Waaʼee Waaqayyoo Ijoollee Barsiisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Malawwan Caalaatti Buʼa Qabeessa Taʼan Kamfaʼi?
“Dubbiin ani harʼa si abboomu kunis garaa kee keessa haa taaʼu! Isas keessa deddeebiʼii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waaʼee isaa dubbadhu!”—KEESSA DEEBII 6:6, 7.
YEROO tokko tokko warri itti gaafatamummaan ijoolleesaanii leenjisuuf qaban humnasaaniitii ol akka taʼe itti dhagaʼama. Dhimma kana ilaalchisee gorsa argachuuf yommuu carraaqqii godhanimmoo, gorsa hedduu argachuunsaanii caalaatti isaan burjaajessa. Firoottaniifi hiriyoonnisaaniis yeroo baayʼee yaada mataasaanii isaaniif kennuu barbaadu. Yeroo tokko tokkommoo warri, kitaabota, barruulee tokko tokkoofi Intarneetiirraa yaadawwan wal faallessan hedduu argatu taʼa.
Karaa garabiraammoo Macaafni Qulqulluun, warri ijoolleesaanii maal barsiisuu akka qaban qofa utuu hin taʼin, akkamitti isaan barsiisuu akka qabanis gorsa hojiirra ooluu dandaʼu isaanii kenna. Caqasni Macaafa Qulqulluu olitti ibsame akka argisiisutti, warri guyyaa guyyaadhaan waaʼee Waaqayyoo isaanitti dubbachuuf mala barbaaduu qabu. Yaadawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi warri kumaan lakkaaʼaman ijoolleesaanii waaʼee Waaqayyoo barsiisuuf itti gargaaraman keessaa arfansaanii qofa haa ilaallu.
1. Uumamatti fayyadamaa barsiisaa. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in dandaʼa.” (Roomaa 1:20) Warri, ijoolleensaanii uumamawwan Waaqayyoo akka ilaalaniifi uumamawwan kun amala Waaqayyoo isa kam akka ibsan akka hubatan gargaaruudhaan, ijoolleensaanii Waaqayyo dhugumaan jiraachuusaa akka beekan gargaaruu dandaʼu.
Yesus yommuu duuka buutotasaa barsiise mala kanatti fayyadameera. Fakkeenyaaf akkas jedheera: “Simbirroota qilleensa keessa balaliʼan ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree?” (Maatewos 6:26) Yesus asirratti, Yihowaan jaalala qabeessaafi gara laafessa taʼuusaa ibseera. Akkasumas Waaqayyo amalawwansaa kana akkamitti ijoolleesaatti akka argisiise akka hubatan isaaniif ibseera.
Mootii ogeessa kan ture Solomoon, Waaqayyo uumamaan mixiidhaaf ogummaa akka kenneefi barumsa guddaa uumama xinnoo kanarraa argannu ibseera. “Ati namicha dhibaaʼaa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas taʼi! Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu; kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti” jechuudhaan barreesseera. (Fakkeenya 6:6-8) Caqasni kun galmawwan gaggaarii baasuufi humna Waaqayyo nuu kennetti fayyadamnee galmawwan kana hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuun buʼa qabeessa taʼuusaa ilaalchisee barumsa gaarii kan dabarsu mitii?
Warris yaadawwan armaan gadii yoo hojiirra oolchan, mala barumsaa buʼa qabeessa isa Yesusiifi Solomoon itti fayyadaman hordofuu dandaʼu: (1) Biqiltuu ykn bineensa isa kam akka jaallatan gaafachuu. (2) Waaʼee biqiltuu ykn bineensa kanaa qorachuu. (3) Uumamawwan kanatti gargaaramanii waaʼee Waaqayyoo barsiisuu.
2. Ilaalcha Yesus namoota barsiisaa tureef qabu qabaadhaa. Namoota hanga harʼaatti jiraatan hundarra caalaa, Yesus barumsa barbaachisaa barsiisu hedduu qaba ture. Haataʼu malee, yeroo baayʼee dubbachuudhaan utuu hin taʼin gaaffii gaafachuudhaan dabarsa ture. Yaadaafi ilaalcha namoota barsiisaa ture sanaa hubachuuf garaadhaa hawwa ture. (Maatewos 17:24, 25; Maarqos 8:27-29) Warris barumsa barbaachisaa ijoolleesaanii barsiisuu dandaʼan hedduu qabu. Gama kanaan buʼa qabeeyyii taʼuu yoo barbaadan garuu, fakkeenya Yesus hordofuufi ijoolleensaanii maaltu akka itti dhagaʼamu ifatti akka dubbatan jajjabeessuu qabu.
Haataʼu malee, ijoolleen amala gadhee yoo argisiisan ykn barumsa gaarii isaaniif kennamu dafanii hubachuu yoo dadhabanoo? Yesus ergamootasaa akkamitti akka qabe hubadhu. Yeroo tokko tokko garmalee kan wal falman taʼuusaaniirrayyuu, gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee barumsa kennamu dafanii hin hubatan turan. Taʼus, Yesus kan obse taʼuusaarrayyuu, gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa irra deddeebiʼee isaanitti himeera. (Maarqos 9:33, 34; Luqaas 9:46-48; 22:24, 25) Warri fakkeenya Yesus hordofanis, obsaan ijoolleesaanii sirreessuufi yoo barbaachisaa taʼemmoo hanga ijoolleen faayidaa barumsichaa hubatanitti irra deddeebiʼanii isaan barsiisuu qabu.
3. Fakkeenyaan barsiisaa. Warri, gorsa Phaawulos Kiristiyaanota biyya Roomaa turaniif kenne hojiirra oolchuunsaanii gaariidha. Phaawulos, “Ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? ‘Hin hatin!’ jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?” jedheera.—Roomaa 2:21.
Ijoolleen wanta warrisaanii jedhan caalaa, gochasaaniitiin waan tuqamaniif dhugumayyuu gorsi kun barbaachisaadha. Warri wanta dubbatan hojiirra kan oolchan yoo taʼe, yeroo baayʼee ijoolleensaanii wanta isaanirraa baratan hojiirra oolchu.
4. Ijoollummaasaaniitti jalqabaa. Adeemsa misiyoonummaarratti hidhata Phaawulos kan ture Ximotewos, amantoota naannoosaa biratti maqaa gaarii qaba ture. (Hojii Ergamootaa 16:1, 2) Kun kan taʼe, “mucummaa” isaatii jalqabee “caaffata qulqullaaʼaa” waan barateefidha. Haatiifi akkoon Ximotewos Caaffata Qulqullaaʼoo isaaf dubbisuu qofa utuu hin taʼin, sababii dhiheessuudhaan dhugaa achi keessa jirus akka amanu isa gargaaraniiru.—2 Ximotewos 1:5; 3:14, 15.
Eessaa Gargaarsa Argachuu Dandeessu?
Dhugaa Baatonni Yihowaa, barreeffamoota warri, ijoolleesaanii dhugaa waaʼee Waaqayyoo ittiin barsiisuu dandaʼan hedduu qopheessaniiru. Barreeffamoota kana keessaa tokko tokko ijoollee xixinnoo tilmaama keessa galchuudhaan kan qophaaʼanidha. Warri kaanimmoo, warriifi ijoolleensaanii umrii waggoota kurnanii keessatti argaman ifatti akka waliin mariʼatan kan gargaaranidha.a
Warri waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii barsiisuusaanii dura, gaaffiiwwan ciccimoo ijoolleen kaasuu dandaʼaniif deebiisaa beekuu qabu. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii akkamii kennita: Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalidha? Warri duʼan eessa jiru? Dhugaa Baatonni Yihowaa, atiifi maatiinkee gaaffiiwwan kanaafis taʼe gaaffiiwwan garabiraatiif deebii argachuudhaan, Waaqayyotti akka dhihaattan isin gargaaruuf fedhii qabu.—Yaaqoob 4:8.
[Miiljajee]
a Warri, kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Baradhu (Amaariffa) jedhuufi waaʼee barumsa Yesus Kiristos ibsu ykn kitaaba, Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu, isa karaa salphaa taʼeen qophaaʼeefi barumsa ijoo Macaafa Qulqulluu barsiisu ijoolleesaanii xixinnoo barsiisuuf itti fayyadamuu dandaʼu. Dargaggootaafimmoo kitaabota Gaaffiiwwan Dargaggootaafi Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildii 1ffaafi 2ffaatti (Amaariffa) fayyadamuu dandaʼu.