LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 10/1 ful. 3
  • Ijoolleen Waaʼee Waaqayyoo Barachuu Qabuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ijoolleen Waaʼee Waaqayyoo Barachuu Qabuu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantiin, Ijoollee Ni Miidhaa?
  • Iccitiinsaa Maalidha?
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 10/1 ful. 3

Ijoolleen Waaʼee Waaqayyoo Barachuu Qabuu?

“Amantiin akka wal jibbinu malee, akka wal jaallannu nu hin goone.” —JONAATAAN SIWIIFTI, HAYYUU INGILIIZII.

HAYYUUN kun kana kan dubbatan jaarraa 18⁠ffaa keessa taʼus, namoonni yeroo ammaatti argaman hedduun yaada kanatti walii galu. Namoonni tokko tokko, warri waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii barsiisuuf mirga hin qaban jedhanii amanu. Ijoolleen maatii amantii tokko hordofu keessatti guddatan miidhamaniiru jedhanii yaadu.

Atoo maal sitti fakkaata? Yaadawwan gaditti ibsaman keessaa isa kamtu sirriidha?

● Warri waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii akka barsiisan heyyamamuufii hin qabu.

● Warri, ijoolleensaanii guddatanii waaʼee amantii isaanii wajjin mariʼachuu hanga jalqabanitti turuu qabu.

● Warri, ijoolleesaanii xinnummaasaaniitii kaasanii Waaqayyoon ilaalchisee wanta itti amanan isaan barsiisuu qabu. Yommuu ijoolleensaanii guddatan garuu, ofiisaaniitiin sababii kana itti godhan akka hubatan isaan jajjabeessuu qabu.

● Ijoolleen, gaaffii tokko malee amantii warrasaanii dhaaluu qabu.

Amantiin, Ijoollee Ni Miidhaa?

Warri ijoolleesaanii jallatan hundi ijoolleesaanii miidhuu hin barbaadan. Haataʼu malee, ragaan jiru yaada namoota ijoolleen waaʼee Waaqayyoo barachuu hin qaban jedhanii ni deggeraa? Qorattoonni tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif, amantiin warri hordofan ijoolleesaaniirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu qorannoo gadi fageenya qabu gochaa turaniiru. Maarree, qorannoosaanii kanarraa maal hubatan?

Qorattoonni kun amantiin guddina mucaa tokkoorratti dhiibbaa gadhee kan geessisu utuu hin taʼin, buʼaa gaarii kan qabu taʼuusaa hubataniiru. Barruun Sooshaal Saayinsi Riisarchia jedhamuufi 2008⁠tti maxxanfame, “Amantiin walitti dhufeenya warraafi ijoollee gidduu jiru cimsuuf gargaara” jedheera. Barruun kun itti fufuudhaan, “Amantiinis taʼe jireenyi hafuuraa, jireenya ijoollee hedduutiif akkasumas walitti dhufeenya maatii gidduu jiruuf gaarii fakkaata” jedheera. Yaanni qorannoo kanarraa argame, yaada Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jechuudhaan dubbatee wajjin akkamitti akka wal fakkaatu qalbeeffadhu.—Maatewos 5:3.

Yaanni, ijoolleen waaʼee Waaqayyoos taʼe waaʼee amantii barachuusaanii dura guddachuu qabu jedhuhoo sirriidhaa? Ilaalchi akkasii yaada, ‘Sammuun ijoollee baaldii duwwaa guutamuu qabuu wajjin wal fakkaata’ jedhuu wajjin wal faallessa. Warri mana keessatti “baaldii” kana seerawwan buʼuuraa amalaaf baʼaniifi amantii sirriidha jedhanii yaadaniin guutuu ykn ijoolleensaanii yaadawwan hedduu warra kaanirraa barataniin sammuufi garaasaanii akka guutan heyyamuu keessaa isa tokko filachuu qabu.

Iccitiinsaa Maalidha?

Amantiin, namoonni ilaalchisaanii dhiphaa akka taʼuufi akka nama jibban kan godhe taʼuunsaa beekamaadha. Haataʼu malee, warri rakkinni hayyuun olitti ibsaman jedhan akka ijoolleesaaniirra hin geenye gochuu kan dandaʼan akkamitti? Warri, amantii ijoolleensaanii namoota kaan akka jaallatan gargaaru akkamitti isaan barsiisuu dandaʼu?

Iccitii kanaa beekuu yoo barbaadde, gaaffiiwwan sadiif deebii argachuun barbaachisaadha. Isaanis (1) Ijoolleen maal barachuu qabu? (2) Eenyutu isaan barsiisuu qaba? (3) Mala barumsaa isa kamtu caalaatti buʼa qabeessadha?

[Miiljalee]

a Qorannoon kun, yaada ijoolleen 21,000 taʼaniifi Yuunaayitid Isteetisitti argaman akkasumas warrisaaniifi barsiistonnisaanii kennanirratti hundaaʼee kan godhamedha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi