LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 4/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duʼa Yesus Haala Akkamiitiin Yaadachuu Qabna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • ‘Kana Yaadannoo Kootiif Godhadhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiruufi Wanta Lafarra Jiru Walitti Qabuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Yihowaa fi Ilmasaa Yaadachuu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 4/1 ful. 16

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Duʼa Yesus Yaadachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Happy people enjoying life on a paradise earth

Duuti yesus gara fuulduraatti maaltu akka raawwatamu godha? —isaayaas 25:8; 33:24

Yesus kan duʼe jireenyi ilmaan namootaa kaayyoo jalqaba itti uumamanitti akka deebiʼu gochuuf waan taʼeef, duuti isaa seenaa keessatti bakka guddaa kan qabu dha. Namni jalqaba kan uumame wantoota gadhee akka raawwatu, akka dhukkubsatu ykn akka duʼuuf hin turre. (Uumama 1:31) Haa taʼu malee cubbuun karaa nama isa jalqabaa, jechuunis karaa Addaamiin dhufuu dandaʼeera. Yesus cubbuu fi duʼa irraa nu oolchuuf lubbuu isaa aarsaa godheera.—Maatewos 20:28; Roomaa 6:23 dubbisi.

Waaqayyo Ilma isaa gara lafaatti ergee akka nuuf duʼu gochuudhaan jaalala guddaa nuuf qabu nutti argisiiseera. (1 Yohannis 4:9, 10) Yesus maxinoo fi wayiniitti fayyadamuudhaan qophii salphaa taʼe erga qopheessee booda duuka buutonni isaas akkasuma gochuudhaan akka isa yaadatan itti himeera. Waggaa waggaadhaan akkas gochuun keenya karaa dinqisiifannaa jaalala Waaqayyoo fi Yesus nutti argisiisaniif qabnu itti mulʼisnu dha.—Luqaas 22:19, 20 dubbisi.

Maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu kan qaban eenyufaʼi?

Yesus bartoonni isaa duʼa isaa akka yaadatan yommuu isaanitti himetti, waaʼee kakuu ykn walii galtee dubbatee ture. (Maatewos 26:26-28) Namoonni murtaaʼan samii irratti isaa wajjin moototaa fi luboota taʼanii akka bulchan abdii isaaniif kenneera. Ayyaana duʼa Yesus irratti kan argaman namoota miliyoonaan lakkaaʼaman taʼus, maxinoo fi wayinii irraa kan hirmaatan namoota kakuun kun galameef qofa dha.—Mulʼata 5:10 dubbisi.

Yihowaan gara waggaa 2,000f namoota mootota taʼan filachaa tureera. (Luqaas 12:32) Lakkoofsi namoota kanaa warra lafa irra bara baraaf jiraachuuf abdii qabanii wajjin yommuu wal bira qabamu baayʼee xinnoo dha.—Mulʼata 7:4, 9, 17 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 5⁠ffaa ilaali

www.jw.org/om irrattis ni argama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi