Warri Ijoollee Keessan Tiksaa
“Bushaayeen kee attamitti akka jiran yaadaan qabi [“sirriitti beeki,” NW].”—FAK. 27:23.
1, 2. (a) Tiksitoonni Israaʼel keessa turan itti gaafatamummaa akkamii qabu turan? (b) Warri tiksitootaa wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
TIKSITOONNI Israaʼel durii keessa turan jireenya ulfaataa taʼe jiraatu turan. Hoʼaafi qorra isaan mudatu dandaʼuudhaan alattis, bushaayeesaanii namootaafi bineensota miidhaa geessisanirraa eeguu qabu. Tiksitoonni hoolotasaanii guyyaa guyyaatti kan ilaalan siʼa taʼu, kan dhukkubsate ykn kan miidhame jiraannaan ni kunuunsu. Salphaatti waan miidhamaniifi akka hoolota gurguddoo cimina waan hin qabneef hoolota ilmoo taʼaniif xiyyeeffannaa addaa kennu turan.—Uma. 33:13.
2 Kiristiyaanonni ijoollee qaban, amaloota tiksitootaaf barbaachisaa taʼan waan argisiisaniif, gama tokko tokkoon akka tiksitootaati jechuu ni dandeenya. “Adabaa fi barsiisa gooftaatiin” ijoolleesaanii guddisuuf itti gaafatamummaa qabu. (Efe. 6:4) Itti gaafatamummaan kun salphaadhaa? Lakki! Ololli Seexanaafi hawwii gadheen cubbamoo taʼuusaaniitiin qaban ijoolleerra dhiibbaa guddaa geessisa. (2 Xim. 2:22; 1 Yoh. 2:16) Ijoollee qabdu taanaan akkamitti isaan gargaaruu dandeessu? Ijoollee keessan tiksuuf wanta sadii gochuu jechuunis isaan beekuu, isaan sooruufi isaan qajeelchuu qabdu.
IJOOLLEE KEESSAN BEEKAA
3. Warri ijoolleensaanii ‘attamitti akka jiran beekuuf’ maal gochuu qabu?
3 Tiksee gaariin tokko fayyaa taʼuusaanii mirkaneeffachuuf hoolotasaa hunda tokko tokkoon ilaala. Isinis ijoollee keessanii wajjin haala wal qabateen akkas gochuu ni dandeessu. Macaafni Qulqulluun, “Bushaayeen kee attamitti akka jiran yaadaan qabi [“sirriitti beeki,” NW]” jedha. (Fak. 27:23) Akkas gochuudhaaf gocha, yaadaafi miira ijoollee keessaniif xiyyeeffannaa kennuu qabdu. Kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Karaan akkas gochuu itti dandeessan inni guddaan, yeroo yerootti ijoollee keessanii wajjin haasaʼuudha.
4, 5. (a) Warri ijoolleensaanii akka isaanii wajjin haasaʼan gochuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Isinii wajjin haasaʼuun ijoollee keessanitti akka salphatu gochuuf maal gootan?
4 Warri tokko tokko, ijoolleensaanii umrii waggoota kurnanii keessa yeroo seenanitti isaanii wajjin haasaʼuun ulfaataa akka taʼu hubataniiru. Ijoolleen umrii kana keessa jiran yaadaafi miirasaanii dubbachuu hin barbaadan taʼa. Ijoolleen keessanis akkas yoo taʼan maal gochuu dandeessu? Seeraan isinii wajjin taaʼanii maree dheeraa akka godhan dirqisiisuu mannaa, carraawwan kan biraatti fayyadamuuf yaalaa. (Kes. 6:6, 7) Isaanii wajjin yeroo dabarsuuf carraaqqii dabalataa gochuu qabdu taʼa. Isaanii wajjin miilaan deemuu, taphachuu ykn mana keessatti hojii tokko tokko hojjechuu ni dandeessu. Haalli akkasii ijoolleetti bilisummaan akka itti dhagaʼamuufi yaadasaanii ibsuun akka itti salphatu gochuu dandaʼa.
5 Carraaqqii gootaniis mucaan keessan dubbachuu hin barbaadu yoo taʼehoo maal gochuu qabdu? Mala kan biraatti fayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, oolmaan ishee akkam akka ture intala keessan gaafachuu mannaa, waaʼee oolmaa keessanii itti himuu ni dandeessu. Akkas yoo gootan, waaʼee oolmaashee sirriitti isinitti himuu dandeessi taʼa. Yookiin dhimma tokkorratti ilaalcha intalli keessan qabdu beekuu yoo barbaaddan, isheerratti utuu hin xiyyeeffatin gaaffii ilaalcha isheen dhimma sanaaf qabdu beekuuf isin gargaaru gaafadhaa. Ilaalcha hiriyoonnishee dhimmichaaf qaban ishee gaafachuu ni dandeessu. Achii, gorsa akkamii akka isheen isaaniif kennitu ishee gaafadhaa.
6. Ijoolleen yeroo akka isaaniif kennitaniifi isinitti dubbachuun salphaa akka taʼe akka hubataniif maal gochuu dandeessu?
6 Ijoolleen keessan yaadasaanii akka isiniif ibsaniif, yeroo akka isaaniif kennitaniifi isinitti dubbachuun salphaa akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu qaba. Warri ijoollee wajjin haasaʼuuf yeroo hin qaban taanaan, ijoolleen rakkinasaanii baasanii hin dubbatan. Isinitti dubbachuun salphaa akka isaaniif taʼu gochuu kan dandeessan akkamitti? “Yeroo barbaaddetti na haasofsiisuu ni dandeessa” jechuun qofti gaʼaa miti. Rakkinasaanii akka jalaa hin tuffanne ykn akka isaanitti hin dheekkamne beekuu qabu. Gama kanaan maatiin fakkeenya taʼan hedduun jiru. Keeylaa isheen umriinshee waggaa 19 taʼe akkas jetteetti: “Waaʼee wanta kamiiyyuu abbaakoo wajjin haasaʼuu nan dandaʼa. Yaadakoo addaan na jalaa hin kutu, akkasumas dafee natti hin murteessu; callisee na dhaggeeffata. Achii yeroo hunda gorsa baayʼee gaarii taʼe naa kenna.”
7. (a) Dhimmawwan kan akka saala faallaa wajjin hiriyummaa jalqabuu ilaalchisee warri ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu qabu? (b) Warri utuu hin beekin ijoolleesaanii aarsuu kan dandaʼan akkamitti?
7 Wantoota nama qaanessuu dandaʼan, fakkeenyaaf saala faallaa wajjin hiriyummaa jalqabuu ilaalchisee yeroo mariʼattan, wanta sirrii gochuu qaban isaan barsiisuu mannaa akeekkachiisuurratti akka hin xiyyeeffanne of eeggachuu qabdu. Fakkeenyaan ibsuuf, gara mana nyaataa tokko dhaqxan haa jennu; waraqaan gosni nyaataa irratti barreeffame akeekkachiisa waaʼee summaaʼuu nyaataa dubbatuun kan guutame akka taʼe hubattan. Yeroo kanatti manichaa baatanii gara mana nyaataa kan biraa akka dhaqxan beekamaadha. Ijoolleen keessanis gorsa argachuuf gara keessan yeroo dhufan yeroo hunda akeekkachiisa yoo kennitaniif tarkaanfii akkasii fudhachuu dandaʼu. (Qolosaayis 3:21 dubbisi.) Akkas gochuu mannaa ilaalcha madaalamaa qabaadhaa. Shamarreen Eemilii jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Warrikoo waaʼee saala faallaa wajjin hiriyummaa jalqabuu yeroo mariʼannutti, dhimmi kun wanta sirrii akka hin taane hin dubbatan. Nama tokkoo wajjin wal baruufi hiriyaa gaaʼelaa argachuun kan nama gammachiisu akka taʼe dubbatu. Kunimmoo waaʼee dhimma kanaa bilisaan akkan isaanii wajjin dubbadhu na godheera. Kanaaf, walitti dhufeenya akkamiiyyuu namootaa wajjin yoon qabaadhe, isaan dhoksuu mannaa wanta hunda isaanitti himuun barbaada.”
8, 9. (a) Utuu addaan isaan hin kutin ijoollee keessan dhaggeeffachuun buʼaa akkamii qaba? (b) Ijoollee keessan dhaggeeffachuu keessanitti buʼaa akkamii argattaniittu?
8 Akkuma Keeylaan jette, ijoollee keessan obsaan dhaggeeffachuudhaan isinitti dubbachuun salphaa akka taʼe argisiisuu ni dandeessu. (Yaaqoob 1:19 dubbisi.) Haati qeentee taateefi Kaatiyaa jedhamtu tokko, “Kanaan dura intalakootti obsa hin argisiisun ture. Wanta dubbattus ishee hin ficcisiisun ture. Ishee dhaggeeffachuun na nuffisiisa ykn akka isheen na jeeqxu hin barbaadu. Amma amalakoo waanan jijjiireef, intallikoos amalashee jijjiirratteetti. Wantan isheedhaan jedhu ni dhageessi.”
Isaan beekuuf isaan dhaggeeffadhaa (Keeyyata 3-9 ilaali)
9 Abbaan Ronaald jedhamu tokkos, intalasaa ishee umrii waggoota kurnanii keessatti argamtuu wajjin haala walqabateen haalli akkasii isa mudatee ture. Akkas jedheera: “Mucaa isheedhaa wajjin baratu tokko akka jaallatte yeroo natti himte, jalqaba baayʼee aareen ture. Haataʼu malee, Yihowaan obsaan, akkasumas haalasaanii hubachuudhaan tajaajiltootasaa akkamitti akka qabu yeroon xiinxalu, intallikoo akka dogoggorte itti himuukoo dura miirashee akka ibsituuf carraa isheedhaaf kennuunkoo gaarii akka taʼe natti dhagaʼame. Akkas gochuu kootti baayʼeen gammada! Miira intalakoo yeroo jalqabaatiifan hubadhe. Miirashee erga naaf ibsitee booda, jaalalaan ishee haasofsiisuun salphaa naa taʼe. Kan nama dinqisiisu, gorsakoo sirriitti fudhatte. Amalashee jijjiiruudhaaf fedhii guddaa akka qabdus natti himte.” Yeroo yerootti ijoollee keessanii wajjin haasaʼuun yaadaafi miirasaanii hubachuuf isin dandeessisa. Kunimmoo, murtoo isaan jireenya keessatti godhanirratti isaan gargaaruudhaaf isin dandeessisa.a
IJOOLLEE KEESSAN SOORAA
10, 11. Ijoolleen keessan karaa hafuuraa balaadhaaf akka hin saaxilamne gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
10 Tiksee gaariin, hoolaan tokko hoolotasaa kaanirraa fagaachuu akka dandaʼu beeka. Tarii marga xinnoo fagaatee jiru argee, nyaachuuf jecha suutuma suuta hoolota kaanirraa fagaachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, dhiibbaa hiriyummaa gadheen ykn bashannanni gaarii hin taane isarraan geessisuun mucaan tokko suutuma suuta karaa hafuuraa balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa. (Fak. 13:20) Haalli akkasii ijoollee keessan akka hin mudanneef gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
11 Ijoollee keessan yeroo barsiistanitti dadhabina isaan qaban tokko yoo hubattan dafaatii tarkaanfii fudhadhaa. Ijoolleen keessan amalawwan gaarii qaban akka guddifatan isaan gargaaraa. (2 Phe. 1:5-8) Sagantaan waaqeffannaa maatii dhaabbataa taʼe akkas gochuudhaaf carraa gaarii bana. Yaanni qophii waaqeffannaa maatii ilaalchisee Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2008rratti baʼe, “Mataa maatii kan taʼan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu maatii akka gaariitti itti yaadameefi sagantaa dhaabbataa qabaachuu ilaalchisee, Yihowaa duratti waan itti gaafatamaniif dirqama isaanirra jiru akka raawwatan jajjabeeffamaniiru” jedha. Ijoollee keessan tiksuuf qophii kanatti sirriitti fayyadamaa jirtuu? Ijoolleen keessan karaa hafuuraa isaan gargaaruudhaaf dursa kennuu keessan akka dinqisiifatan amanannaa qabaadhaa.—Mat. 5:3; Filp. 1:10, NW.
Sirriitti isaan sooraa (Keeyyata 10-12 ilaali)
12. (a) Dargaggoonni waaqeffannaa maatii dhaabbataa taʼerraa faayidaa akkamii argataniiru? (Saanduqa “Dinqisiifataniiru” jedhus ilaali.) (b) Dhuunfaadhaan waaqeffannaa maatiirraa faayidaa akkamii argatteetta?
12 Intalli Kaariisaa jedhamtuufi umrii waggoota kurnanii keessatti argamtu, Waaqeffannaan Maatii akkamitti maatiishee akka gargaare ilaalchisee akkas jetteetti: “Hundi keenyayyuu waliin teenyee waan haasofnuuf natti tola. Akkas yeroo goonu caalaatti walitti dhihaanna, akkasumas yeroo hin irraanfatamne waliin dabarsina. Abbaankoo sagantaan Waaqeffannaa Maatii keenya dhaabbataa akka taʼu godheera. Sagantaa kanaaf iddoo guddaa kennuunsaa kan nama jajjabeessudha; kunimmoo anis sagantichaaf iddoo guddaa akkan kennu na godheera. Akka abbaafi nama karaa hafuuraa nu geggeessu tokkootti caalaatti akkan isa kabajus na godheera.” Shamarreen Biriitanii jedhamtummoo akkas jetteetti: “Waaqeffannaan maatii warrakootti caalaatti na dhiheesseera. Rakkinakoo dhagaʼuu akka barbaadaniifi waaʼeekoo garaadhaa akka yaadan na hubachiisa. Maatiin keenya cimaafi tokkummaa kan qabu akka taʼu nu gargaareera.” Keessumaa waaqeffannaa maatiitti fayyadamtanii ijoollee keessan karaa hafuuraa sooruun, karaa tiksee gaarii taʼuu itti dandeessan isa guddaadha.b
IJOOLLEE KEESSAN QAJEELCHAA
13. Ijoolleen Yihowaa tajaajiluuf kakaʼumsa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti?
13 Tiksee gaariin bushaayeesaa qajeelchuufi eeguudhaaf uleetti fayyadama. Kaayyoonsaa inni guddaan hoolotasaa gara “marga gaariitti” qajeelchuudha. (His. 34:13, 14) Warra waan taataniif, isinoo karaa hafuuraa galma akkasii hin qabdanii? Ijoolleen keessan Yihowaa akka tajaajilaniif isaan qajeelchuu ni barbaaddu. Ijoolleen keessan akkuma faarfaticha isa, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jedhee barreessee akka isaanitti dhagaʼamu ni barbaaddu. (Far. 40:8) Ijoolleen dinqisiifannaa akkasii qaban jireenyasaanii Yihowaadhaaf murteessuudhaan ni cuuphamu. Tarkaanfii akkasii fudhachuuf, bilchina murtoo kana gochuuf isaan dandeessisu qabaachuu, akkasumas Yihowaa tajaajiluuf garaasaaniitii fedhii qabaachuu qabu.
14, 15. (a) Warri Kiristiyaanota taʼan galmisaanii maal taʼuu qaba? (b) Dargaggoonni waaqeffannaa dhugaarratti shakkii akka qaban kan dubbatan maaliif taʼuu dandaʼa?
14 Ijoolleen keessan karaa hafuuraa guddina argisiisuu yoo baatan, kanarrayyuu darbee amantiisaanii shakkuu yoo jalqabanoo maal gootu? Yihowaadhaaf jaalala akka qabaataniifi wanta inni hojjete hunda akka dinqisiifatan isaan barsiisuuf carraaqqii godhaa. (Mul. 4:11) Yeroo qophaaʼoo taʼanitti Waaqayyoon waaqeffachuuf ofiisaaniitii murteessuu ni dandaʼu.
15 Hamma yeroo sanaatti garuu, ijoolleen keessan amantiisaaniirratti shakkii akka qaban yoo dubbatanoo? Isaan tiksuu, akkasumas Yihowaa tajaajiluun karaa jireenyaa hundarra caaluufi gammachuu dhuma hin qabne argamsiisu taʼuusaa akka hubatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Shakkiin isaanitti kan uumame maaliif akka taʼe beekuuf yaalaa. Fakkeenyaaf, ilmi keessan barumsi Macaafa Qulqulluu sirrii akka hin taane yaadamoo, waaʼee dhugaa Macaafa Qulqulluu hiriyootasaa duratti dubbachuu waan sodaatuufidha? Intalli keessanoo ajajni Waaqayyoo faayidaa kan qabu taʼuusaa shakkitimoo, kophummaatu ykn warri kaan akka ishee jibban isheetti dhagaʼama?
Karaasaaniirratti isaan qajeelchaa (Keeyyata 13-18 ilaali)
16, 17. Warri ijoolleensaanii dhugaa kan ofiisaanii akka godhatan karaawwan kamiin gargaaruu dandaʼu?
16 Sababiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe, wanta shakkiin akka isaanitti uumamu godhe akka hubatan isaan gargaaruu ni dandeessu. Akkamitti? Warri baayʼeen malli hojiirra ooluu dandaʼuufi buʼa qabeessa taʼee argatan, ijoolleesaanii gaaffilee armaan gadii isaan gaafachuudhaan miirasaanii hubachuuf yaaluudha: “Kiristiyaana taʼuukeetti maaltu sitti dhagaʼama? Dhuunfaadhaan buʼaa maalii argatte? Aarsaa maalii si kaffalchiisa? Buʼaawwan hedduun amma arganneefi gara fuulduraatti abdannu aarsaa nuti kaffallurra kan caalan taʼuusaa hubatteettaa? Akkamitti?” Gaaffilee kana akka waan isaan qorachaa jirtanitti utuu hin taʼiin, jecha ofii keessaniitiin, gaarummaadhaan akkasumas karaa namatti toluun gaafachuu akka qabdan beekamaadha. Yeroo waliin haasoftanitti Maarqos 10:29, 30rratti mariʼachuu ni dandeessu. Ijoolleen tokko tokko, waraqaa tokkorratti gara tokkoon buʼaa argatan gara isa kaaniinimmoo aarsaa kaffalan barreessuu barbaadu taʼa. Kana gochuunsaanii, rakkinasaanii akka adda baafataniifi furmaata argachuuf carraaqqii akka godhan isaan gargaara. Namoota fedhii qaban, kitaabota Barumsa Macaafa Qulqulluu akkasumas “Jaalala Waaqayyoo” jedhaman ni qayyabsiisna erga taʼee, ijoollee keenyaa wajjin immoo caalaatti akkas gochuu qabna! Akkas gochaa jirtuu?
17 Yeroo booda ijoolleen keessan eenyuun akka tajaajilan ofiisaaniitii murteessu. Amantiin keessan karaa taʼe tokkoon ijoollee keessanitti akka darbu gootanii hin yaadinaa. Dhugaa kan ofiisaanii godhachuu qabu. (Fak. 3:1, 2) Ijoolleen keessan kana gochuun yoo isaan rakkise, maaliif duubatti deebitanii barumsa buʼuuraa isaan hin barsiistan? Gaaffilee armaan gadii akka of gaafatan gochuudhaan amantiisaanii akka qoran isaan gargaaraa: “Waaqayyo jiraachuusaa akkamittan beeka? Waaqayyo bakka guddaa akka naaf kennu kan naa mirkaneessu maalidha? Ulaagaaleen Yihowaa na fayyadu jedhee kanan amanu maaliifi?” Warra kan taatan, obsaan ijoollee keessan qajeelchuudhaan tiksee gaarii taʼuu keessan argisiisaa. Karaan jireenyaa hunda caalu Yihowaa tajaajiluu akka taʼe akka mirkaneeffataniif ijoollee keessan gargaaraa.c—Rom. 12:2.
18. Warri fakkeenya Yihowaa isa Tiksee Guddicha taʼee hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
18 Kiristiyaanonni dhugaan hundi fakkeenya Tiksee Isa Guddichaa hordofuu barbaadu. (Efe. 5:1; 1 Phe. 2:25) Keessumaa warri, bushaayeensaanii jechuunis, ijoolleensaanii jaalatamoo taʼan akkamitti akka jiran beekuu, akkasumas gara eebba Yihowaan isaaniif qopheesseetti isaan qajeelchuuf wanta dandaʼan hunda gochuu qabu. Kanaaf, dhugaa keessatti akka guddataniif carraaqqii gochuu keessan itti fufuudhaan ijoollee keessan tiksaa!
a Yaada dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 1, 2008, fuula 22-24 ilaali.
b Oddeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2009, fuula 29-31rraa mataduree, “Waaqeffannaan Maatii Badiisarraa Ooluuf Murteessaadha!” jedhu ilaali.
c Yaanni kun Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa 2012, fuula 12-15rratti caalaatti ibsameera.