LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 4/15 ful. 32
  • Mukti Murame Deebiʼee Latuu Ni Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mukti Murame Deebiʼee Latuu Ni Dandaʼaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iyoob Abdii Duʼaa Kaʼuu Irratti Amantii Cimaa Qaba Ture
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • ‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 4/15 ful. 32
Muka muramee deebiʼee late

Mukti Murame Deebiʼee Latuu Ni Dandaʼaa?

GAATTIRAA Libaanos isa baayʼee guddaa taʼee wajjin yeroo wal bira qabamu mukti ejersaa inni ijoon itti baayʼatu qalbii namaa waan hawwatu hin fakkaatu. Haa taʼu malee, mukti ejersaa dandeettii rakkina adda addaa dandamachuu nama dinqisiisu qaba. Tokko tokko umriin isaanii waggaa 1,000 akka taʼe tilmaamama. Hiddi muka ejersaa baayʼee kan babalʼatu taʼuun isaa gufuun isaa yoo balleeffame illee deebiʼee latuuf isa dandeessisa. Hiddi isaa hamma hin gognetti, deebiʼee ni lata.

Iyoob inni abbaa amantii taʼe yoo duʼe illee deebiʼee akka jiraatu ni amana ture. (Iyo. 14:13-15) Dandeettii Waaqayyo duʼaa isa kaasuuf qabu ibsuuf mukatti fayyadameera; tarii mukti inni itti fayyadame muka ejersaa taʼuu hin oolu. Iyoob “Mukti yoo murame iyyuu deebiʼee waan latuuf . . . abdii qaba” jedheera. Ongee cimaa booda bokkaan yeroo roobu, gufuun muka ejersaa gogee ture deebiʼee lubbuu kan godhatu siʼa taʼu, hiddi isaa latee “akka biqiltuu haaraas damee in baasa.”—Iyo. 14:7-9.

Akkuma qonnaan bulaan tokko mukti ejersaa murame tokko latee arguuf hawwu, Waaqni keenya Yihowaanis tajaajiltoota isaas taʼe namoota kan biraa hedduu deebisee jiraachisuuf ni hawwa. (Mat. 22:31, 32; Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15) Namoota duʼaa kaʼan simachuunii fi deebiʼanii jireenya gammachiisaa yeroo jiraatan arguun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi