LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 10/1 ful. 14
  • 1. Waaqayyo Akka Si Gargaaru Kadhadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1. Waaqayyo Akka Si Gargaaru Kadhadhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hafuurri Qulqulluun Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Hafuuraan Geggeeffamuudhaan Murtoo Keessanii Wajjin Walsimaa Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Jaarraa Tokkoffaafi Yeroo Harʼaatti Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu Kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 10/1 ful. 14

Macaafa Qulqulluu Hubachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

1. Waaqayyo Akka Si Gargaaru Kadhadhu

Dubartiin Xaaliyaanii jiraattuufi Niinfaa jedhamtu akkas jetteetti: “Rafuukoo dura Macaafa Qulqulluu nan dubbisan ture. Kana kanan godhu Macaafni Qulqulluun, Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa waanan beekuuf ture. Macaafa Qulqulluu dubbisuu yoon jibbellee, wanta Waaqayyo achi keessatti barreessise beekuun barbaada ture. Macaafa kana dubbisee fixuuf fedhiin qaban ture. Jalqabarratti dubbisuun salphaa naa ta’ee ture, seenaa ulfaataa tokkorra yommuun ga’u garuu dubbisuun dhaabe.”

MUUXANNOON Niinfaa wajjin wal fakkaatu si mudatee beekaa? Kun namoota hedduu mudatee beeka. Mataduree armaan oliirratti, Yihowaan yaada Macaafa Qulqulluu akka hubattu kan barbaadu ta’uusaa akka baranne yaadadhu. Haata’u malee, yaada macaafa kanaa hubachuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfiin jalqabaa, Yihowaan akka si gargaaru kadhachuudha.

Ergamoonni Yesus, mana barumsaa amantii Yihudootaa galanii leenjii amantii waan hin fudhanneef, “barumsa dheeraa akka hin qabne” godhamanii ilaalamu turan. (Hojii Ergamootaa 4:13) Ta’us, Yesus yaada Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hubachuu akka danda’an isaanii mirkaneessee ture. Akkamitti? Yesus, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa” jechuudhaan isaanii ibseera. (Yohannis 14:26) Waaqayyo, hafuura qulqulluutti fayyadamee lafaafi lubbu qabeeyyii lafarra jiran hunda uumeera. (Uumama 1:2) Namoonni 40⁠ni geggeessaa hafuura qulqulluutiin, yaadasaa Macaafa Qulqulluurratti akka barreessan godheera. (2 Phexros 1:20, 21) Hafuurri kun, namoota yaada Macaafa Qulqulluu hubachuu barbaadanis ni gargaara.

Hafuura Waaqayyoo argachuu kan dandeessu akkamitti? Hafuura kana argachuuf utuu walirraa hin kutin amantiidhaan kadhachuu qabda. Yesus akkas jedheera: “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, . . . Egaa isin . . . ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” (Luqaas 11:9, 13) Yihowaan, namoota garaadhaa isa kadhataniif hafuura qulqulluu ni kenna. Hafuurri kun, yaada Macaafa Qulqulluu isa waggoota kumaan lakkaa’aman dura barreeffame akka hubattu si gargaara. Hafuurri Waaqayyoo, ergaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hojiirra oolchuu akka dandeessuufis ogummaa sii kenna.—Ibroota 4:12; Yaaqoob 1:5, 6.

Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yommuu qophooftu, Waaqayyo yaada macaafa kanaa hubachuu akka dandeessuuf hafuurasaa akka sii kennu kadhadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi