Yihowaan Gaaʼela Keessan Isinii Haa Jabeessu Haa Eegus
“Waaqayyo mandara tokko yoo eeguu dhaabaate, namni isa eegu akkasumaan eegaa bula.”—FAR. 127:1b.
1, 2. (a) Israaʼeloonni 24,000 taʼan eebba gammachiisaa isaaniif qophaaʼe kan dhaban maaliifi? (b) Seenaan kun nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
SABNI Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii yeroo muraasa dura, dhiironni kuma kudhaniin lakkaaʼaman ‘dubartoota Moʼaabii wajjin ejja’ raawwatan. Kana irraan kan kaʼes, namoonni 24,000 harka Yihowaatiin ajjeefamaniiru. Mee yaadaa, Israaʼeloonni dhaalli isaan waggoota hedduudhaaf eeggachaa turan isaaniif raawwatamuuf jedha ture; isaan garuu qorumsaan kufuu isaaniitiin eebba baayʼee gammachiisaa taʼe kana dhabaniiru.—Lak. 25:1-5, 9.
2 Seenaan baayʼee gaddisiisaa taʼe kun, “nuyi warra dhumni barichaa irra gaʼeef immoo barumsa akka nuuf taʼuuf caafame.” (1 Qor. 10:6-11) Yeroo harʼaa dhuma “guyyoota gara dhumaa” kana keessatti, tajaajiltoonni Yihowaa addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatetti baayʼee dhihaataniiru. (2 Xim. 3:1; 2 Phe. 3:13) Haa taʼu malee, haala nama gaddisiisuun waaqeffattoonni Yihowaa tokko tokko qorumsaaf moʼamaniiru. Kiyyoo ejjaatiin kan qabaman siʼa taʼu, buʼaa gaddisiisaa gochi kun fidu haamuufis dirqamaniiru. Warri akkasii eebba isa bara baraa illee dhabuu dandaʼu.
3. Hiriyoonni gaaʼelaa qajeelfamnii fi eegumsi Yihowaa kan isaan barbaachisu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
3 Addunyaa ejjaan guutame kana keessatti, carraaqqiin isaan gaaʼela isaanii eeggachuuf godhan akka milkaaʼuuf, abbootiin manaa fi haadhotiin manaa qajeelfamnii fi eegumsi Yihowaa isaan barbaachisa. (Faarfannaa 127:1 dubbisi.) Hiriyoonni gaaʼelaa garaa isaanii eeggachuudhaan, Yihowaatti dhihaachuudhaan, namummaa isa haaraa uffachuudhaan, qunnamtii gaarii qabaachuudhaan, akkasumas dirqama gaaʼelaa raawwachuudhaan gaaʼela isaanii akkamitti cimsuu akka dandaʼan ilaalla.
GARAA KEESSAN EEGGADHAA
4. Kiristiyaanota tokko tokko ejja raawwachuutti kan isaan geesse maali dha?
4 Kiristiyaanni tokko ejja raawwachuuf qoramuu kan dandaʼu akkamitti? Qorumsi akkasii yeroo baayʼee ija irraa jalqaba. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedheera. (Mat. 5:27, 28; 2 Phe. 2:14) Kiristiyaanonni qorumsa kanaan kufan hedduun, poornoogiraafii ilaaluudhaan, barreeffamoota fedhii saalaa kakaasan dubbisuudhaan ykn wantoota nama qaanessan intarneetii irratti ilaaluudhaan ejjennoo gama kanaan qaban laaffisanii turan. Warri kaan immoo fiilmiiwwan, argisiisawwan waltajjii fi sagantaalee televijinii gochi gadhiisii irratti mulʼatu ilaalanii turan. Tokko tokko immoo mana daansii, bakka qullaa itti sirban, akkasumas bakka maasaajiin fedhii saalaa kakaasu itti raawwatamu deemanii turan.
5. Garaa keenya eeggachuu kan qabnu maaliifi?
5 Tokko tokko immoo nama hiriyaa gaaʼelaa isaanii hin taanee irraa xiyyeeffannaa argachuuf yaaluun isaanii qorumsaan akka moʼaman isaan godheera. Addunyaa of toʼachuun keessa hin jirree fi gocha gadhiisii kam iyyuu raawwatu kana keessatti, garaan keenya inni jalʼaanii fi nama gowwoomsu salphumatti nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taaneef fedhii addaa akka qabaannu nu gochuu dandaʼa. (Ermiyaas 17:9, 10 dubbisi.) Yesus, “Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa baʼao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa [dha]” jedheera.—Mat. 15:19.
6, 7. (a) Garaan nama gowwoomsu gocha akkamiitti nama geessuu dandaʼa? (b) Haalli gaddisiisaan akka hin uumamne kan nu gargaaruu dandaʼu maali dha?
6 Fedhiin dogoggoraa garaa isaanii isa jalʼaa keessatti uumamnaan, namoonni walitti dhufeenya addaa uuman lama, yaada hiriyaa gaaʼelaa isaanii qofa mariisisuu qaban waliin haasaʼuu jalqabuu dandaʼu. Sana booda daddabalanii wal arguudhaaf haala mijeessuu, akkasumas akka tasaa waan wal argan fakkeessuudhaan yeroo baayʼee waliin taʼuu jalqabu. Miirri isaan waliif qaban cimaa yeroo deemu, ejjennoon isaan ejja ilaalchisee qaban laafaa deema. Walitti dhufeenyi isaanii caalaatti cimaa yeroo deemu, wanti gochaa jiran dogoggora taʼuu isaa kan beekan taʼus, haala kana dhaabuun caalaatti ulfaataa itti taʼa.—Fak. 7:21, 22.
7 Fedhiin sirrii hin taanee fi yaadni isaan wal jijjiiran yeroo booda harka wal qabachuutti, wal dhungachuutti, karaa fedhii saalaa kakaasuun wal qaqqabuu fi ibsawwan jaalalaa kan biroo, silaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin qofa raawwachuu qabanitti yeroo guddatu karaa hafuuraa jabinni isaan qaban ni bada. Dhuma irratti ‘kajeellaa [“hawwii,” NW] ofii isaanii isa hamaadhaan harkifamanii qabamu.’ Hawwiin gochatti yeroo jijjiiramu immoo, “cubbuu in dhala,” jechuunis ejja raawwatu. (Yaq. 1:14, 15) Haalli kun baayʼee nama gaddisiisa! Lamaan isaanii iyyuu jalqaba irratti Yihowaan kabaja isaan qulqullummaa gaaʼelaatiif qaban akka isaaniif jabeessu heyyamaniiru utuu taʼee, haalli gaddisiisaan akkasii akka hin uumamne gochuu ni dandaʼu turan. Garuu akkas gochuun kan dandaʼamu akkamitti?
YIHOWAATTI DHIHAADHAA
8. Michuu Yihowaa taʼun gocha dogoggoraa akka hin raawwanneef eegumsa kan nuu taʼu akkamitti?
8 Faarfannaa 97:10 dubbisi. Michuu Yihowaa taʼuun gocha dogoggoraa irraa nu eega. Waaʼee amalawwan Yihowaa yeroo barannu, ‘akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu’ fi ‘jaalalatti jiraachuuf’ carraaqqii goona; kun immoo ‘halalummaa fi xuraaʼummaa hunda’ irraa fagaachuuf nu gargaara. (Efe. 5:1-4) Hiriyoonni gaaʼelaa, ‘Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf akka jiru’ waan beekaniif, gaaʼelli isaanii ulfina kan qabuu fi xuraaʼummaa irraa kan fagaate akka taʼu gochuuf carraaqqii cimaa godhu.—Ibr. 13:4.
9. (a) Yoseef qorumsa ejja akka raawwatuuf isa irra gaʼe moʼuu kan dandaʼe akkamitti? (b) Fakkeenya Yoseef irraa barumsa akkamii arganna?
9 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan tokko tokko, namoota Dhugaa Baatota hin taanee fi isaanii wajjin hojjetanii wajjin saʼaatii hojiitiin ala yeroo dabarsuun isaanii ejjennoo gama kanaan qaban jalaa laaffiseera. Saʼaatii hojiittis qorumsi nama mudachuu dandaʼa. Dargaggeessi miidhagaan Yoseef jedhamu haalli akkasii bakka hojii isaatti isa mudatee ture; haati manaa hojjechiisaa isaa ija ishee irra buufattee turte. Akka inni ishee wajjin ejja raawwatu gochuuf guyyaa guyyaatti yaalti turte. Dhuma irrattis “wayyaa isaa qabattee, ‘Anaa wajjin ciisi!’ ittiin jette.” Yoseef garuu baqatee harkaa baʼe. Haala nama qoru akkasii keessatti ejjennoo isaatiin akka itti fufu kan isa gargaare maali dha? Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu isa qulqullummaa fi amanamummaa isaa isaaf eegu akka hin dhabneef murteessee kan ture taʼuu isaa ti. Ejjennoo isaa kanaan kan kaʼe, hojii isaa kan dhabee fi dabaan kan hidhame taʼus Yihowaan isa eebbiseera. (Uma. 39:1-12; 41:38-43) Bakka hojiittis taʼe bakka kan biraatti, Kiristiyaanonni nama hiriyaa gaaʼelaa isaanii hin taanee wajjin haala isaan qoruu dandaʼu keessatti argamuu irraa of eeguu qabu.
NAMUMMAA HAARAA UFFADHAA
10. Namummaa haaraa uffachuun eegumsa akkamii nuu godha?
10 Namummaan haaraan, ‘qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti fakkaattii Waaqayyootiin waan uumameef,’ hiriyoonni gaaʼelaa karaa hafuuraa jabina akka qabaataniif baayʼee barbaachisaa dha. (Efe. 4:24) Warri namummaa haaraa kana uffatan, “halalummaa fi xuraaʼummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata” wajjin haala wal qabateen kutaa dhagna isaanii ‘ni ajjeesu.’ (Qolosaayis 3:5, 6 dubbisi.) Jechi “ajjeesaa” jedhu fedhii foonii sirrii hin taane moʼuudhaaf tarkaanfii cimaa fudhachuu akka qabnu argisiisa. Wanta nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taaneef fedhii addaa akka qabaannu godhu akkamii irraa iyyuu fagaachuu qabna. (Iyo. 31:1) Fedha Yihowaa wajjin wal simnee yeroo jiraannu, ‘waan hamaa jibbuu’ fi ‘wanta gaarii taʼetti qabamnee jiraachuu’ ni dandeenya.—Rom. 12:2, 9.
11. Namummaan haaraan gaaʼela kan cimsu akkamitti?
11 Namummaan haaraan ‘fakkaattii isa isa uumee,’ jechuunis fakkaattii Yihowaa calaqqisiisa. (Qol. 3:10) Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa, “araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas” uffachuudhaan ejjennoo ejja irraa fagaachuuf qaban yeroo cimsan eebba hedduu argatu! (Qol. 3:12) ‘Nagaan Kristos garaa isaanii keessatti yeroo moʼus’ gaaʼela isaanii keessatti tokkummaa cimaa qabaatu. (Qol. 3:15.) Hiriyoonni gaaʼelaa ‘hoʼisanii wal jaallachuun’ isaanii buʼaa hedduu isaaniif argamsiisa. ‘Walii isaaniitiif ulfina kennuudhaaf’ yeroo “wal dorgoman” ykn dursa fudhatan gammachuu argatu.—Rom. 12:10.
12. Amalawwan gaaʼelli gammachuu akka qabaatuuf barbaachisoo taʼan kam faʼi jettee yaadda?
12 Siid amaloonni gammachuu gaaʼelaatiif gumaacha godhan kamfaa akka taʼan yeroo gaafatametti, “Jaalalli amala isa guddaa nuti yeroo hunda qabaachuuf carraaqqii goonu dha. Garraamummaanis baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa hubanneera” jedheera. Haati manaa isaa Sooniyeenis yaada isaa irratti kan walii galtu siʼa taʼu isheenis, “Gaarummaan amala baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Kana malees, yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, amala gad of deebisuus argisiisuuf ni yaalla” jetteetti.
QUNNAMTII GAARII QABAADHAA
13. Wanti nageenya gaaʼelaatiif buʼuura taʼe maali dha? Maaliif?
13 Kabajaan waliin haasaʼuun, wantoota nageenya gaaʼelaatiif buʼuura taʼan keessaa tokko akka taʼe beekamaa dha. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko, kabaja nama matumaa hin beekne tokkoof argisiisan illee walii isaaniitiif kan hin argisiisne taʼuun isaa baayʼee nama gaddisiisa! “Hadhaaʼummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun” gaaʼela keessa jiraannaan, suutuma suuta walitti dhufeenya hiriyoota gaaʼelaa laaffisa. (Efe. 4:31) Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo hunda wal ceephaʼuudhaan ykn dubbii miira namaa miidhu walitti dubbachuudhaan gaaʼela isaanii miidhuu mannaa, kan waliif tolanii fi kan garaa waliif laafan taʼuudhaan walitti dhufeenya isaanii cimsuu qabu.—Efe. 4:32.
14. Gocha akkamii irraa fagaachuu qabna?
14 Macaafni Qulqulluun, “Calluma jechuun yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:7) Kana jechuun garuu waliin ooduu qabna jechuu miti; waliin ooduun qunnamtiin barbaachisaa taʼe akka hin jiraanne godha. Haati manaa Jarmanii jiraattu tokko, “Haala akkasii keessatti callisuun hiriyaa gaaʼelaa keessan miidha” jetteetti. Haa taʼu malee itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Rakkinni yeroo uumamu tasgabbaaʼuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, miirri gaariin akka isinitti dhagaʼamuuf qofa aarii keessan ibsuun gaarii miti. Taʼuu baannaan garuu, miiraan oofamtanii wanta hiriyaa gaaʼelaa keessan miidhu dubbachuu ykn gochuu dandeessu, kun immoo rakkinicha itti caalchisuudhaan alatti faayidaa hin qabu.” Abbaan manaa fi haati manaa walitti iyyuudhaan ykn waliin ooduudhaan rakkina isaanii furuu hin dandaʼan. Kanaa manaa walitti buʼuun amala akka isaanitti hin taane gochuudhaan ykn gara lola cimaatti akka hin jijjiiramne gochuudhaan gaaʼela isaanii jabeessuu ni dandaʼu.
15. Qunnamtii gaariin gaaʼela kan cimsu akkamitti?
15 Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo fudhatanii miiraa fi yaada isaanii yommuu waliif ibsan gaaʼelli isaanii ni cima. Akkaataan wanta tokko itti dubbannu akkuma wanta dubbannuu iddoo guddaa qaba. Kanaaf, haala rakkisaa keessatti illee sagalee keessanis taʼe jechoota itti fayyadamtan irratti of eeggachuudhaan, wanta dubbattan kabajaan dubbachuuf carraaqqii godhaa. Akkas gochuun keessan hiriyaan gaaʼelaa keessan isin dhaggeeffachuun akka itti salphatu godha. (Qolosaayis 4:6 dubbisi.) Abbaan manaa fi haati manaa jechoota nama jajjabeessanii fi faayidaa qabanitti yeroo fayyadaman, qunnamtii gaarii waan qabaataniif gaaʼelli isaanii ni cima.—Efe. 4:29.
Abbaan manaa fi haati manaa qunnamtii gaarii qabaachuudhaan gaaʼela isaanii cimsuu ni dandaʼu (Keeyyata 15 ilaali)
DIRQAMA GAAʼELAA RAAWWADHAA
16, 17. Hiriyoonni gaaʼelaa miiraa fi qunnamtii saalaa wajjin haala wal qabateen fedhii hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif xiyyeeffannaa kennuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
16 Hiriyoonni gaaʼelaa fedhii hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif dursa kennuudhaan, wanta hiriyaa gaaʼelaa isaanii gammachiisu kan godhan yoo taʼe walitti dhufeenyi isaanii ni cima. (Filp. 2:3, 4) Abbootiin manaas taʼan haadhotiin manaa, miiraa fi qunnamtii saalaa wajjin haala wal qabateen fedhii hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu qabu.—1 Qorontos 7:3, 4 dubbisi.
17 Kan nama gaddisiisu, hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko karaa garaa garaatiin jaalala isaanii walii ibsuu hin barbaadan. Dhiironni tokko tokko gama kanaan haadhotii manaa isaaniitti gaarummaa argisiisuun dhiirummaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Macaafni Qulqulluun, “Abbootiin manaa haadhotii manaa duukaa jiraattan hubachuuf yaalaa” jedha. (1 Phe. 3:7, Hiika Fiiliipsi (Ingiliffa)) Abbaan manaa dirqamni gaaʼelaa qunnamtii saalaa qofa akka hin taane hubachuu qaba. Abbaan manaa yeroo kaanis karaa garaa garaatiin jaalala isaa kan isheedhaaf ibsu taanaan, haati manaa qunnamtii saalaa isaan gidduutti raawwatamutti ni gammaddi. Lamaan isaanii iyyuu jaalalaan kakaʼanii akka waliif yaadan yeroo argisiisan, karaa miiraas taʼe karaa qaamaa fedhii walii guutuu ni dandaʼu.
18. Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa walitti dhufeenya isaanii cimsuu kan dandaʼan akkamitti?
18 Gaaʼela keessatti amanamummaa dhabuuf wanti sababa taʼuu dandaʼu jiraachuu baatus, hiriyoonni gaaʼelaa jaalala walii ibsuu dhiisuun isaanii, wantoota kana nama kan biraa irraa argachuuf akka yaalan gochuu dandaʼa. (Fak. 5:18; Lal. 9:9) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun: “Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira gaʼuu [dirqama gaaʼelaa raawwachuu] wal hin didinaa” jedha. Maaliif? ‘Of toʼachuu dadhabuu keessaniin Seexanni akka isin hin qorreefi,’ (NW). (1 Qor. 7:5) Hiriyoonni gaaʼelaa Seexanni “of toʼachuu dadhabuu” isaaniitti fayyadamee, qorumsaaf moʼamanii ejja akka raawwatan akka isaan godhu yoo heyyaman baayʼee nama gaddisiisa! Haala kana irraa faallaa taʼeen, hiriyoonni gaaʼelaa lamaan, “waan [isaanitti] tolu utuu hin taʼin, waan nama kan biraatti tolu” barbaaduu qabu; dirqama gaaʼelaa kan raawwataman dirqamni waan isaan irra jiruuf utuu hin taʼin jaalalaan kakaʼanii yoo taʼe, jaalala isaanii karaa garaa garaatiin walii ibsuun isaanii walitti dhufeenya isaanii cimsa.—1 Qor. 10:24.
GAAʼELA KEESSAN EEGUU KEESSAN ITTI FUFAA
19. Maal gochuuf murteessuu qabna? Maaliif?
19 Lafa haaraa qajeelummaan keessa guutetti baayʼee dhihaanneerra. Kanaaf, fedhii fooniitiif moʼamuun akkuma Israaʼeloota 24,000 Dachaa Mooʼaab keessatti dhumanii nuunis haalli gaddisiisaan akka nu mudatu gochuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun seenaa yeellaasisaa fi gaddisiisaa taʼe kana erga ibsee booda, “Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!” jechuudhaan akeekkachiisa kenneera. (1 Qor. 10:12) Kanaaf, Abbaa keenya isa samiitiif, akkasumas hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf amanamoo taʼuudhaan, gaaʼela keenya jabeessuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! (Mat. 19:5, 6) Yeroo kam iyyuu caalaa yeroo harʼaatti ‘warra xurii fi mudaa hin qabne taanee, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaannee akka argamnuuf dhamaʼuu’ qabna.—2 Phe. 3:13, 14.