Seensa
MAAL SITTI FAKKAATA?
Jireenyi addunyaa kanaa nama dhiphisa. Bakki gargaarsaa fi jajjabina itti argachuu dandeenyu jiraa?
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Abbaan gara laafinaa fi Waaqni jajjabina hundaa rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.’—2 Qorontos 1:3, 4.
Masaraan Eegumsaa kun Waaqayyo jajjabina hunda keenya barbaachisu kan nuu kennu akkamitti akka taʼe ibsa.