LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 4/1 ful. 30-31
  • Museedhaaf Hojiin Adda Taʼe Ni Kenname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Museedhaaf Hojiin Adda Taʼe Ni Kenname
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Dinqiidhaan Namoota Fayyise
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Phexros Yesusiin Ganuusaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Waaqayyo Nama Wal Hin Caalchisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 4/1 ful. 30-31

Dargaggootaaf

Museedhaaf Hojiin Adda Taʼe Ni Kenname

Qajeelfama: Gilgaala kana bakka wanti si jeequ hin jirretti hojjedhu. Caqasoota kennaman yommuu dubbistu, akka waan achi dhaabattee haalasaa ilaalaa jirtuutti yaadi. Wanti raawwatamaa jiru sitti haa mulʼatu. Sagalee namoota haasaʼanii dhaggeeffadhu. Miirri isaanii sittis haadhagaʼamu. Seenichi akka siif dhugoomu godhi.

Taatota gurguddoo: Yihowaafi Musee

Seenaa gabaabaa: Yihowaan, Museen saba Israaʼel geggeessuudhaan biyya Gibxiitii akka baasu hojii addaa kenneef.

1 SEENICHARRATTI GADI FAGEENYAAN XIINXALI.—BAʼUU 3:1-14; 4:1-17 DUBBISI.

Huuxxiin gubachaa jiruufi yaadaan sitti mulʼate maal akka fakkaatu ibsi.

․․․․․

Museen sagalee Waaqayyoo isa Baʼuu 3:4⁠rratti caqasame yommuu dhagaʼetti, deebii kennuuf sagalee akkamiifi sochii qaamaa akkamiitti fayyadame?

․․․․․

Museen gaaffii Baʼuu 3:11, 13 fi 4:1, 10⁠rra jiru yommuu Yihowaa gaafatu haalli sagaleesaa akkam akka ture ibsi.

․․․․․

2 GADI FAGEENYAAN QORI.

Meeshaalee qorannoo ittiin gochuu dandeessutti fayyadamiitii jechi, “Wanta taʼuun na barbaachisu hunda nan taʼa” jedhu maal jechuu akka taʼe gadi fageenyaan baruuf yaali. (Baʼuu 3:14, NW) Gaaffii Museen maqaa Waaqayyoo ilaalchisee isa gaafateef Yihowaan maaliif deebii akkasii kenneef?a

․․․․․

Museen Faraʼoonitti dubbachuuf kan seese maaliif sitti fakkaata? (Yaadasaa argachuuf: Lakkoobsa 12:3 dubbisi.)

․․․․․

Museen saba Israaʼelitti dubbachuu kan mame maaliif taʼuu dandaʼa?

․․․․․

3 WAAN BARATTE KANA HOJIIRRA OOLCHI. WAAʼEE ARMAAN GADII WANTA BARATTE BARREESSI

Ofitti amanannaa dhabuu namni qabu.

․․․․․

Amanamummaa Yihowaan sirrattis taʼe dandeettii keerratti qabu.

․․․․․

WANTA DABALATAAN IRRATTI YAADUU QABDU.

Kutaa jireenyakee isa kamfaarratti ofitti amanamummaa dhabda?

․․․․․

Hirʼina kan qabdu taʼus, karaawwan kamiin Yihowaa fayyaduu dandeessa?

․․․․․

4 SEENAA KANA KEESSAA ISA KAMTU CAALAATTI BARUMSA SIIF KENNE? MAALIIF?

․․․․․

Mataduree kana Intarneetiirraa daawun lood gochuuf ykn maxxansuuf Weebsaayitii www.jw.org jedhamu ilaali.

Macaafa Qulqulluu hin qabdu taanaan tokko akka sii kennaniif Dhugaa Baatota Yihowaa gaafadhu ykn Weebsaayitii www.watchtower.org jedhamurraa argachuu dandeessa

[Miiljalee]

a Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabotaafi birooshuroota Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qoruuf si gargaaran hedduu qopheessaniiru. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiran haasofsiisi ykn qopheessitoota barruu kanaaf barreessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi