‘Eenyu Durattuu Hin Pherpheramnu’
“Lolli yoo anatti kaʼe iyyuu, ani hin shakku.”—FAR. 27:3.
CAQASOONNI ARMAAN GADII IJA JABINA QABAACHUUF SI GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
1. Faarfannaan 27 maal hubachuuf nu gargaara?
HAALLI biyya lafaa gad badaa kan adeemu taʼus, hojiin lallabaa keenya babalʼachaa kan deemu maaliifi? Yeroo namoonni baayʼeen qabeenya horachuurratti xiyyeeffatan kanatti, yeroofi humna keenya tolaan kan kenninu maaliifi? Yeroo namoonni baayʼeen haala gara fuulduraa sodaatan kanatti, ija jabeeyyii taanee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Yaanni Daawit Mootichi hafuuraan geggeeffamee Faarfannaa 27rratti barreesse deebiisaa nuu kenna.
2. Pherpheramuun nama tokko maal gochuu dandaʼa? Haataʼu malee amanannaa akkamii qabna?
2 Daawit faarfannaa kana kan jalqabe, “Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree?” jechuudhaan ture. (Far. 27:1) Sodaan humna kan nama buusu siʼa taʼu, pherpheramuun ykn sodaadhaan romʼuun garuu miidhaa kana caalu kan geessisudha. Haataʼu malee, pherphersuun kamiyyuu nama Yihowaa sodaatu tokko jeequu hin qabu. (1 Phe. 3:14) Yihowaa daʼoo keenya kan godhannu taanaan, ‘nagaatti jiraanna, wanta hamaa hin sodaannu, hin birʼannus.’ (Fak. 1:33; 3:25) Akkas kan jennu maaliifi?
“WAAQAYYO IFA KOO TI, FAYYINA KOO TIS”
3. Yihowaan ifa keenya jechuu kan dandeenyu akkamitti? Haataʼu malee maal gochuu qabna?
3 Yaanni fakkeenyaan ibsameefi “Waaqayyo ifa koo ti” jedhu Yihowaan wallaalummaafi dukkana hafuuraa keessaa akka nu baasu dhugaa jiru kan addeessudha. (Far. 27:1) Ibsaan tokko balaa ykn gufuu karaa keenyarra jiru nutti mulʼisuu kan dandaʼu taʼus, wantoota sana karaarraa hin balleessu. Wanta arginu ilaalchisee tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan hiika wantoonni addunyaarratti raawwatamaniifi arginu qaban nutti mulʼisa. Balaa sirni biyya lafaa kun qaburraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu yeroo hundaa hojjetan kan nuu kennu taʼus, wanta baranne hojiirra oolchuu qabna. Kana kan goonu taanaan, diinota ykn barsiisota keenya caalaa tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhanna.—Far. 119:98, 99, 130.
4. (a) Daawit garaa guutuudhaan, ‘Waaqayyo fayyina kooti’ jechuu kan dandaʼe maaliifi? (b) Yihowaan keessumaa fayyisaa keenya kan taʼu yoomi?
4 Daawit yaada Faarfannaa 27:1rra jiru kan dubbate, Yihowaan sanaan dura akkamitti akka isa oolche yaadatee taʼuu qaba. Fakkeenyaaf Yihowaan “harka leencaatii fi amaaketaa” jalaa isa oolchee ture. Goliyaad isa qaamaan isarra guddaa ture akka moʼus isa gargaareera. Boodas Saaʼol Mootichi eeboodhaan isa waraanuuf siʼa baayʼee kan yaale taʼus, Yihowaan isa oolcheera. (1 Sam. 17:37, 49, 50; 18:11, 12; 19:10) Daawit garaa guutuudhaan, ‘Waaqayyo fayyina kooti’ jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Yihowaan akkuma Daawitiin fayyise, ammas tajaajiltootasaatiif fayyisaa taʼuu dandaʼa. Akkamitti? Namoota isa waaqeffatan, “rakkina guddaa” dhufaa jiru jalaa oolchuudhaanidha.—Mul. 7:14; 2 Phe. 2:9.
GARGAARSA YIHOWAAN ISINII GODHE HUNDUMAA YAADADHAA
5, 6. (a) Carraaqqii ija jabina qabnu cimsachuuf goonurratti yaadannoon keenya gaʼee maalii qaba? (b) Seenaan hariiroo Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin qabu ibsu, ija jabina qabdu kan sii cimsu akkamitti?
5 Wanti ija jabina argachuuf barbaachisaa taʼe gara biraanimmoo Faarfannaa 27:2, 3rratti ibsameera. (Dubbisi.) Daawit yeroo itti gargaarsa Yihowaatiin fayyina argate yaadatee ture. (1 Sam. 17:34-37) Kana yaadachuunsaa raakkoowwan baayʼee cimaa taʼanillee moʼuuf amanannaa isaa kenneera. Atoo muuxannoo keerraa kaʼuudhaan amanannaa akkasii qabaachuu dandeessaa? Fakkeenyaaf, rakkina cimaa tokko moʼuuf cimsitee erga kadhattee booda, qorumsa kana moʼuuf ogummaa ykn jabina Yihowaan sii kenne hubattee beektaa? Yookiin wantoonni tajaajilakeetti akka hin gammanne gufuu sitti taʼan akkamitti akka badan ykn karaan tajaajilakee balʼifachuuf si gargaaru akkamitti akka sii baname hubattee beektaa? (1 Qor. 16:9) Haala akkasii yaadachuunkee yeroo ammaa dhiibbaa akkamii sirratti godha? Yaadannoon kun Yihowaan gufuu ykn rakkina cimaa taʼellee moʼuuf si gargaaruu akka dandaʼu si hin amansiisnee?—Rom. 5:3-5.
6 Mootummaan humna guddaa qabu tokko jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa balleessuuf yoo barbaadehoo? Bara keenyatti namoonni baayʼeen kana gochuuf yaalanii kan turan taʼus hin milkoofneef. Yihowaan kanaan dura akkamitti sabasaa akka gargaare yaadachuun keenya, waaʼee gara fuulduraa amanannaa akka qabaannu nu godha.—Dan. 3:28.
WAAQEFFANNAA DHUGAA DINQISIIFADHAA
7, 8. (a) Akka Faarfannaan 27:4 ibsutti Daawit Yihowaa maal gaafate? (b) Manni qulqullummaa hafuuraa Yihowaa inni guddaan maalidha? Iddoo kanatti waaqeffannaan kan dhihaatu akkamitti?
7 Wanti ija jabina qabnu cimsachuuf nu gargaaru gara biraanimmoo, jaalala waaqeffannaa dhugaatiif qabnudha. (Faarfannaa 27:4 Dubbisi.) Bara Daawititti, godoon qulqullummaa akka “mana Waaqayyoo[tti]” ilaalama ture. Ilmisaa Solomoon mana qulqullummaa guddaa akka ijaaru qophii kan godhe Daawit mataasaa ture. Jaarraa hedduu booda Yesus, Yihowaa karaa sirrii taʼeen waaqeffachuun mana qulqullummaa guddaa tokkorratti kan hundaaʼe taʼuunsaa akka hafe ifa godheera. (Yoh. 4:21-23) Phaawulos ergamaan Ibroota boqonnaa 8 hanga 10rratti, manni qulqullummaa hafuuraa guddaan kun Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesus cuuphamee fedha Yihowaa raawwachuuf of dhiheesse hojiisaa akka jalqabe ibseera. (Ibr. 10:10) Manni qulqullummaa hafuuraa guddaan kun, qophii Yihowaan aarsaa furii Yesusirratti hundaaʼee karaa fudhatama qabuun Waaqayyotti akka dhihaannuuf nuu godhedha. Iddoo kanatti kan waaqeffannu akkamitti? ‘Garaa dhugaafi amantii guutuudhaan’ kadhachuu, abdii keenya jabaannee labsuu, yeroo walgaʼii gumiirratti argamnuufi waaqeffannaa maatii goonu, namoota hidhata amantii keenya taʼaniif yaaduu, isaan kakaasuufi isaan jajjabeessuudhaan kana gochuu dandeenya. (Ibr. 10:22-25) Waaqeffannaa dhugaatiif dinqisiifannaa qabaachuun guyyoota gara dhumaa rakkisaa taʼe kana keessatti jabina nuu kenna.
8 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon addunyaa maratti argaman, tajaajilarratti balʼinaan hirmaachaa, qooqa haaraa barachaa, akkasumas bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf of dhiheessaa jiru. Gochisaanii akkuma faarfatichaa Yihowaa waan tokko qofa akka gaafatan argisiisa. Gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluufi waan fedheyyuu yoo taʼe tajaajilarratti hirmaachuu barbaadu.—Faarfannaa 27:6 dubbisi.
GARGAARSA WAAQAYYOOTTI AMANAMAA
9, 10. Faarfannaa 27:10rratti abdii akkamiitu kenname?
9 Daawit, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jechuudhaan gargaarsa Yihowaatti akka amanamu dubbateera. (Far. 27:10) Warri Daawit akka isa hin dhiisne, seenaa 1 Saamuʼel boqonnaa 22rra jirurraa hubachuu dandeenya. Haataʼu malee, obboloota yeroo harʼaa jiran hedduu maatiinsaanii isaan dhiisaniiru. Taʼus namoonni kun baayʼeensaanii gumii Kiristiyaanaa bakka jaalalli hoʼaan jiru keessatti gargaarsaafi eegumsa argataniiru.
10 Yihowaan yommuu namoonni kaan tajaajiltootasaa jibban kan isaan deggeru erga taʼee, yommuu rakkinni gara biraan isaanirra gaʼu isaan hin gargaaruu? Fakkeenyaaf, wanta maatii keenyaaf barbaachisu akkamitti akka dhiheessinu kan nu yaaddessu yoo taʼe, Yihowaan akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyuu? (Ibr. 13:5, 6) Yihowaan haala tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan hundi keessa jiraniifi wanta isaan barbaachisu ni hubata.
11. Yihowaatti amanamuun keenya warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? Fakkeenyaan ibsi.
11 Haala Viktooriyaa ishee Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jirtuufi biyya Laayibeeriyaa keessa jiraattuu ilaalaa. Cuuphamuuf guddina gochaa utuu jirtuu, namichi isheen wajjin jiraattu isheefi ijoolleeshee sadii dhiisee deeme. Manaafi hojii kan hin qabne taatullee karaa hafuuraa guddina gochuushee itti fufte. Viktooriyaan erga cuuphamtee booda, intallishee umrii waggaa 13 taate boorsaa qarshiidhaan guutame tokko lafaa argatte. Akka hin qoramneef jecha qarshicha lakkaaʼuu dhiisuufillee murteessanii turan. Kanaa mannaa, yeruma sana loltuu boorsichi jalaa badee wajjin wal argan. Innis, ‘Utuu namoonni hundi akka Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo taʼanii, addunyaan bakka gaariifi caalaatti nagaa qabu taati turte’ jedhe. Viktooriyaanis Macaafa Qulqulluurraa abdii Yihowaan addunyaa haaraa ilaalchisee kenne isatti argisiiste. Loltuun kun amanamummaashee dinqisiifachuudhaan qarshii hedduu kenneef. Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa dandeettii Yihowaan wanta barbaachisu kennuuf qabutti amanamuunsaanii, amanamoo taʼuurratti maqaa gaarii akka qabaatan isaan godheera.
12. Hojiidhaa yoo ariʼamne ykn qarshii yoo dhabnellee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
12 Toomaas inni babalʼisaa hin cuuphamne taʼeefi biyya Seeraa Liyoon keessa jiraatu wanta isatti dhagaʼamuu dandaʼu mee yaadaa. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko keessatti barsiisaa taʼee hojjechuu kan jalqabe taʼus, hamma ragaa barumsaasaa dhiheessutti gara waggaa tokkoof mindaa hin arganne. Toomaas mindaasaa isa kanaan duraafi isa ammaa fudhachuuf ulaagaa maalii guutu qaba ture? Dura taaʼaan mana barumsichaa gaafannoo isaaf gochuu qaba ture. Lubichis amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa kan dhaabbatichaa wajjin akka wal hin simne ibseef. Lubni kun Toomaas hojiisaafi amantiisaa isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe keessaa tokko akka filatu cimsee isatti hime. Toomaas hojii sanaafi mindaa gara waggaa tokkoo dhiisuudhaan, hojii gara biraa jechuunis raadiyoofi moobaayilii suphuu jalqabe. Fakkeenyi kuniifi gara biraa hedduun akka argisiisutti namoonni kaan wanta jireenyaaf barbaachisu argachuun, sodaatanii akka pherpheraman isaan gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, amantii cimaan nuyi isa waan hundumaa uumeefi sabasaa eegurratti qabnu, sodaa akkasii moʼuuf nu gargaara.
13. Biyyoota hiyyeeyyii taʼan keessatti hojiin Mootummicha labsuu babalʼachaa kan jiru akkamitti?
13 Labsitoonni Mootummichaa biyyoota hedduu haala dinagdee rakkisaa taʼe qabu keessa jiraatan, yeroo baayʼee dammaqinaan tajaajilu. Kun kan taʼe akkamitti? Waajjirri damee tokko akkas jedhee barreesseera: “Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qaban hedduun, hojii kan hin qabne waan taʼaniif guyyaa guyyaa qayyabachuuf yeroo balʼaa qabu. Obboloonnis lallabuuf yeroo baayʼee qabu. Keessumaa namoonni naannoo rakkinni cimaan jiru keessa jiraatan, haala raawwatamaa jiru ijasaaniitiin waan arganiif, guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru isaanitti himuun nu hin barbaachisu.” Misiyooniin biyya babalʼisaan tokko giddu galeessaan qayyabannaa sadii ol qabu keessatti waggaa 12f tajaajile tokko akkas jedheera: “Babalʼistoonni baayʼeen jireenya salphaa kan jiraataniifi waan yaadasaanii hihhiru hedduu waan hin qabneef, tajaajiluufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf yeroo balʼaa qabu.”
14. Tuutni sonaan baayʼeen eegumsa Waaqayyoo argachuu kan dandaʼan karaawwan kamiini?
14 Yihowaan sabasaa gareedhaan karaa qaamaafi karaa hafuuraa gargaaruuf, akkasumas eeguufi oolchuuf abdii kenneera; nutis isatti ni amanamna. (Far. 37:28; 91:1-3) Namoonni “rakkina guddaa” gara fuulduraatti dhufu jalaa oolan tuuta sonaan baayʼeedha. (Mul. 7:9, 14) Kanaaf, namoonni baayʼeen sun akka gareetti guyyoota gara dhumaa hafan hunda keessatti eegumsa argatu. Wanti qorumsa dandaʼuufi hariiroo Yihowaa wajjin qaban eeguuf isaan barbaachisu hundi ni kennamaaf. Xumura rakkina isa guddaa keessatti Yihowaan sabasaa ni eega.
“KARAA KEE NA BARSIISI, YAA WAAQAYYO!”
15, 16. Qajeelfama Waaqayyoo yommuu hordofnu faayidaa kan argannu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
15 Ija jabeeyyii taanee itti fufuuf, karaa Waaqayyoo ilaalchisee qajeelfama itti fufiinsa qabu argachuu nu barbaachisa. Kanas kadhannaa Daawit, “Karaa kee na barsiisi, yaa Waaqayyo! Sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati daandii qajeelaa irra na geggeessi!” jechuudhaan dhiheesserraa hubachuun ni dandaʼama. (Far. 27:11) Kadhannaa kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuu jechuun, qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi karaa jaarmiyaa Yihowaa argannu kamiifiyyuu xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan yeruma sana hojiirra oolchuu jechuudha. Namoonni baayʼeen gorsa gaarii liqii hin barbaachisnerraa walaba taʼanii jireenya salphaa akka jiraatan kenname hojiirra oolchan, yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼe kanatti gorsi kun akkamitti akka isaan fayyade dhugaa baʼuu dandaʼu. Qabeenya horachuuf jecha liqii humnasaaniitiin ol taʼe ofitti feʼuu mannaa, bilisa taʼanii tajaajilasaanii balʼifachuu dandaʼaniiru. Hundi keenya, ‘Aarsaa gochuun yoo na barbaachisellee, wantan Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa keessaa dubbise hunda yeruma sana hojiirra nan oolchaa?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha.—Mat. 24:45.
16 Yihowaan akka nu barsiisuufi daandii qajeelinaarra akka nu geggeessu kan heyyamnu taanaan, sodaachuuf sababii hin qabnu. Qajeelchaan Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu tokko, hojii miseensonni maatiisaa hundi tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaatu godhu hojjechuuf yommuu iyyannoo galchatu, hogganaansaa digirii yoo qabaate malee matumaa akka isa hin hojjechiisne isatti hime. Haalli akkasii sirra gaʼeera taanaan, barumsa sadarkaa olaanaa dhiistee tajaajila yeroo guutuurratti bobaʼuu keetti gaabbitee beektaa? Torban lama booda, hogganaan sun hojiidhaa kan baafame siʼa taʼu, namni bakkasaa buufame obboleessi kun galma maalii akka qabu isa gaafate. Obboleessi kun, inniifi haati manaasaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo guutuu tajaajilan akka taʼaniifi kanas itti fufuu akka barbaadan ibseef. Obboleessi kun waan gara biraa utuu hin dubbatin hoggantichi akkas jedheen: “Isin nama addaa akka taatan beeka! Yommuu abbaankoo duʼuu jala gaʼee turetti, namoonni hidhata amantiikee taʼan lama guyyaa guyyaadhaan dhufanii Macaafa Qulqulluu isaa dubbisu turan. Carraa Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa nama tokko gargaaruu yoon argadhe, gargaaruuf waadaa ofii galeen ture.” Guyyaa ittaanutti, hojiin hogganaan inni duraa isa dhowwate obboleessa kanaaf ni kenname. Dhugumayyuu, jireenya keenya keessatti fedha Mootummichaa yoo dursine, Yihowaan waadaa wanta jireenyaaf barbaachisu akka nuu kennu gale ni eega.—Mat. 6:33.
AMANTIIFI ABDIIN BARBAACHISAADHA
17. Yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuuf maaltu nu gargaara?
17 Daawit ittaansuudhaan, “Haa taʼu iyyuu malee, biyya warra jiraatoo sanatti Waaqayyo gaarii taʼuu isaa arguuf akkan jiru nan amanadha” jechuudhaan amantiifi abdiin barbaachisaa taʼuusaa addeesseera. (Far. 27:13) Dhugumayyuu, abdii Waaqayyo nuu kenneefi wantoota Faarfannaa 27rratti ibsamanitti utuu hin amannu taʼee maal taana turre? Kanaaf, yeroo gara Armaagedoonitti dhihaachaa jirru kanatti, jabinaafi fayyina argachuuf garaa guutuudhaan kadhachuu keenya itti haa fufnu.—Faarfannaa 27:14 dubbisi.
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Daawit gocha Yihowaan fayyisuudhaan raawwate yaadachuudhaan jabina argateera
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Tajaajila keenya balʼifachuuf, haala dinagdee rakkisaa taʼetti ni fayyadamnaa?