LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 4/15 ful. 28
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Amaneera”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Jalʼina Ni Jibbitaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Waaqayyo Hundumarra Ni Caala
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 4/15 ful. 28

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Waaqayyorraa barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Waaqayyo yeroo dhihootti namoota dhiphinaaf sababa taʼan hunda lafarraa ni balleessa. Hammasitti garuu, namoonni gad of deebisoon miliyoonaan lakkaaʼaman karaa jireenyaa gaariirra akka deddeebiʼan, akkasumas jaalala Waaqayyoofi namootaaf qaban akka argisiisan isaan barsiisaa jira. Namoonni rakkina jireenya keessatti isaan mudatu akkamitti hiikuu akka qaban, akkasumas gammachuu dhugaa argachuufi Waaqayyoon gammachiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe Dubbii Waaqayyoorraa barachaa jiru. (Sef. 2:3)—Ama.-Bit., ful. 16.

• Ijoollee keessan waaʼee saalaa haasofsiisuun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Hiikni biyyi lafaa saalaaf kennu jijjiirameera, ijoolleen keessan xinnummaasaaniitti waaʼee saalaa wanta sirrii hin taane dhagaʼuunsaanii hin oolu, akkasumas ijoolleen keessan saalqunnamtii ilaalchisee gaaffii qabu taʼa; dhimma kana ofumasaaniitii kaasanii isinii wajjin mariʼachuu garuu hin barbaadan taʼa.—Ama.-Bit., ful. 18.

• Kiristiyaanonni dhugaan maqaa Waaqayyoo akka kudhaamaatti itti fayyadamuu?

Namoonni tokko tokko miini ykn mallattoon tokko karaa dinqii taʼeen eegumsa akka isaanii godhu, akkasumas akka kudhaamaatti akka isaan tajaajilu itti dhagaʼama; haataʼu malee sabni Waaqayyoo maqaan Yihowaa kaayyoo kanaaf akka tajaajilu isaanitti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, Yihowaatti amanamuufi fedhasaa raawwachuudhaan maqaasaatti kooluu galu. (Sef. 3:12, 13)​—1/15, ful. 5-6.

• Miira gadhee sitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessu akkamitti?

Waaqayyo akka siif yaadu hubadhu, waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaadhu, akkasumas abdii amansiisaa gara fuulduraarratti xiyyeeffadhu.—Ama.-Bit., ful. 21-23.

• Yihowaan Saaʼoliin kan tuffate maaliifi?

Saaʼol hamma raajiin Waaqayyoo dhufee aarsaa dhiheessutti isa eeguu qaba ture; haataʼu malee, ofumasaatiin aarsaa dhiheessuudhaan ajajamuu dideera. Booddees, ajaja diinota guutummaatti akka balleessu isaa kenname utuu hin raawwatin hafeera.​—2/15, ful. 22-23.

• Jalʼina akka jibbinu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Alkooliidhaaf garboota hin taanu, gochawwan hafuura xuraaʼumaarraa ni fagaanna, akeekkachiisa Yesus ejja ilaalchisee kennes ni hordofna. Fakkeenyaaf, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi hawwa isaan nu keessatti uumuu dandaʼanirraa ni fagaanna. (Mat. 5:27, 28) Akkasumas, namoota gumiidhaa baafamanii wajjin walitti dhufeenya hin qabaannu.​—2/15, ful. 29-32.

• Ermiyaas akka muka “yaaʼaa bishaanii qarqara dhaabamee, hidda isaa gara bishaaniitti yaafatuu” kan ture akkamitti? (Er. 17:7, 8)

Ermiyaas matumaa ija godhachuu dhiisee hin beeku. Gaʼiftoonni dhiibbaa akka isarratti godhanis hin heyyamne. Kanaa mannaa, wanta Yihowaan isatti hime hunda garaadhaa fudhachuudhaan, madda bishaan jireenyaatti maxxanee jiraateera.​—3/15, ful. 14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi