LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 6 ful. 16
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Armaagedoon maali dha?
  • Waraana Armaagedoon irraa ooluun ni dandaʼamaa?
  • Waraanni Armaagedoon Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Armaagedoon Namoonni Tokko Tokko Waaʼeesaa Maal Jedhu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Armaagedoon Misiraachoo Dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Armaagedoon Israaʼelitti Jalqabaa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 6 ful. 16
Saba hundumaa keessaa ‘tuutni uummataa guddaan’ Armaagedoon irraa ni oolu

Saba hundumaa keessaa ‘tuutni uummataa guddaan’ lakkoofsi isaanii hin beekamne Armaagedoon irraa ni oolu

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Armaagedoon maali dha?

Namoonni tokko tokko maal jedhanii amanu?

Armaagedoon badiisa addunyaa meeshaalee niiwkulariitiin ykn faalama naannootiin gaʼu akka taʼe amanu. Atoo maal sitti fakkaata?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Armaagedoon bakka fakkeenyaan ibsamee fi “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu” itti inni hamoota itti lolu dha.—Mulʼata 16:14, 16.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Waaqayyo waraana Armaagedoon irratti kan lolu, lafti ilmaan namootaatiin akka hin balleeffamne ishii baraaruuf jedhee ti.—Mulʼata 11:18.

  • Waraanni Armaagedoon waraanota hunda ni dhabamsiisa.—Faarfannaa 46:8, 9.

Waraana Armaagedoon irraa ooluun ni dandaʼamaa?

Maal jettee deebista?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Namoota saba hundumaa keessaa dhufanii fi “tuuta uummataa guddaa” taʼan, “rakkina guddaa” waraana Armaagedooniin xumuramu irraa lubbuudhaan ni oolu.—Mulʼata 7:9, 14.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu?

  • Waaqayyo hamma dandaʼame namoonni hedduun Armaagedoon irraa akka oolan ni barbaada. Namoota hamoo kan balleessu jaallatee utuu hin taʼin filannoo waan dhabeefi dha.—Hisqiʼel 18:32.

  • Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon irraa ooluun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa.—Sefaaniyaa 2:3.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 8⁠ffaa ilaali

Kitaabichi www.jw.org/om irrattis ni argama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi