LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w16 Muddee ful. 29-31
  • Garraamummaa—Daandii Ogummaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garraamummaa—Daandii Ogummaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GARRAAMII TAʼUUN OGUMMAA QABAACHUU ARGISIISA
  • Garraamummaa—Amalli Kun kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • “Isin Keessaa Namni Ogeessi Hubataanis” Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Garraamota Taʼuudhaan Cimina Keessan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
w16 Muddee ful. 29-31
Dubartiin hojii kunuunsa kennuu hojjettu tokko dubartii aarteetti yommuu dubbattu

Garraamummaa Daandii Ogummaa

Antooniyaa ishiin hojii kunuunsa kennuu hojjettu, bilbila balbalaa yommuu tuqxu, dubartiin umuriin ishii gara waggaa 50 taʼu tokko balbala ishiidhaaf bante. Dubartiin kun haadha ishii ishii maanguddoo taate kunuunsuuf Antooniyaan daftee waan hin dhufne waan ishiitti fakkaateef, ni arrabsteen; akkasumas ishiitti dheekkamte. Antooniyaan garuu hin barfanne. Haa taʼu malee, dubartiin kun dogoggoraan waan ishii hubatteef, tasgabbiidhaan dhiifama ishii gaafate.

YEROO itti aanuttis, dubartiin kun aariidhaan Antooniyaatti iyyite. Antooniyaan maal goote ree? Akkana jetteetti: “Haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Na arrabsuuf sababii hin qabdu.” Haa taʼu malee, Antooniyaan ammas dhiifama erga gaafattee booda, dhiphina ishii irra gaʼaa jiru akka hubattu dubartii kanatti himte.

Ati utuu Antooniyaa taate, maal goota turte? Amala garraamummaa argisiisuuf yaalii goota turtee? Moo aarii kee toʼachuun si rakkisa ture? Dhugaa isaa dubbachuuf haala akka olitti ibsamee keessatti tasgabbaaʼuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Yeroo dhiphannu ykn yeroo aarru garraamii taʼuun baayʼee ulfaataa dha.

Taʼus Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni garraamota akka taʼan isaan jajjabeessa. Dubbiin Waaqayyoo amalli akkanaa ogummaa wajjin kan wal qabate akka taʼe ibsa. Yaaqoob, “Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu?” jedhee gaafatee ture. Achiis, “Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu” jedheera. (Yaq. 3:13) Garraamummaan ogummaa isa olii qabaachuu akka taʼe kan argisiisu karaa kamiini? Amala Waaqayyoo kana horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

GARRAAMII TAʼUUN OGUMMAA QABAACHUU ARGISIISA

Garraamummaan nama tasgabbeessa. “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”—Fak. 15:1.

Aariidhaan deebii kennuun haalli gaarii hin taane tokko akka itti caalu waan godhuuf, ibidda irratti bobaʼaa naquu wajjin wal fakkaata. (Fak. 26:21) Faallaa kanaatiin immoo, garraamummaadhaan deebisuun yeroo baayʼee tasgabbiin akka jiraatu godha. Garraamummaan namni aare tokko ilaalcha isaa akka sirreessu gochuu illee ni dandaʼa.

Antooniyaan kun dhugaa taʼuu isaa argiteetti. Dubartiin olitti ibsamte kun Antooniyaan garraamummaadhaan deebii kennuu ishii waan hubatteef ni boosse. Achiis kana kan goote rakkina dhuunfaa fi maatiitiin waan dhiphatteef akka taʼe itti himte. Antooniyaan amala tasgabbii fi nagaa qabu argisiisuu ishiitiin kan kaʼe, dubartii kanaaf kan dhugaa baate siʼa taʼu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishii jalqabsiiste.

Garraamummaan gammachuu nuuf argamsiisa. “Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.”—Mat. 5:5.

Namoonni garraamii taʼan kan gammadan maaliif? Namoonni duraan gar malee aaran hedduun garraamummaa waan uffataniif amma gammachuu qabaachuu dandaʼaniiru. Jireenyi isaanii fooyyaʼeera, gara fuulduraattis yeroo gaariin akka isaan eeggatu beeku. (Qol. 3:12) Adoolfoo inni Ispeen keessatti daawwata ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu, utuu dhugaa hin dhagaʼin dura jireenyi isaa kan akkamii akka ture dubbateera.

Adoolfoon akkana jedheera: “Jireenyi koo kaayyoo hin qabu ture. Yeroo hunda aarii koo toʼachuu hin dandaʼun ture; kanaafuu hiriyoonni koo tokko tokko illee tuffii fi aariidhaan deebii akkan kennu waan beekaniif ni sodaatu turan. Dhuma irratti yeroon itti jijjiiramu ni gaʼe. Lola tokko irratti siʼa jaʼa kanan waraaname siʼa taʼu, hamma ani duʼuu jala gaʼutti dhiigni koo gar malee yaaʼe.”

Haa taʼu malee, yeroo ammaatti Adoolfoon dubbiidhaanis taʼe fakkeenya taʼuudhaan, warri kaan garraamota akka taʼan barsiisaa jira. Namoonni hedduun miira hoʼaa fi amala gaarii qabaachuu isaatiin kan kaʼe isatti dhihaatu. Adoolfoon jijjiirama gochuu dandaʼuu isaatti akka gammadu dubbateera. Kana malees, Yihowaan amala garraamummaa akka horatu waan isa gargaareef ni galateeffata.

Namni garraamiin Yihowaa ni gammachiisa. “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!”—Fak. 27:11.

Yihowaan, diina isaa isa guddaa Diyaabilosiin arrabsamaa jira jechuun ni dandaʼama. Waaqayyo arrabsoo taʼe jedhamee godhamu akkasiitti aaruuf sababii quubsaa qaba; taʼus Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “aariitti suuta-jedhaa” akka taʼe ibsa. (Bau. 34:6) Amala Waaqayyo aariitti suuta jechuu fi garraamummaa hordofuuf yommuu carraaqnu, daandii ogummaa isa Yihowaan guddaa itti gammadu hordofaa jirra jechuu dha.—Efe. 5:1.

Addunyaan yeroo ammaa jiru hamminaan kan guutame dha. Tarii namoota ‘of jajan, of tuulan, nama arrabsan, maqaa balleessan, of hin toʼannee fi gara jabeeyyii’ taʼanii wajjin wal argina taʼa. (2 Xim. 3:2, 3) Taʼus haalli kun Kiristiyaanni tokko amala garraamummaa akka hin horanne isa dhowwuu hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo, “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . naga qabeessa, tole kan jedhu” taʼuu isaa nu yaadachiisa. (Yaq. 3:17) Naga qabeeyyii fi tole kan jennu taʼuudhaan, ogummaa Waaqayyo biraa dhufu akka qabnu argisiisuu dandeenya. Ogummaan akkasii yommuu aarrutti garraamummaadhaan deebii kennuuf nu kakaasa; akkasumas Yihowaa isa Madda ogummaa dhuma hin qabnee taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu taasisa.

Amala Garraamummaa Horachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Namni tokko aariidhaan ykn sababii malee yoo sitti dubbate, garraamummaan miira kee toʼachuu fi karaa Yihowaa gammachiisuun deebii kennuuf kan si gargaaru akkamitti? Dhugaawwan buʼuuraa armaan gadii irratti maaliif hin xiinxaltu?

  1. 1 “HAFUURA ADDUNYAA” IRRAA FAGAADHU. —1 Qor. 2:12. Namoonni baayʼeen garraamummaa agarsiisuun dadhabina akka taʼetti ilaalu. Kanaafuu, namni cimaan nama falmii jaallatuu fi dheekkamu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii kun ilaalcha hafuura addunyaa kan mulʼisudha malee, ogummaa isa olii kan argisiisu miti. Kitaabni Qulqulluun amalli garraamummaa humna guddaa kan qabu akka taʼe ifatti dubbata. “Namni obsa-qabeessi bulchaa biyyaa garaa in laaffifata, namni arraba toles lafee nama in cabsa.”—Fak. 25:15.

    Gaaffii irratti xiinxaluu qabnu:

    Garraamummaan, amala jabina argisiisu akka taʼetti moo dadhabina akka taʼettin ilaala?

    “Hojiiwwan foonii,” kanneen akka dheekkamsaa fi lola irraa fagaachuuf carraaqii gochaan jiraa? —Gal. 5:19, 20.

  2. 2 XIINXALUUF YEROO RAMADI. “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada, afaan nama jalʼaa garuu dubbii hamaa gad in jijjigsa.” (Fak. 15:28) Utuu aarree jirruu kan dubbannu yoo taʼe, tarii wanta booda itti gaabbinu dubbanna taʼa. Haa taʼu malee, dubbachuu keenya dura xiinxaluudhaan ykn irratti yaaduudhaan, yaada keenya sassaabbannee garraamummaadhaan deebii kennuu fi namni sunis deebii gaarii kennuuf akka kakaʼu gochuu dandeenya.

    Gaaffii irratti xiinxaluu qabnu:

    Yeroon aaru maalan godha?

    Nagaadhaaf jedhee wanta jalʼaa ana irratti raawwatame dhiisuu nan dandaʼaa? —Fak. 19:11.

  3. 3 YEROO HUNDA KADHADHU. Hafuura qulqulluu isa uumama cufa keessatti humna guddaa taʼe argachuuf kadhadhu. (Luq. 11:13) Firiin hafuura qulqulluu garraamummaa fi of toʼachuu kan dabalatu akka taʼe yaadadhu. Adoolfoon wanta yaadatu akkana jedhee dubbateera: “Utuu gargar hin kutin gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun, keessumaa yeroo haalli nama dhiphisu na mudatutti baayʼee na gargaareera. Yihowaanis, hafuura qulqulluu argachuuf ‘kadhannaatti kan jabaannu’ yoo taʼe, kadhannaa garaadhaa dhiheessinuuf deebii ni kenna.—Rom. 12:12.

    Gaaffii irratti xiinxaluu qabnu:

    Yihowaan garaa koo fi fedhii koo akka qoru yeroo hunda nan kadhadhaa?

    Hafuura qulqulluu argachuu fi ogummaa karaa isa gammachiisuun deebii kennuuf na gargaaru argachuuf nan kadhadhaa? —Far. 139:23, 24; Yaq. 1:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi