Yaadni Keessan Utuu Hin Hihhiramin Yihowaa Tajaajilaa
‘Maariyaam dubbii Yesus dhaggeeffachaa turte. Maartaan hojii mana keessaatti qabamtee turte.’—LUQ. 10:39, 40.
1, 2. Yesus Maartaa kan jaallate maaliifi? Haa taʼu malee, wanti Maartaan cubbuu kan dhaalte taʼuu ishee argisiisu maali dha?
WAAʼEE Maartaa ishee Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamtee yeroo yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Dubartoota Yesus akka jaallatu ibsaman keessaa maqaadhaan kan caqasamte ishee qofa taatus, Yesus dubartoota Waaqayyoon sodaatan, kan akka haadha isaa Maariyaamii fi Maariyaam ishee obboleettii Maartaa taateefis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaba ture. (Yoh. 11:5; 19:25-27) Maartaan seenaa Wangeelaa keessatti haala kanaan kan ibsamte maaliifi?
2 Yesus Maartaa kan jaallate waan isheen keessummaa simattuu fi ciminaan hojjettuuf qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas cimtuu waan taateef akka taʼe hin shakkisiisu. Maartaan barumsawwan Yesusitti garaadhaa ni amanti turte. Yesus Masiihicha isa abdachiifame akka taʼe ni amanti turte. (Yoh. 11:21-27) Taʼus akkuma keenya isheenis cubbuu kan dhaalte turte. Yeroo tokko Yesus mana isheetti afeeramee utuu jiruu, haala yeroo sana turee fi akka ilaalcha isheetti dogoggora taʼe sirreessuu akka qabu Yesusitti himtee turte. Maartaan Yesusiin, “Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!” jette. (Luqaas 10:38-42 dubbisi.) Seenaa kana irraa maal baranna?
YAADNI MAARTAA HIHHIRAMEE TURE
3, 4. Maariyaam “qooda gaarii” kan filatte akkamitti? Maartaan hoo maal barattee taʼuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
3 Maariyaamii fi Maartaan isa simachuun isaanii, Yesus dhugaawwan gati jabeessa taʼan akka isaan barsiisu isa kakaasee ture. Maariyaam carraa kanatti fayyadamtee wanta Barsiisaan Guddichi dubbatu dhaggeeffachaa turte; “miilla gooftichaa jala teessee, dubbii isaa dhaggeeffachaa turte.” Maartaanis akkas gochuu ni dandeessi turte. Yesus, Maartaan xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffatteetti utuu taʼee akka ishee galateeffatu beekamaa dha.
4 Haa taʼu malee, Maartaan nyaata addaa qopheessuu fi Yesus akka itti toluuf hojii mana keessaa kan biraa hojjechuutti qabamtee turte. Garuu, hojiin kun hundi dhiphina hin barbaachisne kan itti fide siʼa taʼu, Maariyaamittis aartee turte. Yesus, Maartaan akka hojii ofitti baayʼiste hubatee, “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baayʼeettis hammacamta” isheedhaan jedhe. Achiis nyaanni bifni tokko qofti gaʼaa akka taʼe itti hime. Sana booda Yesus, xiyyeeffannaa isaa gara Maariyaam gochuudhaan, “Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana foʼatte” jechuudhaan wanta akka isheen balleessaa hin qabne argisiisu dubbate. Maariyaam nyaata guyyaa addaa sanatti nyaatte utuu baayʼee hin turin irraanfattee taʼuu dandaʼa; taʼus, galataa fi nyaata hafuuraa Yesusiin sirriitti dhaggeeffachuu isheetiin argatte yoom iyyuu hin irraanfattu. Waggaa 60 booda Yohannis ergamaan, “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, . . . in jaallata ture” jedhee barreesseera. (Yoh. 11:5) Yaada hafuura qulqulluudhaan barreeffame kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Maartaan sirreeffama Yesus jaalalaan kakaʼee isheedhaaf kenne fudhachuudhaan sana booda amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii gooteetti.
5. Barri keenya bara durii wajjin yeroo wal bira qabamu maal fakkaata? Kun hoo gaaffii akkamii kaasa?
5 Wanta yaada namaa hihhiru ilaalchisee addunyaan amma keessa jiraachaa jirru bara Macaafa Qulqulluu wajjin yeroo wal bira qabamu maal fakkaata? Yaadni waggaa 60 dura barattoota Yunaayitid Isteetisitti argamanitti himame tokko akkana jedha: “Seenaa keessatti ilmaan namootaa akka yeroo ammaa meeshaalee wal qunnamtii ammayyaawaa taʼan, meeshaalee maxxansaa saffisa qaban, barruulee fakkiiwwan nama hawwatan qaban, raadiyoo, fiilmii, televijiinii qabaatanii hin beekan. . . . Guyyaa guyyaatti wanta haaraa yaada keenya hihhiru nutti roobsu . . . Yeroo muraasa dura, yeroon keenya ‘Bara Beekumsaa’ akka taʼu yaadama ture. Haa taʼu malee caalaatti ‘Bara Yaada Namaa Hihhiru’ taʼaa jira.” Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1958, “Yeroo badiisni addunyaa kanaa caalaatti dhihaachaa deemu wantoonni yaada namaa hihhiran baayʼachuun isaanii hin oolu” jedhee ture. Kun dhugaa dha. Haa taʼu malee, gaaffiin barbaachisaa taʼe tokko ni kaʼa: Wantoota utuu hin barbaachisin yaada keenya hihhiran of irraa ittisuudhaan akka Maariyaam wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuuf maal gochuu dandeenya?
GUUTUMMAATTI UTUU HIN TAʼIN HAMMA TOKKO BIYYA LAFAATTI FAYYADAMUU
6. Sabni Yihowaa teknoolojii addunyaatti akka gaariitti kan fayyadaman akkamitti?
6 Kutaan jaarmiyaa Waaqayyoo inni lafa irraa waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf teknooloojii addunyaatti akka gaariitti fayyadamaa jira. Fiilmii “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu; fiilmiin kun fakkii halluu fi sagalee wajjin qindaaʼuudhaan qophaaʼe ture. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa duraa fi yeroo waraanichaatti, fiilmii waaʼee Bulchiinsa Barkumee Yesus Kiristos isa naga qabeessa taʼee ibsuudhaan xumuramu kana irraa jajjabina argataniiru. Yeroo booda, ergaan Mootummichaa raadiyoodhaan kan tamsaʼe siʼa taʼu, addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhagaʼuu dandaʼaniiru. Yeroo harʼaa, teknoolojiin kompiitaraa fi Intarneetiin namoota naannoowwan fagoo dabalatee iddoo hundumaatti argamanitti misiraachicha himuuf dandeessiseera.
Wantoonni barbaachisaa hin taane sochiiwwan hafuuraa kee akka si jalaa tuqan hin heyyamin(Keeyyata 7 ilaali)
7. (a) Biyya lafaatti baayʼee fayyadamuun balaa qaba kan jennu maaliifi? (b) Wanti caalaatti nu yaaddessu maal taʼuu qaba? (Miiljalee ilaali.)
7 Macaafni Qulqulluun akka akeekkachiisutti, wanta biyyi lafaa dhiheessutti guutummaatti fayyadamuun balaa qaba. (1 Qorontos 7:29-31 dubbisi.) Kiristiyaanni tokko wantoota dogoggora hin taane kan akka wanta yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallatuu, wantoota isa bashannansiisan dubbisuu, televijiinii ilaaluu, iddoowwan namatti tolan daawwachuu, wantoota gurgurtaadhaaf dhihaatan ilaaluu fi meeshaalee elektirooniksii ammayyaa hordofuu irratti yeroo dheeraa balleessuu dandaʼa. Weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun, ergaa barreessuun, iimeelii barreessuun akkasumas oduuwwanii fi sochiiwwan ispoortii haaraa taʼan yeroo hunda hordofuun yeroo keenya gubuu, darbees barsiifata nutti taʼuu dandaʼu.a (Lal. 3:1, 6) Yeroo wantoota barbaachisaa hin taane irratti dabarsinu hin daangessinu taanaan, wantoonni kun wanta waan hunda caalu jechuunis waaqeffannaa Yihowaa akka dagannu gochuu dandaʼu.—Efesoon 5:15-17 dubbisi.
8. Gorsi wanta biyya lafaa keessa jiru akka hin jaallanne nuu kenname baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
8 Seexanni addunyaan isaa kan nama hawwatuu fi kan yaada namaa hihhiru akka taʼu godheera. Jaarraa jalqabaatti kun dhugaa kan ture siʼa taʼu, yeroo harʼaa immoo itti caaleera. (2 Xim. 4:10) Kanaafuu gorsa, “Waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa” jedhu dhagaʼuu qabna. Yeroo hunda gorsa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan, yaadni keenya akka hin hihhiramne gochuu fi jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Kunis, fedha Waaqayyoo raawwachuu fi bara baraaf isa duratti fudhatama qabaachuun salphaa akka nuuf taʼu godha.—1 Yoh. 2:15-17.
IJA FAYYAA QABAADHAA
9. Yesus waaʼee ija keenya isa hafuuraa maal jedhe? Fakkeenya kan nuuf taʼe hoo akkamitti?
9 Gorsi Yesus gaarummaadhaan kakaʼee Maartaadhaaf kenne barumsaa fi fakkeenyummaa isaa wajjin guutummaatti kan wal simu dha. Yaadni isaanii utuu hin hihhiramin mootummicha dursuudhaaf karaa hafuuraa “ija fayyaa” akka qabaatan duuka buutota isaa jajjabeessee ture. (Maatewos 6:22, 33 dubbisi.) Yesusitti qabeenyi baʼaa itti hin taane; manas taʼe lafa hin qabu ture.—Luq. 9:58; 19:33-35.
10. Yesus yeroo tajaajila isaa jalqabetti fakkeenya akkamii nuu kaaʼeera?
10 Yeroo Yesus tajaajilaa turetti wantoonni yaada isaa hihhiruu dandaʼan uumamanii kan turan taʼus, wantoota kanaan hin moʼamne. Yeroo tajaajila isaa jalqabetti Qifirnaahomitti namoota hedduu erga barsiisee fi dinqiiwwan erga raawwatee booda, namoonni akka inni magaalaa isaaniitii hin deemne isa kadhatanii turan. Haa taʼu malee, Yesus gaaffii nama gowwoomsu kanaaf deebii akkamii kenna laata? “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:42-44) Yesus wanta dubbate kanaa wajjin haala wal simuun guutummaa Phaalasxiinaatti lallabeera, akkasumas barsiiseera. Mudaa kan hin qabne taʼus, wanti namoota kaan barbaachisu isa barbaachisa; akkasumas, yeroo tokko tokko Waaqayyoon tajaajiluudhaan yeroo dheeraa dabarsuu isaatiin kan kaʼe akkuma namoota kaanii dadhabbii cimaan itti dhagaʼama ture.—Luq. 8:23; Yoh. 4:6.
11. Yesus namicha maatii isaa gidduu walitti buʼiinsi ture tokkoon maal jedhe? Yesus akeekkachiisa akkamii kenne?
11 Yeroo tokko Yesus duuka buutonni isaa mormii isaan irra gaʼu akkamitti moʼuu akka dandaʼan barsiisaa utuu jiruu namichi tokko dubbii isaa addaan kutee, “Yaa barsiisaa, dhaala abbaan keenya nuuf dhiisee duʼe, anaaf haa hiruuf obboleessa kootti anaaf himi!” jedheen. Yesus garuu walitti buʼiinsa kana keessa seenuu hin barbaadne. “Namicha nana, eenyutu isin lamaan gidduutti abbaa firdii taʼuutti yookiis dhaala hiruutti na foʼe?” isaan jedhe. Achiis Yesus dhimmoota fooniitiif jecha Waaqayyoon tajaajiluu irraa yaanni isaanii akka hihhiramu gochuun balaa akkamii akka qabu dhaggeeffattoota isaa akeekkachiisuudhaan barsiisuu isaa itti fufe.—Luq. 12:13-15.
12, 13. (a) Yesus duʼuu isaa yeroo muraasa dura Giriikonni tokko tokko gaaffii akkamii kaasan? (b) Yesus namoota kanaa wajjin akka wal argu yeroo Filiphos isa gaafatetti deebii akkamii kenne?
12 Torban xumuraa Yesus lafa irratti dabarse baayʼee kan isa dhiphisu ture. (Mat. 26:38; Yoh. 12:27) Hojii baayʼee qaba ture; akkasumas qorumsi nama salphisuu fi duuti isa eeggata ture. Wanta Niisaan 9, Dh.K.B. bara 33tti guyyaa Dilbataa raawwatame akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yesus akkuma raajiidhaan dubbatame ilmoo harree irra taaʼee gara Yerusaalem kan deeme siʼa taʼu, namoonni hedduun ‘Mootii ergamee maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu’ akka taʼe ibsuudhaan isa jajatan. (Luq. 19:38) Yesus guyyaa itti aanutti mana qulqullummaa seenuudhaan daldaltoota sassatoo taʼanii fi mana Waaqayyoo keessatti namoota akkuma isaanii Yihudoota taʼan irraa qarshii saamaa turan ija jabinaan ariʼe.—Luq. 19:45, 46.
13 Namoonni Giriikii Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem dhaqan tokko tokko wanta Yesus raawwate arguudhaan baayʼee dinqisiifatanii turan; achiis Yesusii wajjin akka wal argan haala akka isaaniif mijeessu Filiphosiin gaafatan. Haa taʼu malee, Yesus dhimmoota caalaatti barbaachisaa taʼan irraa yaadni isaa akka hihhiramu hin barbaadne. Harka diinota Waaqayyootti dabarfamee kennamuu jalaa ooluuf jecha beekkamtii argachuu hin barbaadne. Dhiheenyatti duʼuuf akka jedhu erga ibsee booda Indiriyaasii fi Filiphosiin akkana jedhe: “Namni jireenya isaa mararsiifatu jireenya isaa in dhaba; namni biyya lafaa kanatti jireenya isaa hin mararsiifanne garuu, jireenya bara baraatiif isa in kaaʼata.” Fedhii Giriikota sanaa guutuu mannaa amala fedhii ofii aarsaa gochuu inni argisiise hordofuun barbaachisaa akka taʼe ibsuudhaan, “Namni anaaf ergamu yoo jiraate, abbaan koo ulfina in kennaaf” jechuudhaan waadaa gale. Filiphos, namoota isa gaafatanii turan sanatti wanta Yesus jedhe kana itti himee taʼuu hin oolu.—Yoh. 12:20-26.
14. Yesus jireenya isaa keessatti hojii lallabaatiif dursa kennaa kan ture taʼus, madaallii isaa eegaa akka ture wanti argisiisu maali dha?
14 Yesus kaayyoo isaa isa guddaa, jechuunis misiraachicha lallabuu irraa yaanni isaa akka hihhiramu kan hin heyyamne taʼus, yeroo hundumaa waaʼee hojii qofa yaada ture jechuu miti. Yoo xinnaate afeerrii cidhaa tokko irratti kan argame taʼuu isaa irra iyyuu, dinqiidhaan bishaan gara wayiniitti jijjiiruudhaan gammachuu guyyaa sanaa irratti gumaacha godheera. (Yoh. 2:2, 6-10) Akkasumas, michoota isaa fi namoota gara fuulduraatti bartoota isaa taʼuu dandaʼanii wajjin affeerrii irbaataa irratti argameera. (Luq. 5:29; Yoh. 12:2) Hunda caalaa immoo Yesus kadhannaadhaaf, kophaatti xiinxaluudhaaf, akkasumas boqochuudhaaf yeroo ni ramada ture.—Mat. 14:23; Mar. 1:35; 6:31, 32.
‘WANTA BAʼAA NUTTI TAʼU HUNDUMAA OF IRRAA FUUDHUU’
15. Phaawulos gorsa akkamii kenne? Fakkeenya gaarii kan taʼe hoo akkamitti?
15 Phaawulos inni jireenya Kiristiyaana Yihowaadhaaf of murteesse tokkoo fiigicha obsa gaafatuu wajjin wal fakkeesse, ‘Kottaa wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa of irraa fuunaa’ jechuudhaan barreessera. (Ibroota 12:1 dubbisi.) Phaawulos hojii amantii Yihudootaa keessatti qabeenyaa fi beekkamtii isaaf argamsiisuu dandaʼu dhiisuudhaan wanta barsiisu hojii irra oolcheera. “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irratti xiyyeeffachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf Sooriyaa, Asiyaa Ishee Xinnoo, Maqedooniyaa fi Yihudaa keessa deddeebiʼeera. Phaawulos abdii samii irra bara baraaf jiraachuuf qabu ilaalchisee akkana jedheera: “Wantoota na duuba jiran irraanfadhee, wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha; badhaasa . . . argachuuf galma sana irra gaʼuuf carraaqaan jira.” (Filp. 1:10; 3:8, 13, 14) Phaawulos gaaʼela kan hin qabne waan tureef, carraa kanatti fayyadamuudhaan ‘yaadni isaa waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif of kennuu’ dandaʼeera.—1 Qor. 7:32-35.
16, 17. Qeentees taane gaaʼela kan godhanne fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Muuxannoo dubbadhu.
16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko akkuma Phaawulos gaaʼela godhachuu dhiisuudhaan, itti gaafatamummaan maatii utuu itti hin baayʼatin hojii Mootummichaatiif of kennuu dandaʼaniiru. (Mat. 19:11, 12) Tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela qaban yeroo baayʼee itti gaafatamummaa maatii hedduu qabaatu. Haa taʼu malee, warri qeenteenis taʼe warri gaaʼela qaban ‘wanta baʼaa itti taʼu hundumaa of irraa fuudhuudhaan’ wantoota yaada isaanii hihhiran hirʼisanii Waaqayyoon tajaajiluu dandaʼu. Kun immoo barsiifatawwan yeroo keenya guban dhiisuudhaan, galmawwan saʼaatii tajaajila Waaqayyoo irratti dabarsinu guddisuuf nu dandeessisan baafachuu kan gaafatu taʼuu dandaʼa.
17 Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Maarkii fi Kileer jedhamanii fi Weelsitti guddatan barumsa erga xumuranii booda qajeelchitoota kan taʼan siʼa taʼu, erga gaaʼela godhatanii boodas qajeelchitoota taʼanii itti fufaniiru. Maark akkana jedheera; “Mana keenya kutaa ciisichaa sadii qabu gurguruudhaan, akkasumas hojii guyyaatti saʼaatii murtaaʼeef hojjechaa turre dhiisuudhaan jireenya keenya caalaatti salphisuu dandeenyeerra; kun immoo hojii ijaarsaa addunyaa maraa irratti hirmaachuuf nu dandeessiseera.” Maarkii fi Kileer waggoottan 20 darbaniif Afriikaa keessa naannaʼuudhaan Galmawwan Mootummaa ijaaruu irratti hirmaataniiru. Yeroo tokko tokko qarshiin qabaatan muraasa kan ture taʼus, Yihowaan isaan kunuunsuu isaa itti fufeera. Kileer akkana jetteetti; “Guyyaa guyyaatti Yihowaa tajaajiluun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Iddoo deemne hundatti michoota hedduu kan arganne siʼa taʼu, wanti nutti hirʼates hin jiru. Wanti xinnoon nuti dhiisne, gammachuu yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluudhaan argamuu wajjin wal bira qabamuu iyyuu kan dandaʼu miti.” Tajaajiltoonni yeroo guutuu hedduunis muuxannoo kanaa wajjin wal fakkaatu qabu.b
18. Obboloonni tokko tokko gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuun isaan barbaachisuu dandaʼa?
18 Ati hoo? Miira hoʼaa duraan qabduun Mootummichaaf dursa kennaa akka hin jirre yoo hubatte maal gochuu dandeessa? Tarii deebiin gaaffii kanaa dubbisaa fi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kee caalaatti buʼa qabeessa gochuu irratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
a Mata duree “Namni Wallaalaan Dubbii Hundumaa Amana” jedhu ilaali.
b Akkasumas, seenaa jireenyaa Haadan Saandarsanii fi Meelodii Saandarsan mata duree, “Wanta Sirrii Taʼe Beekuu Fi Raawwachuu” jedhu irraa ilaali. (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 1, 2006 [Amaariffa]) Tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf jecha, hojii galii guddaa isaaniif argamsiisuu fi Awustiraaliyaatti hojjechaa turan dhiisaniiru. Misiyoonota taʼanii biyya Hindii keessatti yeroo tajaajilan yommuu qarshii dhabanii turanitti maaltu akka taʼe dubbisi.