’ela waan diiganiifi warra gocha akkasiirratti hirmaatan hunda waan salphisaniif miidhaa guddaa geessisu.—Fak. 4:23; 2 Qor. 7:1; 1 Tas. 4:3-5.
7. Seerri bu’uuraa yommuu kophaa taanu amanamummaa keenya akka eegnu nu gargaaru isa kami?
7 Namni Yihowaa tajaajilu tokko, yoomiyyuu dhugumaan kophaasaa akka hin taane beekamaadha. Abbaan keenya inni samii jaalalaan nu ilaala. (Faarfannaa 33:13 dubbisi.) Yihowaan qorumsa sirra ga’e mo’uukee yommuu ilaalu baay’ee gammada. Kana gochuudhaan, akeekkachiisa wanta Yesus Maatewos 5:28rratti dubbate keessa jiru hojiirra oolchita. Kanaaf, karaa kamiiniyyuu fakkii cubbuu akka raawwattu si qoru ilaaluurraa fagaachuuf murteessi. Amanamummaakee isa gati jabeessa ta’e, barruu fedhii saalqunnamtii kakaasuufi yeellaasisaa ta’e ilaaluufi dubbisuutti hin jijjiirin!
8, 9. (a) Daani’eliifi hiriyoonnisaa wanta amanamummaasaanii qoru akkamiitu isaan mudate? (b) Kiristiyaanonni dargaggoota ta’an Yihowaas ta’e Kiristiyaanota hidhatasaanii ta’an gammachiisuu kan danda’an akkamitti?
8 Namoota hin amannee wajjin yommuu taanus, Yihowaadhaaf abboomamuudhaan amanamoo ta’uu keenya argisiisuu dandeenya. Waa’ee Daani’eliifi hiriyootasaa sadanii yaadi. Dargaggummaasaaniitti boojuudhaan Baabilonitti geeffaman. Ijoolleen arfan kun namoota waa’ee Yihowaa hin beekneen kan marfaman ta’uusaarrayyuu, nyaata seerri Waaqayyoo dhowwu akka nyaatan dhiibbaan isaanirra ga’ee ture. Dargaggoonni kun salphaadhumatti ejjennoosaanii laaffisuuf sababa addaddaa uumuu danda’u turan. Kana malees, warrisaanii, Yihudoonni maanguddoota ta’aniifi luboonni wanta isaan godhan arguu hin danda’an. Arguu kan danda’u eenyuree? Yihowaadha! Kana waan hubataniif, dhiibbaan yoo isaanirra ga’eefi lubbuunsaanii balaadhaaf yoo saaxilameyyuu, ejjennoosaanii hin laaffisne.—Dan. 1:3-9.
9 Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ta’aniifi addunyaa maratti argamanis, seerawwan Waaqayyo Kiristiyaanotaaf baase eeganii hiriyyummaa gadheerraa fagaachuudhaan ejjennoo akkasii qabaatu. Warri dargaggoota taatan, yommuu qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu diddan, akkasumas yakkarratti, arrabsoorratti, addaggummaafi wantoota sirrii hin taane kaanirratti hirmaachuu diddan, Yihowaadhaaf abboomamaa akka jirtan yaadadhaa. Kana yommuu gootan, amanamummaa keessan eegaa jirtu. Kunimmoo kan faayidaa isiniif argamsiisu ta’uusaarrayyuu, Yihowaafi Kiristiyaanota hidhata keessan ta’an ni gammachiisa.—Far. 110:3.
10. (a) Dargaggoonni tokko tokko amanamummaasaanii akka dhaban kan godhu, ejjaaf ilaalcha dogoggoraa akkamii qabaachuusaaniiti? (b) Amanamummaan balaa ejja raawwachuun fidurraa akka fagaannu kan nu gargaaru akkamitti?
10 Namoota saalaa faallaa qabanii wajjin haala wal qabateenis abboomamuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo ejja akka dhowwu beekna. Haata’u malee, namni ajajamaa ture tokko salphaadhumatti jireenya akkasii jalqabuu danda’a. Fakkeenyaaf, dargaggoonni tokko tokko kana raawwachuun kallattiidhaan “saalqunnamtii raawwachuu” miti jedhanii yaaduudhaan, afaaniin ykn hudduudhaan (munneedhaan) saalqunnamtii ni raawwatu. Kana malees qaama saalaa walii ni susukkuumu. Dargaggoonni kun, ejji Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame gochawwan kana hunda akka dabalatu ni dagatu; ykn ejja ta’uusaa beekaniyyuu didanii raawwatu. Namni gochawwan akkasii raawwatu gumiidhaa baafamuu danda’a.a Kanarra kan hammaatummoo, dargaggoonni kun amanamummaan barbaachisaa ta’uusaa dagachuusaaniiti. Nuyi garuu amanamummaa keenya eeguuf waan carraaqnuuf, hojii gadhee hojjechuuf sababii hin barbaannu. Adaba hamma nurraan hin geessisnetti hamma dandeenye cubbuutti siquuf yaalii hin goonu. Adaba cubbuu hojjechuu keenyaan nuu kennamu qofaarratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, wanta Yihowaa gammachiisu gochuufi wanta isa gaddisiisurraa fagaachuurratti xiyyeeffachuu qabna. Hammam cubbuutti siquu akka dandeenyu of ilaaluu mannaa, cubbuurraa fagaachuu keenya itti fufuudhaan ‘halalummaarraa baqanna.’ (1 Qor. 6:18) Kana gochuudhaan dhugumaan amanamoo ta’uu keenya argisiisna.
Amanamummaa Keenya Eegnee Jiraachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
11. Waan xinnoottillee ajajamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
11 Amanamummaa keenya kan cimsinu ajajamuudhaan akka ta’e beekna; kanaafuu amanamummaa kana eegnee jiraachuu kan dandeenyu ajajamuu keenya yoo itti fufnedha. Ajaja tokko hojiirra oolchuun salphaa fakkaachuu danda’a. Haata’u malee, ajajamummaan akkasii yeroodhaa gara yerootti guddatee amanamoo akka taanu nu gargaara. Fakkeenyaan ibsuuf, xuuphiin tokkittiin gatii kan hin qabne fakkaattuyyuu, of eeggannoodhaan baay’eesaanii yoo walirra keenye mana gaarii ijaaruu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, ajajamoo ta’uu keenya itti fufuudhaan amanamummaa keenya eeguu dandeenya.—Luq. 16:10.
12. Daawit yommuu dabniifi jal’inni irra ga’ellee amanamummaa argisiisuusaa itti fufuudhaan fakkeenya kan nuu ta’e akkamitti?
12 Amanamummaan keenya, keessumaa yommuu rakkinni, dabniifi firdii jal’aan nurratti raawwatamu jabaannee dhaabachuu keenyaan mul’ata. Seenaa Daawit isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame akka fakkeenyaatti ilaali. Daawit yommuu dargaggeessa turetti, ari’atama mootiin Yihowaan aangoo kenneeraaf jedhamee dubbatamu tokko isarraan geessise obsaan danda’eera. Saa’ol Mootichi Yihowaa biratti fudhatama kan dhabe yommuu ta’u, Daawit isa Waaqayyo muudetti garmalee hinaafeera. Ta’us, Saa’ol yeroo muraasaaf aangoorra turuudhaan, loltoota Israa’elitti fayyadamee Daawitiin ari’eera. Yihowaan dabni kun waggoota muraasaaf akka itti fufu heyyameera. Daawit, yeroo kanatti Waaqayyoon hadheesseeraa? Jabaatee dhaabachuunsaa gatii akka hin qabne itti dhaga’amee turee? Matumaa. Saa’oliin ajjeesuuf yommuu carraa argatee turettillee, inni nama Waaqayyo isa dibe ta’uusaa amanuudhaan isa kabajeera.—1 Sam. 24:2-7.
13. Yommuu warri kaan nu miidhan ykn nu aarsan, amanamummaa keenya eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Fakkeenya Daawitirraa barumsa guddaa arganna! Nuyi miseensota gumii addunyaa maraa isa namoonni cubbuu dhaalan keessatti argamaniiti. Kanaafuu, isaan keessaa inni tokko nu miidhuu ykn dhugaa dhiisuu danda’a. Ta’us, yeroo sabni Yihowaa guutummaatti manca’uu hin dandeenye keessa waan jiraannuuf, eebbifamneerra jechuun ni danda’ama. (Isa. 54:17) Haata’u malee, namni tokko utuu nu aarsee ykn utuu nu miidhee maal goona? Obboleessa keenyarratti haaloo yoo qabanne, Waaqayyoof amanamoo ta’uun keenya balaarra bu’uu danda’a. Amalli warra kaanii, Waaqayyoon akka hadheessinu ykn amanamummaa keenya akka dhiisnu sababa ta’uu hin qabu. (Far. 119:165) Rakkinni yoo nurra ga’ellee obsaan dandeenyee jiraachuun keenya, amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf nu gargaara.
14. Namoonni amanamummaasaanii eegan, jijjiirama jaarmiyaa Yihowaa keessatti ykn barumsarratti godhamuuf ilaalcha akkamii qabu?
14 Warra kaanirratti dogoggora barbaaduufi isaan ceepha’uurraa fagaachuudhaanis amanamummaa keenya eegnee jiraachuu dandeenya. Kana jechuun, Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu jechuudha. Yihowaan yeroo kamiyyuu caalaa sabasaa eebbisaa jira. Waaqeffannaan dhugaa haala kanaan dura ta’ee hin beekneen sadarkaa guddaarra ga’eera. (Isa. 2:2-4) Caqasawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko ykn karaa wantoonni tokko tokko itti raawwataman ilaalchisee sirreeffama godhamu fudhachuu barbaanna. Ragaawwan ifni hafuuraa dabalaa adeemuusaa argisiisan ilaaluun nu gammachiisa. (Fak. 4:18) Sirreeffamni godhame yoo nuu galuu baate, Yihowaan yaada kana hubachuuf akka nu gargaaru ni kadhanna. Hammasitti garuu ajajamuu keenya itti fufuudhaan amanamummaa keenya eegnee jiraanna.
Namni Tokko Amanamummaasaa Eeguu Yoo Dhiisehoo?
15. Amanamummaarraa si deebisuu kan danda’u eenyu qofadha?
15 Gaaffiin kun baay’ee barbaachisaa mitii? Mataduree darberratti akkuma baranne, amanamummaan baay’ee barbaachisaadha. Amala kana malee, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuus ta’e abdii qabaachuu hin dandeenyu. Wanti hubachuu qabdu tokko jira: Uumama cufa keessatti amanamummaarraa si deebisuu kan danda’u nama tokko qofa yommuu ta’u, innis sumadha. Iyoob kun dhugaa ta’uusaa akka gaariitti hubatee ture. “Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu [“amanamummaa,” NW] koo irraa hin deebi’u” jedheera. (Iyo. 27:5) Atis murtoo akkasii yoo gooteefi Yihowaatti dhihaattee yoo jiraatte, matumaa amanamummaakee hin dhabdu.—Yaq. 4:8.
16, 17. (a) Namni cubbuu cimaa hojjete tokko maal gochuunsaa dogoggoradha? (b) Maal gochuunsaammoo sirriidha?
16 Haata’u malee namoonni tokko tokko amanamummaasaanii ni dhabu. Yommuu ergamoonni Yesus lafarra turanillee, namoonni tokko tokko cubbuu cimaa raawwatu turan. Wanti akkasii yoo sirra ga’e, abdii hin qabdu jechuudhaa? Akkas ta’uu dhiisuu danda’a. Maaltu godhamuu danda’aree? Mee jalqaba wanta gochuu hin qabnerratti haa mari’annu. Namoonni yeroo baay’ee dogoggora hojjetan warrasaanii, Kiristiyaanota kaaniifi jaarsolii jalaa dhoksuuf qoramu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata” jechuudhaan dubbata. (Fak. 28:13) Wanti kamiyyuu Waaqayyo duraa dhokachuu waan hin dandeenyeef, namoonni cubbuusaanii dhoksuuf yaalan dogoggora cimaa raawwatu. (Ibroota 4:13 dubbisi.) Namoonni tokko tokko utuma cubbuu cimaa hojjetanii Yihowaa kan tajaajilan fakkaachuudhaan, jireenya bifa lamaa jiraachuuf yaalii godhu. Jireenyi akkasii amanamoo akka hin taane kan argisiisudha. Yihowaan, waaqeffannaa namoota cubbuu cimaa hojjetanii dhoksaniitti hin gammadu. Fakkeessituu ta’uun isa aarsa.—Fak. 21:27; Isa. 1:11-16.
17 Kiristiyaanni tokko yommuu cubbuu cimaa raawwatu, maal gochuu akka qabu beekamaadha. Yeroo kanatti gargaarsa jaarsolii gaafachuu qaba. Yihowaan jaarsoliitti fayyadamee, namoota karaa hafuuraa dhukkubsatan gargaaruuf qophii godheera. (Yaaqoob 5:14 dubbisi.) Adaba ykn sirreeffama sodaachuudhaan karaa hafuuraa yaalamuurraa duubatti hin jedhin. Namni gamna ta’e tokko, dhukkubbii lilmoo (marfee) ykn yaalii baqaqsanii hodhuu sodaatee, dhibee fayyaa lubbuusaa galaafatu yaalamuurraa duubatti jedhaa?—Ibr. 12:11.
18, 19. (a) Fakkeenyi Daawit amanamummaa ofii deebisanii argachuun akka danda’amu kan argisiisu akkamitti? (b) Amanamummaa ilaalchisee murtoonkee maalidha?
18 Namni tokko erga cubbuu hojjetee booda deebi’ee guutummaatti fudhatama argachuu ni danda’aa? Amanamummaan lammata argamuu ni danda’aa? Ammas fakkeenya Daawit ilaali. Daawit cubbuu cimaa hojjetee ture. Niitii namaa ija hawwiitiin ilaalee ejja raawwate; achiis abbaa manaashee isa balleessaa hin qabne ajjeesise. Daawit yeroo kanatti amanamummaasaa eegeera jechuun rakkisaa mitii? Haata’u malee, haalli Daawit abdii kan hin qabne turee? Daawit adabni cimaan kan isa barbaachise yommuu ta’u, adaba kanas fudhateera. Garaadhaa qalbii geddarachuunsaa Yihowaan araara akka isaaf godhu karaa baneera. Daawit adaba sanarraa barumsa kan argate ta’uusaarrayyuu, Waaqayyoof ajajamuusaa itti fufuudhaan amanamummaasaa deebisee argateera. Jireenyi Daawit yaada Fakkeenya 24:16rratti ibsamee wajjin wal fakkaata. Caqasichi, “Namni qajeelaan si’a torba utuma kufee iyyuu, deebi’ee in ka’a; namni jal’aan garuu, wanta hamaa keessatti in kufa” jedha. Daawit qalbii geddarachuunsaa bu’aa akkamii isaaf argamsiise? Yihowaan Daawit erga du’ee booda Solomooniin maal akka jedhe ilaali. (1 Mootota 9:4 dubbisi.) Waaqayyo Daawit amanamaa akka ture dubbateera. Yihowaan namoota cubbuu cimaallee hojjetanii qalbii geddaratan qulqulleessuu ni danda’a.—Isa 1:18.
19 Eeyyee, atis garaadhaa ajajamuudhaan amanamaa ta’uu dandeessa. Amanamummaakee eegii jiraadhu; cubbuu cimaa yoo hojjettemmoo garaadhaa qalbii geddaradhu. Dhugumayyuu, amanamummaan gatii guddaa qaba! Hundi keenya akkuma Daawit, ‘amanamummaadhaan deddeebi’uuf’ haa murteessinu.—Far. 26:11, NW.
[Miiljalee]
a Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2004, ful. 13, key. 15 ilaali. (Amaariffa)
Maal Jettee Deebista?
• Amanamaa ta’uu kan dandeessu akkamitti?
• Amanamummaakee eegdee jiraachuu kan dandeessu karaawwan kamiini?
• Amanamummaa ofii deebisanii argachuun kan danda’amu akkamitti?
[Saanduqa fuula 8rra jiru]
‘Kun Gaarummaa Guddaadha!’
Jechoota kana, dubartii ulfa ji’a shanii tokkotu gaarummaafi amanamummaa intalli tokko isheetti argisiiste ilaalchisuudhaan dubbate. Dubartiin kun mana bunaa tokko keessa kan turte yommuu ta’u, erga achii deemtee yeroo muraasa booda boorsaa qarshiishee achitti akka irraanfatte hubatte. Boorsaashee keessa kan ture qarshii gara 20,000 ennaa ta’u, sanaan dura qarshii hammana baay’atu harkatti qabattee hin beektu turte. Sana booda, “Baay’een gaddee” jechuudhaan qopheessaa gaazexaa tokkotti himteetti. Haata’u malee, intalli tokko boorsaa kana argattee yeruma sana abbaasaa barbaaduutti kaate. Ta’us, abbaasaa argachuu waan hin dandeenyeef gara waajjira poolisiitti geessite; achiis, poolisiin dubartii ulfa kana argate. Isheenis “Kun, dhuguma gaarummaa guddaadha!” jechuudhaan dubbatte. Intalli kun qarshii kana deebisuuf hammana kan dhamaate maaliifi? Gaazexaan kun, Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef, “amanamummaa akkasii kan argisiiste amantiisheetiin kan ka’e” ta’uusaa dubbateera.
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Dargaggoonni yommuu qorumsi isaanirra ga’u amanamummaasaanii eeguu ni danda’u
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Daawit yeroodhaaf amanamummaasaa kan dhabe ta’uyyuu deebisee argateera