LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 5/15 ful. 28-30
  • “Raacitii Warra Fariisotaa Irraa . . . Of Eeggadhaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Raacitii Warra Fariisotaa Irraa . . . Of Eeggadhaa”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mormitoota Isaa Balaaleffate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Wantoota Baayʼee Barbaachisan Lama—Kadhannaa fi Gad Of Qabuu
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Fariisii Tokkoo Wajjin Nyaata Nyaate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 5/15 ful. 28-30

“Raacitii Warra Fariisotaa Irraa . . . Of Eeggadhaa”

Yesus, “Raacitii warra Fariisotaa irraa, kana jechuun koos ‘Of arguu dhabuu isaanii irraa’ of eeggadhaa” jedhee bartootasaa akeekkachiiseera. (Luq. 12:1) Seenaa wal fakkaataan Maatewos wanta Yesus dubbate ilaalchisee barreesse, Yesus “barsiisa” warra Fariisotaa akka balaaleffatu kan ibsudha.—Mat. 16:12.

Macaafni Qulqulluun al tokko tokko wanti tokko mancaʼuusaa addeessuuf ‘raacitiitti’ fayyadama. Barumsiifi ilaalchi Fariisotaa namoota isaan dhaggeeffachaa turan mancaasee akka ture hin shakkisiisu. Barumsi Fariisotaa hamaa kan ture maaliifi?

1 Fariisonni of tuulummaadhaan qajeeloo akka taʼanitti kan of ilaalan siʼa taʼu, namoota iddoo guddaa hin qabne ni tuffatu turan.

Amalli qajeelaa of gochuu isaan qaban kun seenaa Yesus dubbate tokkorratti ibsameera. Akkas jedhe: “Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ‘Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jalʼoota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin taʼiniif sin galateeffadha. Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa’ jedhee kadhate. Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!’ in jedha ture.”—Luq. 18:11-13.

Yesus amala gad of deebisuu namni qaraxa fuudhu kun qabu, “Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa taʼee, gara mana isaatti akka deebiʼe, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama” jechuudhaan dinqisiifateera. (Luq. 18:14) Namoonni qaraxa fuudhan amanamummaa hirʼisuudhaan maqaa gaarii kan hin qabne taʼaniyyuu, Yesus isaan keessaa namoota isa dhaggeeffatan gargaaruu barbaada ture. Yoo xinnaate namoota qaraxa fuudhan keessaa Maatewosiifi Zakewos duuka buutotasaa taʼaniiru.

Dandeettii ykn mirga Waaqayyo nuu kenneen ykn dogoggora namoonni kaan raawwataniifi hirʼina isaan qabaniin kan kaʼe isaanii ol akka taane kan yaannu yoo taʼehoo? Caaffanni Qulqullaaʼoon, “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaaʼu. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jalʼinatti hin gammadu” waan jedhaniif yaada akkasii dafnee of keessaa baasuu qabna.—1 Qor. 13:4-6.

Ilaalcha akka Phaawulos qabaachuun keenya barbaachisaadha. Phaawulos, “Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe” erga jedhee booda, “Warra cubbamootatti lakkaaʼaman sana keessaa immoo ani isa duraa ti” jedheera.—1 Xim. 1:15.

Gaaffiiwwan irratti xiinxaluuf gargaaran:

Cubbamaa akkan taʼeefi fayyina argachuu kanan dandaʼu gaarummaa Yihowaatiin akka taʼe hubadheeraa? Waggoota dheeraaf amanamummaadhaan tajaajiluunkoo, mirgan jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti qabu ykn dandeettiin uumamaan qabu warra kaan akkan caalu akka natti dhagaʼamu godheeraa?

2 Fariisonni qajeeloo taʼuusaanii namootatti argisiisuudhaan isaan ajaaʼibsiisuu barbaadu turan. Akkasumas iddoo ulfinaa argachuufi maqaa ulfinaatiin waamamuu barbaadu turan.

Yesus garuu akkas jedhee akeekkachiiseera: “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuudhaaf hojjetu. Isa yeroo kadhataatti akka kudhaamaa rarraafatanis in balʼisu, shaashara isa ittiin seera Waaqayyoo yaadachuudhaaf uffata isaaniitti hodhatanis in dheeressu. Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taaʼumsa olaanu jaallatu. Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis in jaallatu.” (Mat. 23:5-7) Ilaalchasaanii kana ilaalcha Yesusii wajjin walbira qabaa ilaalaa. Yesus Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne taʼus, kan gad of deebisu ture. Yeroo namichi tokko “gaarii” jedhee isa waame, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru” jedhee deebiseera. (Mar. 10:18) Yeroo garabiraammoo, Yesus miilla bartootasaa dhiquudhaan, gad of deebisuu ilaalchisee duuka buutotasaatiif fakkeenya taʼeera.—Yoh. 13:1-15.

Kiristiyaanni dhugaan tokko namoota hidhata amantiisaa taʼan tajaajiluu qaba. (Gal. 5:13) Keessumaa obboloonni gumii keessatti ilaaltuu olaanaa taʼuu barbaadan kana gochuu qabu. ‘Ilaaltuu hojii waldaa Kiristiyaanaa taʼuuf fedhuun’ gaarii taʼus, warra kaan tajaajiluuf fedhii qabaachuurraa kan madde taʼuu qaba. Mirgi akkasii karaa ulfina ykn aangoo itti argatan miti. Obboloonni ilaaltuu olaanaa taʼanii tajaajilan, akkuma Yesus ‘kan gad of deebisan’ taʼuu qabu.—1 Xim. 3:1, 6; Mat. 11:29.

Gaaffiiwwan irratti xiinxaluuf qophaaʼan:

Ulfina ykn mirga dabalataa argachuuf abdachuudhaan, obboloota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif ulfina addaa kennuufan qoramaa laata? Irra caalaa bifawwan tajaajilaa namoota kaan biratti beekamummaa ykn galateeffannaa naaf argamsiisan irrattan xiyyeeffadhaa? Warri kaan akka na dinqisiifatan gochuufan carraaqaa?

3 Seerriifi duudhaan Fariisotaa, namoonni kaan Seericha eeguun baʼaa ulfaataa akka isaanitti taʼu godheera.

Seerri Musee, akkaataa Israaʼeloonni Yihowaa itti waaqeffatan ilaalchisee qajeelfama waliigalaa kan qabate taʼus, waan hundumaa tokko tokkoon hin ibsu. Fakkeenyaaf, Seerichi guyyaa Sanbataa hojii hojjechuu kan dhowwu yoo taʼellee, hojii hojjechuu qabaniifi hin qabne ilaalchisee wanti ibsame hin jiru. (Bau. 20:10) Fariisonni kanatti fayyadamuudhaan seera, hiika mataasaaniifi duudhaasaanii Seerichatti dabalanii turan. Yesus seera gogaa Fariisonni baasan kan morme taʼus, Seera Musee garuu eegeera. (Mat. 5:17, 18; 23:23) Yaada Seericha keessa jiru sirriitti hubatee ture. Hiika Seerichi qabu waan beekeef, ooʼaafi gara laafina qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa hubateera. Yeroo duuka buutonnisaa wanta inni jedhe hojiirra oolchuu dhiisanittillee, haalasaanii xiyyeeffannaa keessa galcheera. Fakkeenyaaf, galgala dabarfamee kennamuuf jiru sanatti ergamoonnisaa sadan dammaqanii akka eegan kan isaanitti hime taʼus ammaa amma hirribaan moʼamanii turan. Taʼus isaaniif gadduudhaan, “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jedheera.—Mar. 14:34-42.

Gaaffiiwwan irratti xiinxaluuf gargaaran:

Seera sababarratti hin hundoofneefi danqaa taʼe nan baasaa? Yookiin wanta anatti sirrii fakkaate namoonni kaan akka godhan nan dirqisiisaa? Wanta humnasaaniitii ol taʼe namoota kaanirraa nan eegaa?

Garaagarummaa barumsa Yesusiifi Fariisotaa gidduu jirurratti xiinxali. Kallattii kamiin fooyyaʼiinsa gochuu akka qabdu hubatteettaa? Taanaan, fooyyaʼiinsa gochuuf maaliif murtoo hin gootu?

[Fakkii fuula 28⁠rra jiru]

Fariisonni kudhaama caqasoonni irratti barreeffaman hidhatu turan.—Mat. 23:2, 5

[Fakkii fuula 29⁠rra jiru]

Jaarsoliin Kiristiyaanaa gad of deebisan, Fariisota of tuuloo taʼanirraa haala faallaa taʼeen namoota kaan tajaajilu

[Fakkii fuula 30⁠rra jiru]

Atoo akkuma Yesus, haala namootaa xiyyeeffannaa keessa ni galchitaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi