LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 4 ful. 4-7
  • Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi D⁠u⁠ʼa Ilaalchisee Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi D⁠u⁠ʼa Ilaalchisee Maal Jedha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KITAABNI QULQULLUUN ISA DABE QAJEELCHA
  • BARUMSI SOBAA NI BABALʼATE
  • ‘DHUGAAN BILISA ISIN BAASA’
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Lubbuun Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 4 ful. 4-7
Reeffa boolla keessa jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA | JIREENYAA FI DUʼA ILAALCHISEE KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Jireenyaa fi Duʼa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Seenaa uumamaa, kitaaba Seera Uumamaa irraatti barreeffame dubbisuudhaan, Waaqayyo Addaam isa nama jalqabaa taʼeen akkana jedhee akka ture hubanna: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:16, 17) Yaanni ifa taʼee fi salphaa taʼe kun, utuu Addaam Waaqayyoof ajajame utuu hin duʼin dhaaba Eeden keessa bara baraaf jiraachuu akka dandaʼu argisiisa.

Addaamii fi Hewwaan dulloomanii

Kan nama gaddisiisu garuu, Addaam Waaqayyoof ajajamee bara baraaf jiraachuu mannaa, yeroo haati manaa isaa Hewwaan firii dhorkame isaaf kennitu nyaachuudhaan ajaja Waaqayyoo cabsuu filateera. (Uumama 3:1-6) Kanaan kan kaʼes, hanga harʼaatti miidhaan nu irraa gaʼaa jira. Phaawulos ergamaan haala kana yommuu ibsu, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedheera. (Roomaa 5:12) Inni “nama tokko” jedhame sun Addaami. Haa taʼu malee, cubbuun sun maal ture? Gara duʼaattis kan nama geesse maaliifi?

Addaam taʼe jedhee ajajamuu diduun isaa ykn seera Waaqayyoo cabsuun isaa cubbuu ture. (1 Yohaannis 3:4) Akkuma Waaqayyo Addaamiin akeekkachiisee turetti immoo, adabni cubbuu duʼa dha. Addaamii fi sanyii isaa hamma ajaja Waaqayyoo eeganitti, cubbuu hin qabaatan, akkasumas hin duʼan turan. Waaqayyo namoota kan uume akka duʼaniif utuu hin taʼin, bara baraaf akka jiraataniif ture.

Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti duuti, ‘namoota hundumaa akka waliin gaʼe’ gaaffii hin qabu. Haa taʼu malee, erga duunee booda wanti nu keessaa jiraachuu itti fuftu tokko jirtii? Namoonni hedduun, eeyyee wanti nu keessa jirtuu fi lubbuu jedhamtu hin duutu jedhanii dubbatu. Akkas taanaan garuu, Waaqayyo Addaamiin sobeera jechuu taʼa. Akkamitti? Sababiin isaas, yeroo duunu wanti samii irra ykn addunyaa hafuuraa keessa jiraachuu ishii itti fuftu jirti yoo taʼe, akka Waaqayyo dubbatee ture duuti adaba cubbuu taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyo sobuu hin dandaʼu’ jedha. (Ibroota 6:18) Dhugaa isaa yoo ilaalle garuu, “Hin duutan” jechuudhaan Hewwaaniin kan sobe Seexana dha.—Uumama 3:4.

Kun immoo gaaffii akkana jedhu kaasa: ‘Barumsi lubbuun hin duutu jedhu soba irratti kan hundaaʼe yoo taʼe, yeroo duunu maaltu taʼa ree?’

KITAABNI QULQULLUUN ISA DABE QAJEELCHA

Seenaan uumama ilaalchisee kitaaba Seera Uumamaa keessatti argamu akkana jedha: “Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni [“jireenyi kan keessa jiru lubbuu taʼe,” hiika bara 1899].” Ibsi ‘namni jireenyi kan keessa jiru’ jedhu, jecha Afaan Ibrootaa nafeesh jedhamu irraa kan hiikame siʼa taʼu, kallattiidhaan “uumama hafuura baafatu” jechuu dha.—Uumama 2:7.

Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa lubbuu hin duunee qabaatanii akka hin uumamne ifatti dubbata. Kanaa mannaa tokkoon tokkoon namaa ‘jireenyi kan keessa jiru lubbuu akka taʼe’ ibsa. Kitaaba Qulqulluu keessaa hangam iyyuu yoo barbaadde, caqasa “lubbuun hin duutu” jedhu argachuu kan hin dandeenye kanaafi.

Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa lubbuu hin duune qabu jedhee kan hin barsiifne taʼus, dhaabileen amantii hedduun faalaa kanaa kan barsiisan maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa gara Gibxii ishii duriitti nu geessa.

BARUMSI SOBAA NI BABALʼATE

Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa 5ffaatti, barreessaan seenaa Herodotas jedhamuu fi lammii Giriikii taʼe, warri Gibxii “seenaa ilmaan namootaa keessatti lubbuun hin duutu jedhanii falmuudhaan warra jalqabaa ti” jedhee dubbateera. Kana malees, aadaa Baabilon durii keessatti yaanni lubbuun hin duutu jedhu fudhatama argatee ture. Aleeksaandar Guddichi Dh.K.D. bara 332tti yeroo Biyyoota Baha Biiftuu Giddu Galaa toʼannaa isaa jala oolchetti, falaastonni Giriikii barumsichi akka beekamu waan godhaniif, yeroo muraasa gidduutti Bulchiinsa Giriik hunda keessatti babalʼachuu dandaʼeera.

Kitaaba Qulqulluu keessaa caqasa yaada “lubbuun hin duune jirti” jedhu qabu argachuu hin dandeessu

Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti immoo, gareen amantaa warra Yihudii beekamoon lama, warri Eeseensii fi Fariisota jedhaman yommuu qaamni duʼu lubbuun jiraachuu ishii itti fufti jedhanii barsiisu turan. Kitaabni The Jewish Encyclopedia jedhamu akkana jedha: “Yihudoonni amantaa lubbuun hin duutu jedhu kan fudhatan, barumsa warra Giriikii, keessattuu falaasama Pilaatoo wajjin hariiroo qabaachuu isaaniitiini.” Haaluma wal fakkaatuun, barreessaan seenaa jaarraa tokkoffaa lammii Yihudii taʼee fi Joseefas jedhamu, barumsi kun Kitaaba Qulqulluu keessaa utuu hin taʼin, “amantaa ilmaan Giriikii” isa sheekkoo namoonni oduu durii himan walitti qaban irraa kan dhufe akka taʼetti ilaala ture.

Aadaan warra Giriikii kun babalʼachaa yommuu deemu, warri Kiristiyaana ofiin jedhanis barumsa sobaa kana fudhachuu jalqaban. Barreessaan seenaa Yoonaa Leendeeriingi akka barreessetti, “Yaanni qabatamaa hin taanee fi Pilaatoon dubbate, lubbuun keenya yeroo tokko bakka baayʼee gaarii turtee fi amma immoo addunyaa gatamte keessa jiraatti jedhu, falaasama Pilaatoo fi barumsa Kiristiyaanummaa walitti makuuf mijataa taʼeera.” Kanaaf, barumsi amantii sobaa lubbuun hin duutu jedhu gara waldaa “Kiristiyaanaatti” kan gale siʼa taʼu, buʼuura amantaa isaanii keessaa tokko taʼeera.

‘DHUGAAN BILISA ISIN BAASA’

Phaawulos ergamaan jaarraa jalqabaatti akeekkachiisa akkana jedhu kennee ture: “Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, baroota boodaatti namoonni tokko tokko yaadawwan Waaqayyo biraa dhufan fakkaatanii fi barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennanii amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata.” (1 Ximotewos 4:1) Jechoonni kun dhugaa taʼuun isaanii mirkaneeffameera! Barumsi amantaa lubbuun hin duutu jedhu kun, “barumsa jinniiwwan” babalʼisan keessa isa tokko qofa dha. Deggersa Kitaaba Qulqulluu kan hin qabne, barumsa amantii sobaa fi falaasama bara durii irratti kan hundaaʼe dha.

Yesuus, “Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” waan jedheef sababa itti gammannu qabna. (Yohaannis 8:32) Beekumsa dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼe waan arganneef, barumsawwan Waaqayyoof ulfina hin kenninee fi gochawwan dhaabbilee amantii addunyaa hedduun babalʼisan irraa bilisa baaneerra. Dabalataanis, dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru, barsiifataa fi amantaa sobaa duʼa wajjin wal qabate irraa bilisa nu baasa.—Saanduqa “Warri Duʼan Eessa Jiru?” jedhu ilaali.

Uumaan keenya ilmaan namootaa kan uume, waggoota 70 fi 80 qofa lafa irra erga jiraatanii booda, samii ykn addunyaa hafuuraa gara biraa irra bara baraaf akka jiraataniif hin turre. Kaayyoon jalqabaa inni namootaaf qabu, lafuma kana irra ijoollee isaa ajajamoo taʼanii bara baraaf akka jiraataniif ture. Kaayyoon guddaan kun jaalala Waaqayyoo ilmaan namootaaf qabu kan argisiisuu dha; wanti kaayyoon isaa akka galma hin geenye dhorkuu dandaʼu hin jiru. (Miilkiyaas 3:6) Faarfatichi hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, “Toloonni lafa in dhaalu isa irras bara baraan in jiraatu” jedhee nuuf mirkaneesseera.—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.

Wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa fi jireenyaa barsiisu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluu Maal Barsiisa? Jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 6 ilaali. Kitaaba kana argachuuf weebsaayitii www.jw.org/om ilaali ykn koodii kana dubbisiisi.

Ilmaan Namootaa Bara Baraaf Jiraachuu ni Dandaʼuu?

Waggoota muraasa dura, qorattoonni biqiltoota bishaan keessa jiraatanii fi waggoota kumaan lakkaaʼamaniif akka jiraatan yaadaman argataniiru; biqiltoonni kun tarii lubbu qabeeyyi lafa irra jiraatan hunda caalaa umurii dheeraa kan qaban taʼuu hin oolu. Gosni biqiltoota kanaa, Poosiidooniyaa ooshiiniikaa kan jedhamu siʼa taʼu, gosa margaa galaanaa Mediteraaniyaa keessatti argamu dha; iddoon isaan irratti biqilanis Ispeenii hanga Qophirositti kan balʼatu dha.

Biqiltoonni umurii hangana dheeratu jiraachuu dandaʼu erga taʼee, waaʼee ilmaan namootaa hoo maal jechuu dandeenya? Saayintistoonni waaʼee umurii qoratan tokko tokko namni umurii isa ammaa caalaa jiraachuu akka dandaʼu abdii guddaa qabu. Fakkeenyaaf, kitaabni dhimma kana ilaalchisee qophaaʼe tokko, gama kanaan “guddina saayinsii wantoota haaraa” irratti hundaaʼan argachuuf dhimmanii hojjechaa akka jiran ibseera. Haa taʼu malee, umurii namaa dheeressuu irratti qorannaan geggeeffamaa jiru kun namootaaf buʼaa kan argamsiisu taʼuu fi dhiisuun isaa yeroo isaa eeggatee kan beekamu taʼa.

Haa taʼu malee, abdiin bara baraaf jiraachuu saayinsii ammayyaa irratti kan hundaaʼe miti. Kitaabni Qulqulluun kana gochuu kan dandaʼu Uumaa keenya Yihowaa akka taʼe yeroo ibsu, ‘burqaan jireenya kennu si bira jira’ jedha. (Faarfannaa 36:9) Yesuus Kiristoosis kadhannaa yeroo dhiheessetti akkana jedheera: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.” (Yohaannis 17:3) Eeyyee, carraaqqiin nuti Yihowaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin beekuu fi isaan gammachiisuuf goonu jireenya bara baraa nuuf argamsiisa.

Marga galaana keessaa

Qorattoonni, gosa biqiltuu tokko tokko kan akka marga galaanaa waggoota kumaan lakkaaʼamaniif akka jiraatan amanu

WARRI DUʼAN EESSA JIRU?

Yesuus yommu Alaazaariin d⁠u⁠ʼaa kaasu

Gabaabumatti, Kitaabni Qulqulluun, namoonni duʼan awwaala keessa akka jiranii fi duʼaa kaʼuuf eeggachaa akka jiran dubbata. (Yohaannis 5:28, 29) ‘Warri duʼan waan tokko iyyuu waan hin beekneef,’ dhiphachaas taʼe rakkachaa hin jiran. (Lallaba 9:5) Yesuus barsiisa isaa keessatti duʼa hirriba cimaa wajjin wal fakkeesseera. (Yohaannis 11:11-14) Kanaaf, warra duʼan sodaachuus taʼe, aarii isaanii qabbaneessuuf jennee aarsaa isaaniif dhiheessuun nu hin barbaachisu. ‘Iddoo lafa jalaa sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis waan hin jirreef,’ warri duʼan nu gargaaruus taʼe nu miidhuu hin dandaʼan. (Lallaba 9:10) Haa taʼu malee, Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan duʼa bara baraaf ni balleessa.—1 Qorontos 15:26, 55; Mulʼata 21:4.

Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu kan Amantu Maaliifi?

Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti amanuu akka qabnu guutummaatti mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Maaliif? Mee, fakkeenyota armaan gadii ilaali:

  • Baallee fi qalama ittiin barreessan

    Eenyummaa Abbaa Barreessisee: Kitaabni Qulqulluun kitaabota 66 kan of keessatti qabate siʼa taʼu, jaarraa 16 gidduutti, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 hanga Dh.K.B. bara 98tti namoota gara 40 taʼaniin barreeffame. Taʼus, qabiyyeen isaa kan wal simu dha. Kun immoo, Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼu taʼuu isaa mirkaneessa. Ergaa isaa namootatti kan dabarse siʼa taʼu, isaanis ergaa kana barreessaniiru.

  • Utubaa

    Gama Seenaatiin Sirrii Taʼuu Isaa: Taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmaaʼan, seenaa dhugaa wajjin guutummaatti wal simu. Kitaabni A Lawyer Examines the Bible jedhamu akkana jedheera: “Seenaawwan jaalalaa, afoolonnii fi asoosamoonni hedduun iddoo fi yeroo seenaan tokko itti raawwatame sirriitti hin ibsan, . . . barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu garuu, wanti tokko yoomii fi eessatti akka raawwatame ilaalchisee odeeffannoo sirrii kennu.”

  • Atoomii

    Gama Saayinsiitiin Sirrii Taʼuu Isaa: Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Saayinsii miti; taʼus, utuu saayinsiin bira hin gaʼin, wantoota tokko tokko sirriitti dubbateera. Fakkeenyaaf, namoonni waaʼee jarmii fi dhukkubni akka daddarbu beekuu isaanii waggoota hedduu dura, kitaaba Lewwootaa boqonnaa 13 fi 14 irratti qulqullina eeggachuu fi dhukkubni yeroo nama qabu warra kaan irraa adda baʼuu ilaalchisee seerri ifa taʼe saba Israaʼeliif kennameera. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun lafti geengoo akka taatee fi homtuu jala utuu hin jiraatin akka rarraate ni dubbata; Yaanni kun saayinsiidhaan kan bira gaʼame jaarraawwan hedduu booda ture.—Iyoob 26:7; Isaayaas 40:22.

Yaadawwan kun wanta Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuu isaa ilaalchisee akkana jechuudhaan dubbatu mirkaneessu: “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, . . . ni fayyada.”—2 Ximotewos 3:16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi