LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 12
  • Yaada Namoota Garaansaanii Cabe Jajjabeessu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Namoota Garaansaanii Cabe Jajjabeessu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Iyya Warra Gad Deebiʼanii Ni Dhagaʼa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Walii Wajjin Maqaa Yihwoaa Ol Haa Kaafnu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yihowaan Bara Duriitti Sabasaa ‘Fureera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 12

Waaqayyotti Dhihaadhu

Yaada Namoota Garaansaanii Cabe Jajjabeessu

OBBOLEETTIIN Kiristiyaanni yeroo dheeraaf dhiphachaa jirtu tokko, ‘Yihowaan matumaa akka na hin jaallanne natti dhagaʼama’ jetteetti. Yihowaan isheerraa fagoo akka taʼe isheetti dhagaʼama. Dhugumaan Yihowaan waaqeffattootasaa warra dhiphinni irra gaʼurraa fagoodhaa? Yaada Daawit faarfatichi geggeessaa hafuuraatiin Faarfannaa 34:18⁠rratti barreesserraa deebii nama jajjabeessu arganna.

Daawit, miidhaa dhiphinni cimaan waaqeffattoota Yihowaa amanamoo taʼanirra geessisuu dandaʼu beeka ture. Dargaggummaasaatti, Saaʼol mootii hinaaffaafi gara jabinaan isa ajjeesuuf kutatee kaʼe jalaa iddoo kan biraatti baqateera. Daawit tarii bakka Saaʼol barbaadee isa argachuu hin dandeenye godhee yaadetti, jechuunis magaalaa diinaa Gaat jedhamtu ishee Filisxeemitti argamtutti kooluu gale. Eenyummaansaa yommuu beekamu nama maraate fakkaachuudhaan hamma xinnootti duʼa jalaa ooleera. Haataʼu malee Daawit, Waaqayyo akka isa oolche yaaduudhaan ulfina kan isaaf kenne yommuu taʼu, muuxannoosaa kanarratti hundaaʼee Faarfannaa 34 barreesseera.

Daawit, Waaqayyo namoota dhiphataniifi gaddan ykn Waaqayyo duratti gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamurraa fagoo akka taʼe amana turee? “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa” jechuudhaan barreesseera. (Lakkoofsa 18) Caqasni kun jajjabinaafi abdii kennuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

“Waaqayyo . . . dhihoo dha.” Barreeffamni tokko, yaanni kun “Gooftaan yeroo hunda sabasaa gargaaruufi oolchuuf dammaqaa akka taʼe akka gaariitti kan ibsudha” jedheera. Yihowaan sabasaa dammaqinaan kan eegu taʼuusaa beekuun nama hin jajjabeessuu? Rakkoowwan “yeroo sodaachisaa” taʼe kanatti sabasaarra gaʼaan ni arga, miirasaaniis ni hubata.—2 Ximotewos 3:1; Hojii Ergamootaa 17:27.

“Warra garaan isaanii cabe.” Hayyuun tokko, yaanni faarfatichaa kun “gadda cimaa kan argisiisudha” jechuudhaan dubbateera. Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo taʼanillee yeroo tokko tokko rakkinni cimaan garaasaanii cabsu irra gaʼuu dandaʼa.

“Warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼe.” Namoonni abdii kutatan yeroo muraasaaf akka gatii hin qabne itti dhagaʼamuudhaan abdiin qaban hundi jalaa baduu dandaʼa. Kitaabni qajeelfama namoota Macaafa Qulqulluu hiikaniif qophaaʼe qabate tokko, yaada kana “warra gara fuulduraatti waan gaariin ni dhufa jedhanii hin abdanne” jedhanii hiikuun akka dandaʼamu ibseera.

Yihowaan namoota ‘garaan isaanii cabeefi yaannisaanii caccabee bullaaʼe’ akkamitti ilaala? Jaalalasaafi xiyyeeffannaasaa argachuun akka isaaniif hin malle yaaduudhaan isaanirraa fagaataa? Matumaa! Akkuma warri jaalala qabeessa taʼan mucaasaanii dhiphate harkasaa qabanii jajjabeessan, Yihowaanis waaqeffattootasaa warra gargaarsasaa argachuuf isa waammatanitti dhihoodha. Warra garaansaanii cabeefi yaannisaanii caccabee bullaaʼe jajjabeessuuf hawwii guddaa qaba. Akkasumas, ogummaafi humna qorumsawwan isaanirra gaʼuu dandaʼan kamiyyuu moʼuuf isaan barbaachisu kennuufii dandaʼa.—2 Qorontos 4:7; Yaaqoob 1:5.

Yihowaatti caalaatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe barachuuf maaliif hin yaaltu? Waaqayyo inni gara laafessa taʼe, “Warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebiʼanii wajjinis nan taʼa; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebiʼanii nan haaressa” jechuudhaan waadaa galeera.—Isaayaas 57:15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi