LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 1/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Waaqayyo Maqaa Qabaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maqaa Waaqayyoo Beektaa? Itti Hoo Ni Fayyadamtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi-Hiikasaa
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 1/1 ful. 16

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU

Maqaan Waaqayyoo eenyudha?

Miseensonni maatii keenyaa hundi maqaa dhuunfaa qabu. Sareef adurreenillee maqaa ittiin waamaman qabu. Maarree Waaqayyo maqaa qabaachuunsaa sirrii mitii? Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo maqaa ulfinaa hedduu kanneen akka Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu, Waaqayyo Gooftaafi Uumaa jedhamaniin kan waamame taʼus, maqaa dhuunfaa qaba.​—Isaayaas 42:8 dubbisi, NW.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun Faarfannaa 83:18⁠rratti maqaa Waaqayyoo qabu. Fakkeenyaaf, caqasni kun Caaffata Qulqullaaʼoo Hiika Addunyaa Haaraarratti, “Ati, maqaankee Yihowaa kan taʼe, lafarratti Hundumaa Gararraa kan jiru si qofa” jedha.

Maqaa Waaqayyootti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

Hiriyoota baayʼee walitti dhihaannuu wajjin yommuu haasofnu maqaasaaniitiin isaan waamna

Waaqayyo maqaasaa kanaan akka isa waamnu barbaada. Hiriyoota baayʼee walitti dhihaannu dabalatee, namoota jaallannuu wajjin yommuu haasofnu, maqaasaaniitiin akka isaan waamnu yoo nutti himan maqaasaaniitiin isaan waamna. Maarree Waaqayyotti yommuu dubbannu akkas gochuu hin qabnuu? Kana malees, Yesus Kiristos maqaa Waaqayyootti akka fayyadamnu nu barsiiseera.​—Maatewos 6:9; Yohannis 17:26 dubbisi.

Michuu Waaqayyoo taʼuuf garuu maqaasaa beekuu qofti gaʼaa miti. Fakkeenyaaf, Waaqayyo amala akkamii qaba? Waaqayyotti dhihaachuun ni dandaʼamaa? Deebii gaaffii kanaa Macaafa Qulqulluu keessaa argachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi