LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 1/15 ful. 24-28
  • Bulchiinsi Seexanaa Akka Kufu Mirkanaa’aadha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bulchiinsi Seexanaa Akka Kufu Mirkanaa’aadha
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Daandii Badiisatti Geessu
  • Waaqayyo Namoonni Akka Ofiin Of Bulchan Maaliif Heyyame?
  • Hammeenyi, Yihowaan Ulfina Akka Argatu Godheera
  • Biyyi Lafaa Kan Dhukkubsate Maaliifi?
  • Bulchiinsi Yihowaa Sirrii Akka Ta’e Mirkanaa’eera!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Rakkinni Kan Baayʼate Maaliifi?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yihowaan Waaqa Jaalalaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 1/15 ful. 24-28

Bulchiinsi Seexanaa Akka Kufu Mirkanaa’aadha

‘Namni hamaan matumaa wanta gaarii hin argatu.’—LAL. 8:13, NW.

1. Firdiin hamootarratti raawwatamu oduu gammachiisaa kan ta’e maaliifi?

OOLEE BULEE hamoonni firdiitti dhihaachuunsaanii hin hafu. Wanta raawwataniif deebii kennuu qabu. (Fak. 5:22; Lal. 8:12, 13) Keessumaa namoota qajeelummaa jaallataniifi dabni isaanirratti raawwatameef kun oduu gammachiisaadha. Warra hammina raawwataniifi firdiitti dhihaatan keessaa inni jalqabaa, abbaa hammeenyaa kan ta’e Seexanadha.—Yoh. 8:44.

2. Gaaffii Eeden keessatti ka’e deebisuuf, yeroo kennuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

2 Seexanni amala of gurguddisuutiin kaka’ee, Eeden keessatti Addaamiifi Hewwaan bulchiinsa Yihowaa akka hin fudhanne godheera. Isaanis Seexana cina goruudhaan mirga Yihowaan bulchuuf qabu waan mormaniif, Yihowaa duratti cubbamoota ta’aniiru. (Rom. 5:12-14) Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan daandiin hammeenyaa isaan filatan maal akka isaanirraan geessisu beeka ture. Haata’u malee, miidhaa daandii isaan filatan kun geessisu, ergamoonniifi ilmaan namootaa beekuu qabu turan. Kanaaf, warri hammeenya raawwatan kun sirrii akka hin taane deebii quubsaa kennuuf, yeroo kennuun barbaachisaa ture.

3. Bulchiinsa ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

3 Ilmaan namootaa bulchiinsa Yihowaa fudhachuu erga didanii, bulchiinsa mataasaanii hundeessuu qabu turan. Phaawulos ergamaan bulchiinsa namootaa kanaan “warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban” jechuudhaan, Kiristiyaanota Roomaatti argamaniif barreesseera. Bara Phaawulositti warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban kan jedhame adda durummaadhaan mootummaa Roomaa, isa Mootii Neeroo jedhamuufi Dh.K.B. bara 54-68⁠tti geggeeffamaa ture kan argisiisudha. Phaawulos warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban kana, “Waaqayyotu achi isaan dhaabe” jedheera. (Roomaa 13:1, 2 dubbisi.) Asirratti Phaawulos bulchiinsi ilmaan namootaa, bulchiinsa Waaqayyoo ni caala jechuusaa turee? Akkas jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa Yihowaan, bulchiinsi ilmaan namootaa akka jiraatu waan heyyameef, Kiristiyaanonni ‘waan Waaqayyo dhaabe’ kabajuufi fudhachuu akka qaban dubbachuusaa ture.

Daandii Badiisatti Geessu

4. Bulchiinsi ilmaan namootaa kufuunsaa kan hin oolle maaliif akka ta’e ibsi.

4 Bulchiinsi ilmaan namootaa Seexanaan geggeeffamu kufuunsaa kan hin oolledha. Kana kan jennu maaliifi? Sababii inni tokko bulchiinsi kun, ogummaa Waaqayyoorratti kan hin hundoofne ta’uusaati. Ogummaa mudaa hin qabne kan qabu Yihowaa qofadha. Kanaaf, bulchiinsa milkaa’ina qabu hundeessuuf qajeelfama amansiisaa kennuu kan danda’u isa qofadha. (Er. 8:9; Rom. 16:27) Ilmaan namootaa yaaliifi dogoggora raawwatanirraa barumsa kan argatan yommuu ta’u; Yihowaan garuu yoomiyyuu wanti hundarra caalu maal akka ta’e beeka. Bulchiinsi qajeelfama Yihowaa hin hordofne kamiyyuu hin milkaa’u. Yaada hammeenyaa isaan qaban utuu hin dabalatin, sababiidhuma kanaanillee bulchiinsi ilmaan namootaa jalqabumaa kaasee kan kufu ta’uunsaa mirkanaa’aadha.

5, 6. Seexanni, Yihowaa mormuuf kan isa kakaase maalidha?

5 Namni hubataa ta’e tokko, kaayyoo galmarra hin geenye hin hordofu. Kaayyoo sirrii hin taane hordofuusaa yoo itti fufe garuu dogoggorasaa amanee fudhachuunsaa hin oolu. Yeroo hedduu Uumaa isa hundumaa danda’u mormuun gatii akka hin qabne seenaan mirkaneesseera. (Fakkeenya 21:30 dubbisi.) Haata’u malee Seexanni, amala of gurguddisuufi of bokoksuudhaan kaka’ee Yihowaarraa garagaleera. Akka kanaan, Seexanni ta’e jedhee daandii badiisaa filateera.

6 Seexanni of tuulaa akka ta’e, wanta mootiin Baabilon of jajuudhaan dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. Akkas jedhee ture: “Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba’a, urjoota Waaqayyoo gararraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga’ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan taa’a; duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba’a, isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa.” (Isa. 14:13-15) Karoorri gowwummaa mootiin kun baafate hin milkaa’in kan hafe yeroo ta’u, kufaatiin salphinaas mootummaa Baabilonirra ga’eera. Haaluma wal fakkaatuun Seexanaafi biyya lafaa inni seerraturra yeroo dhihootti kufaatiin ni ga’a.

Waaqayyo Namoonni Akka Ofiin Of Bulchan Maaliif Heyyame?

7, 8. Yihowaan hammeenyi yeroodhaaf akka jiraatu heyyamuunsaa faayidaa akkamii tokko tokko qaba?

7 Namoonni tokko tokko, Yihowaan ilmaan namootaa bulchiinsa Seexanaa cina goranii ofiin of bulchuudhaan daandii badiisatti geessu akka hin filanne maaliif hin dhowwine? jedhanii gaafatu ta’a. Waaqa hundumaa danda’u waan ta’eef, kana gochuu ni danda’a ture. (Bau. 6:3) Ta’us utuu kana hin godhin hafeera. Yihowaan, yeroodhaaf hammeenya namoonni raawwatan gidduu galuu dhiisuunsaa, yeroo booda bu’aa gaarii argamsiisuu akka danda’u ogummaasaatiin hubateera. Dhumarratti Yihowaan qajeelaafi Mootii jaalala qabeessa akka ta’e ni mirkanaa’a; ilmaan namootaa amanamoo ta’anis wanta inni godherraa faayidaa argatu.

8 Addaamiifi Hewwaan yaada Seexanaa fudhachuudhaan bulchiinsa Waaqayyoorraa utuu adda hin baane ta’ee, rakkinni ilmaan namootaarra hin ga’u ture. Haata’u malee Yihowaan, ilmaan namootaa yeroodhaaf akka ofiin of bulchan murteessuunsaa faayidaa argamsiise qaba. Kunis namoonni garaa qajeelaa qaban, Waaqayyoon dhaga’uufi isatti amanamuun ogummaa akka ta’e akka hubatan gargaareera. Ilmaan namootaa jaarraa hedduudhaaf, gosa bulchiinsa addaddaa kan yaalan ta’us, bulchiinsa gaarii ta’e tokkollee hin arganne. Kunimmoo namoonni Waaqayyoon waaqeffatan, bulchiinsi Yihowaa hundarra kan caalu ta’uusaatiif amantaa qaban akka jabeeffatan isaan gargaareera. Yihowaan, bulchiinsi Seexanaa akka jiraatu heyyamuunsaa, waaqeffattootasaa warra amanamoo ta’an dabalatee, ilmaan namootaarratti rakkina akka fide beekamaadha. Haata’u malee, hammeenyi yeroodhaaf akka jiraatu heyyamamuunsaa, warra amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffataniif faayidaa argamsiise qaba.

Hammeenyi, Yihowaan Ulfina Akka Argatu Godheera

9, 10. Bulchiinsi Seexanaa Yihowaadhaaf ulfina kan fide akkamitti akka ta’e ibsi.

9 Ilmaan namootaa harka Seexanaa jala ta’uudhaan akka ofiin of bulchan heyyamamuunsaa, bulchiinsi Yihowaa sirrii akka hin taane kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, jecha Ermiyaas hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, ilmaan namootaa of bulchuudhaaf ga’umsa akka hin qabne barreesse, dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. (Ermiyaas 10:23 dubbisi.) Akkasumas, hammeenyi Seexanaa, Yihowaan amalawwansaa warra gaarii ta’an caalaatti akka argisiisu carraa baneera. Akkamitti?

10 Rakkoowwan bulchiinsa Seexanaatiin dhufan arguun keenya, amalawwan Yihowaa warra mudaa hin qabne caalaatti hubachuuf nu gargaareera. Kunis Yihowaan namoota isa jaallatan biratti ol ol akka ta’u godheera. Yaanni kun kan wal faallessu yoo fakkaates, bulchiinsi Seexanaa Waaqayyoof ulfina fiduuf gargaareera jechuun ni danda’ama. Bulchiinsi Seexanaa, Yihowaan mormii olaantummaasaarratti ka’e hiikuuf malli inni itti fayyadame hundarra akka caalu argisiiseera. Dhugaa kana ibsuuf, amalawwan Yihowaa tokko tokko gabaabsinee haa ilaallu; achiis bulchiinsi Seexanaa inni hamaan, Yihowaan amalawwansaa kana haala adda ta’een argisiisuuf akkamitti akka isa kakaase ilaalla.

11. Yihowaan jaalalasaa kan argisiise akkamitti?

11 Jaalala. Caaffanni Qulqullaa’oon “Waaqayyo jaalala” akka ta’e ibsu. (1 Yoh. 4:8) Uumamni ilmaan namootaa, hunda caalaa karaa jaalalli Waaqayyoo itti mul’atedha. Kana malees, akkaataan uumama keenyaa inni dinqisiisaan jaalala Waaqayyoo kan argisiisudha. Akkasumas, Yihowaan jaalalasaatiin kaka’ee bakka jireenyaa bareedaa wantoota ilmaan namootaa gammachiisaniin guutame uumeera. (Uma. 1:29-31; 2:8, 9; Far. 139:14-16) Haata’u malee, ilmaan namootaa karaa hammeenyaarra deemuu erga filatanii booda, Yihowaan karaa adda ta’een jaalalasaa argisiiseera. Akkamitti? Yohannis ergamaan, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuudhaan wanta Yesus dubbate barreesseera. (Yoh. 3:16) Waaqayyo tokkicha ilmasaa gara lafaatti erguudhaan cubbamootaaf furii akka ta’u gochuu caalaa, ilmaan namootaatiif jaalala argisiisuu danda’aa? (Yoh. 15:13) Jaalalli guddaan Waaqayyo fedhiisaa aarsaa gochuudhaan argisiise, ilmaan namootaas akkuma Yesus godhe fakkeenyasaa hordofuudhaan akka argisiisan carraa isaanii banuusaa kan argisiisudha.—Yoh. 17:25, 26.

12. Humni Yihowaa karaa kamiin mul’ateera?

12 Humna. Jireenya uumuu kan danda’u ‘Waaqayyo isa hundumaa danda’u’ qofadha. (Mul. 11:17; Far. 36:9) Namni tokko gaafa dhalatu waraqaa duwwaa wajjin wal fakkaata. Yeroo du’u, waraqaan kun murtoo, tarkaanfii, akkasumas muuxannoowwan jireenya keessatti isa mudataniifi eenyummaasaa ibsaniin kan guutame ta’a. Odeeffannoon kun yaadannoo Yihowaa keessatti barreeffamee taa’uu danda’a. Yeroo Yihowaan namicha kana gara jireenyaatti deebisu, namni kun amalasaa kanaan duraa qabatee akka ka’u godha. (Yoh. 5:28, 29) Namoonni akka du’an kaayyoo Waaqayyoo ta’uu baatus, duuti Yihowaan warra du’an kaasuuf humna akka qabu argisiisuuf carraa isaaf baneera. Dhugumayyuu, Yihowaan ‘Waaqa hundumaa danda’udha.’

13. Aarsaan Yesus kaffale, murtoon Yihowaa qajeelaa akka ta’e kan mirkaneesse akkamitti?

13 Murtoo Qajeelaa. Yihowaan hin sobu; jal’inas hin raawwatu. (Kes. 32:4; Tit. 1:2) Wanta faayidaasaa tuqu yoo ta’ellee, Yihowaan yeroo hunda seerawwan dhugaafi murtoo qajeelaa gochuuf baasee hojiirra oolcha. (Rom. 8:32) Ilmisaa inni jaallatamaan akka nama Waaqayyoon arrabsetti ilaalamee fannifamee yommuu du’u, Yihowaatti baay’ee dhaga’amee akka ture beekamaadha. Ta’us, Yihowaan ilmaan namootaa warra cubbamoo waan jaallatuuf, seera murtoo qajeelaa gochuudhaaf baase eeguuf jecha, gochi suukanneessaan kun akka raawwatamu heyyameera. (Roomaa 5:18-21 dubbisi.) Biyyi lafaa jal’inaan guutame, murtoo qajeelaa gochuutti Yihowaan hundarra akka caalu mirkaneessuuf carraa baneera.

14, 15. Karaan ogummaafi obsi Yihowaa hundarra akka caalu itti mul’ate tokko tokko maalfa’i?

14 Ogummaa. Addaamiifi Hewwaan akkuma cubbuu hojjetaniin, Yihowaan miidhaa sababa hammeenyaatiin dhufe hambisuuf karaa qopheessuusaa ibseera. (Uma. 3:15) Tarkaanfii Yihowaan battalumaan fudhateefi tajaajiltootasaatiif kaayyoosaa irraa jalaan ifa gochaa dhufuunsaa, ogummaansaa guddaa akka ta’e argisiisa. (Rom. 11:33) Kaayyoon Waaqayyoo akka hin raawwatamne gochuu kan danda’u hin jiru. Biyya lafaa amalli addaggummaan keessa guute, tole hin jenne, hin abboomamne, garaa walii hin laafne, wal qooduufi of hin beeknee ta’uudhaan beekamu keessatti, Yihowaan ogummaa dhugaan isa kam akka ta’e uumamasaatiif ibsuuf carraa hedduu argateera. Yaaqoob, “Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa’aa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; oo’aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir’uun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru” jechuudhaan barreesseera.—Yaq. 3:17.

15 Obsa. Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota ta’anii wajjin utuu walitti dhufeenya hin qabaatin hafeera ta’ee, obsasaa ifatti hubachuun hin danda’amu ture. Yihowaan waggoota kuma hedduutti lakkaa’amaniif obsa akkasii argisiisuunsaa, amala dinqisiisaa ta’e kana eenyurrayyuu caalaa qabaachuusaa ibsa; nuyis kanaaf baay’ee isa galateeffachuu qabna. Phaawulos ergamaan, ‘Gooftaan obsaan danda’uusaa, fayyinaaf karaa kennuusaatti lakkaa’aa!’ jechuudhaan ibseera.—2 Phe. 3:9, 15.

16. Yihowaan dhiifama nuu gochuunsaa baay’ee kan nu gammachiisu maaliifi?

16 Dhiifama Gochuu. Hundi keenya cubbamoota waan taaneef yeroo baay’ee ni dogoggorra. (Yaq. 3:2; 1 Yoh. 1:8, 9) Yihowaan dhiifama nuu gochuuf ‘araarrisaa guddaa’ waan ta’eef baay’ee isa galateeffanna. (Isa. 55:7) Cubbamoota taanee waan dhalanneef, Waaqayyo cubbuu raawwanneef dhiifama yeroo nuu godhu gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama. (Far. 51:5, 9, 17) Amalawwan gaggaarii Yihowaan qabu kana hubachuun keenya, jaalala isaaf qabnu nuu cimsa, akkasumas fakkeenyasaa hordofuudhaan namootaa wajjin akka jiraannu nu jajjabeessa.—Qolosaayis 3:13 dubbisi.

Biyyi Lafaa Kan Dhukkubsate Maaliifi?

17, 18. Ragaan bulchiinsi Seexanaa akka kufe argisiisu maalidha?

17 Jaarraa hedduutii kaasee, guutummaa addunyaatti sirni bulchiinsa Seexanaa milkaa’ina akka hin arganne irra deddeebi’ee mul’ateera. Bara 1991, gaazexaan Za Yurooppiyaan jedhamu, “Addunyaan dhukkubsateeraa? Eeyyee, dhukkubsateera, kan dhukkubsachiise garuu . . . Waaqayyo utuu hin ta’in, uummatasaati” jedhee ture. Jechi kun dhugaa mitii? Addaamiifi Hewwaan, dhiibbaa Seexanaatiin kaka’anii bulchiinsa Yihowaa mannaa, kan ilmaan namootaa filatanii turan. Yeroo sanaa kaasee ilmaan namootaa sirna bulchiinsaa kufuunsaa hin oolle hordofaa turaniiru. Addunyaa maratti gidiraan namootarra ga’aa jiru, bulchiinsi ilmaan namootaa dhukkuba gadheedhaan akka qabame kan argisiisudha.

18 Bulchiinsi Seexanaa ofittummaa kan jajjabeessudha. Ta’us ofittummaan, jaalala isa bulchiinsa Yihowaatiif bu’uura ta’e matumaa mo’uu hin danda’u. Bulchiinsi Seexanaa tasgabbii, gammachuu ykn nageenya fiduu hin dandeenye. Bulchiinsi Yihowaa sirrii akka ta’e mirkanaa’aadha. Yeroo har’aatti ragaan yaanni kun dhugaa akka ta’e argisiisu jiraa? Eeyyee jira; mataduree ittaanurratti waa’ee kanaa ilaalla.

Caqasoota Armaan Gadii Dubbisuudhaan Waa’ee Bulchiinsa Waaqayyoo Maal Baratte?

• Roomaa 13:1, 2

• Fakkeenya 21:30

• Ermiyaas 10:23

• Qolosaayis 3:13

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Bulchiinsi Seexanaa ilmaan namootaa fayyadee hin beeku

[Madda]

U.S. Army photo

WHO photo by P. Almasy

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Yihowaan warra du’anillee du’aa kaasuuf humna qaba

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Yihowaan jaalalaafi murtoo qajeelaa kan qabu ta’uusaa, Ilmasaa aarsaa gochuudhaan argisiiseera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi