LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Onkoloolessa ful. 32
  • Kana Beektaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kana Beektaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Eeyyeen Keessan Eeeyyee Haataʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Waaqayyoof Abboomamuudhaan Kakuusaarraa Faayidaa Argadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Onkoloolessa ful. 32

Kana Beektaa?

Barsiifanni Yihudootaa Yesuus kakachuu akka balaaleffatu godhe isa kami dha?

Namni tokko mana qulqullummaatti yommuu kakatu

AKKA Seera Museetti kakaan iddoo mataa isaa qaba. Haa taʼu malee, namoonni bara Yesuusitti turan, wanta dubbatan kam iyyuu mirkaneessuuf kakachuu waan amaleeffataniif, yeroo hunda ni kakatu turan. Barsiifanni gatii hin qabne kun wanti dubbatan dhugaa taʼuu isaa amansiisuuf yaadamee kan dubbatamu taʼus, Yesuus garuu yeroo lama balaaleffateera. Kanaaf Yesuus, “Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee haa taʼu, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu” jedhee barsiiseera.—Mat. 5:33-37; 23:16-22.

Akka Theological Dictionary of the New Testament jedhutti, “Yihudoonni wanta dubbatan hunda kakaadhaan mirkaneessuuf fedhiin isaanii” baayʼee cimaa akka ture yaada Taalmuud isa kakaawwan nama dirqisiisanii fi hin dirqisiisne warra kam akka taʼan tokko tokkoon ibsu irraa hubachuun ni dandaʼama.

Barsiifata dogoggoraa kana kan balaaleffate Yesuus qofa hin ture. Fakkeenyaaf, barreessaan seenaa Yihudootaa Filaaviyas Joseefas garee amantii Yihudootaa tokko ilaalchisee akkana jedhee ture: “Kakachuun sobaan ragaa baʼuu caalaa hamaa akka taʼee waan amananiif hin kakatan; sababiin isaas, namni yoo maqaa Waaqayyootiin kakate malee hin amanamne, duruma iyyuu balaaleffamaa dha jedhanii yaadu.” Akkasumas kitaabni Yihudootaa Ogummaa Siiraak (23:11) jedhamu, “Namni kakachuu amaleeffate baayʼee hamaa dha” jedha. Yesuusis kakaa akka laayyootti ilaaluu kan balaaleffate kanaaf ture. Yeroo hunda dhugaa kan dubbannu yoo taʼe, wanta dubbanne caalaatti mirkaneessuuf kakachuun nu hin barbaachisu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi