Ijoolleen Maal Barachuu Qabu?
“Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”—2 XIMOTEWOS 3:16.
IJOOLLEEN waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa beekuu qabu. Garuu eessaa barachuu dandaʼu? Kitaaba addunyaarratti bakka guddaa qabu, jechuunis Macaafa Qulqulluurraa barachuu dandaʼu.
Macaafni Qulqulluun akkuma xalayaa Waaqayyo biraa ergameeti. Waaqayyo xalayaa kanarratti ijoolleesaa hundaaf, jechuunis dargaggootaafi maanguddootaaf amalasaafi qajeelfama ittiin jiraachuu qaban ibseera. Mee amma barumsawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniifi ijoollee xixinnoonillee irraa barachuu dandaʼan tokko tokko ilaali.
Waaqayyo waaʼeesaa maal akka beeknu barbaada?
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!”—Faarfannaa 83:18.
Barumsa argannu: Waaqayyo qaama mataasaa kan hin qabe utuu hin taʼin, qaama of dandaʼeefi maqaa dhuunfaa eenyummaasaa ibsu kan qabudha.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Waaqayyo . . . garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf . . . Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta.”—1 Seenaa 28:9.
Barumsa argannu: Yihowaan ijoollee xixinnoo dabalatee hunda keenyaaf ni yaada. (Faarfannaa 10:14; 146:9) Waaʼeesaa akka barannus ni barbaada.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Ijoollee abbaanii fi haati irra hin jirres gad qabdanii hin rakkisinaa! Isaan gad qabdanii rakkiftanii, isaan immoo kana keessatti gara kootti yoo iyyan, ani iyya isaanii dhuguma nan dhagaʼa.”—Baʼuu 22:22-24.
Barumsa argannu: Yihowaan kadhannaa ijoollee xixinnoollee ni dhagaʼa. Yeroo hunda Waaqayyotti dubbachuufi yaada garaa keenyaafi miira keenya isaaf ibsuu dandeenya.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Isaan deddeebiʼanii isa in qoran, isa qulqulluu kan Israaʼelis in aarsan.”—Faarfannaa 78:41.
Barumsa argannu: Dubbiifi gochi keenya miira Yihowaa tuquu waan dandaʼuuf, dubbachuu ykn waan tokko gochuu keenya dura itti yaaduu qabna.
Namoota qomoo keenya hin taane akkamitti qabuu qabna?
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha.ʼ—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.
Barumsa argannu: Namoonni akkaataa guddinaa addaddaarraa dhufan Waaqayyo biratti fudhatama kan argatan erga taʼee, biftisaanii ykn fuullisaanii nurraa adda waan taʼeef qofa isaan jibbuu hin qabnu.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Waaʼee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii gaʼu deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼaa! Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa taʼu!”—1 Phexros 3:15, 16.
Barumsa argannu: Waaʼee amantii yommuu mariʼannu, utuu hin aarin akka itti amannu haala argisiisuun ilaalcha keenya ibsuu qabna. Namoota amantii nurraa adda taʼe qabanis kabajuu qabna.
Miseensota maatii keenya akkamitti qabuu qabna?
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Ijoollee! Waan hundumaatti abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaatti in tola.”—Qolosaayis 3:20.
Barumsa argannu: Ijoolleen abboomaman, warrasaanii jaallachuu qofa utuu hin taʼin, Waaqayyoonis gammachiisuu akka barbaadan argisiisu.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!”—Qolosaayis 3:13.
Barumsa argannu: Darbee darbee miseensonni maatii keenyaa ykn namoonni kaan nu aarsuu dandaʼu. Taʼus, Waaqayyo akka nuu dhiisu yoo barbaanne, warra kaaniif dhiifama gochuu barachuu qabna.—Maatewos 6:14, 15.
Amanamoofi garraamii taʼuu kan qabnu maaliifi?
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu!”—Efesoon 4:25.
Barumsa argannu: Yommuu dhugaa dubbannu, fakkeenya Waaqayyoo hordofna; isas ni gammachiisna. Soba dubbachuu yoo amaleeffanne, akka Seexana isa diina Waaqayyoofi “abbaa sobaa” taʼe sanaa taana.—Yohannis 8:44; Tiitoos 1:2.
◼ Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.
Barumsa argannu: Wanta miseensota maatii keenyaafis taʼe namoota kaaniif barbaachisu, akkasumas miiraafi yaadasaanii tilmaama keessa galchuu qabna. Namoota ‘kan jaallannu’ yoo taʼe, warri kaan caalaatti gaarummaa nutti argisiisuunsaanii hin oolu.—1 Phexros 3:8; Luqaas 6:38.
Fakkeenyawwan kanarraa kaʼuudhaan, barumsi Macaafa Qulqulluu, ijoolleen yommuu guddatan dinqisiifannaa kan qaban, kan nama kabajaniifi garaa kan laafan akka taʼan isaan gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, barumsa akkasii ijoollee barsiisuu kan qabu eenyudha?