LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/1 ful. 21
  • Deebii Kanaa Argachuun Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Kanaa Argachuun Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Qajeelfama Macaafa Qulqulluu Hordofuu Kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • ‘Ati Dubartii Miidhagduu Dha’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Ijoollee Keessan Waaʼee Saalaa Haasofsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/1 ful. 21

Deebii Kanaa Argachuun Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

“Ijoollee dhiiraa wajjin baʼuu kanan jalqabe umrii waggaa kudhaniitti ture. Jalqabarratti wanti gochaa turre harka wal qabannee deemuufi wal dhungachuu qofa ture. Utuma baayʼee hin turin garuu, qaama saalaa walii keenyaa qaqqabuufi saalqunnamtii raawwachuu jalqabne. Umriinkoo waggaa 15⁠ttimmoo hojii kanan jalqabe siʼa taʼu, dhiironni wajjin hojjennu saalqunnamtii akkan raawwadhu na gaafachuutti kaʼan. Namoota naa wajjin hojjetan biratti fudhatama argachuuf jecha wanta isaan hojjetan hundarratti nan hirmaadha. Fudhatama argachuuf barbaaduunkoo, caalaatti saalqunnamtii raawwachuuf na saaxileera.”—SAARAA,a AWUSTIRAALIYAA.

SAARAAN maatii amantiisaa cimsee hordofu keessatti guddachuushee utuu beektee maaltu sitti dhagaʼama? Warrishee seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin ishee guddisuuf carraaqqii godhaniiru. Isheen garuu daandii garabiraa hordofuu filatte.

Namoonni hedduun filannoo saaraan goote ni deggeru. Wanti Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee dubbatu yeroon kan itti darbedha jedhu. Kaanimmoo amantii cimsanii hordofuufi nama barbaadanii wajjin saalqunnamtii raawwachuun wal hin faallessu jedhu.

Wanta Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee dubbatu beekuufi hordofuun jijjiirama fidaa? Macaafni Qulqulluun, ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan caafameefi barsiisuuf dhimma kan baasu’ akka taʼe ibsa. (2 Ximotewos 3:16) Kan nama uumeefi Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin kan barreessise Waaqayyo akka taʼe kan amantu taanaan, saalqunnamtii ilaalchisee wanta inni jedhe beekuu qabda.

Taʼus, namoonni hedduun saalqunnamtii ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu hubachuuf burjaajaʼuunsaanii nama gaddisiisa. Geggeessitoonni amantii Macaafa Qulqulluutiif iddoo guddaa akka kennan dubbatanis yaada macaafa kanaan faallaa taʼe barsiisu. Kun waldoota gurguddaa hedduu gidduu garaagarummaan akka jiraatu godheera.

Wanta warri kaan jedhanitti amanamuu mannaa, waaʼee dhimma kanaa yeroo fudhattee ofuma keetiin maaliif hin qortu? Matadureen ittaanu wanta Macaafni Qulqulluun waaʼee saalqunnamtii dubbatu ilaalchisee gaaffiiwwan yeroo baayʼee gaafataman kudhan ibsa. Mataduree sanarratti waaʼee dhimma kanaa wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu ilaalchisee deebii ifa taʼe argatta. Matadureewwan walitti aanan kana keessaa inni xumuraa, filannaan goonu jijjiirama guddaa kan fidu maaliif akka taʼe ibsa.

[Miiljalee]

a Maqaanshee jijjiirameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi