LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Sadaasa ful. 18-19
  • ‘Namni Arjaan In Eebbifama’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Namni Arjaan In Eebbifama’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Sadaasa ful. 18-19
Haannaan Saamuʼel isa mucaa xinnoo ture gara godoo qulqullaaʼaatti yommuu fiddu

‘Namni Arjaan In Eebbifama’

WAAQEFFANNAA dhugaa keessatti, bara duriitii kaasee aarsaawwan iddoo guddaa qabu turan. Israaʼeloonni aarsaa beeladootaa kan dhiheessan siʼa taʼu, Kiristiyaanonni immoo yeroo hundumaa “aarsaa galataa” dhiheessuudhaan beekamu. Taʼus, aarsaawwan Waaqayyoon akka gaariitti gammachiisan kan biroonis jiru. (Ibr. 13:15, 16) Fakkeenyonni kanatti aananii jiran akka argisiisanitti, aarsaawwan kun gammachuu fi eebba argamsiisu.

Haannaa ishiin bara duriitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turte, mucaa dhiiraa godhachuu barbaaddee kan turte taʼus ijoollee godhachuu hin dandeenye. Kanaaf, mucaa dhiiraa yoo deesse “guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna” jettee kadhannaadhaan Yihowaadhaaf wareegde. (1 Sam. 1:10, 11) Yeroo booda, Haannaan ulfooftee mucaa maqaan isaa Saamuʼel jedhamu deesse. Achiis Saamuʼel erga harma guʼee booda, akkuma wareegdee turte gara godoo qulqullaa’aatti isa geessite. Yihowaan, Haannaan fedhii ishii aarsaa gochuu ishiitiif ishii eebbiseera. Haannaan ijoollee dabalataa shan godhachuudhaan kan eebbifamte siʼa taʼu, Saamuʼelis raajii fi barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼeera.—1 Sam. 2:21.

Akkuma Haannaa fi Saamuʼel Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis jireenya isaanii Uumaa isaanii tajaajiluuf itti fayyadamuuf mirga argataniiru. Aarsaan nuti Yihowaa waaqeffachuuf kaffallu hundi baayʼisee akka nu kiisu Yesuus waadaa galeera.—Mar. 10:28-30.

Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanni Dorqaa jedhamtu namoota kaan gargaaruuf aarsaa dhiheessuudhaan, jechuunis ‘hojiiwwan gaggaarii hedduu hojjechuu fi hiyyeeyyii gargaaruudhaan’ beekamti turte. Kan nama gaddisiisu garuu, ‘dhukkubsattee duʼuun ishii’ gumicha irratti gadda guddaa geessisee ture. Barattoonni, Pheexiros naannoo sana jiraachuu isaa yommuu dhagaʼan yeruma sana akka dhufu isa kadhatan. Pheexiros dhufee yommuu Dorqaa duʼaa kaasu hangam akka gammadan tilmaami; kunis duʼaa kaasuu ergamoonni raawwatan isa jalqabaa ture! (HoE. 9:36-41) Waaqayyo aarsaa Dorqaan kaffalte hin irraanfanne. (Ibr. 6:10) Arjummaan ishiin argisiiste fakkeenya akka nuu taʼuuf seenaan ishii Dubbii Waaqayyoo keessatti eegamee akka turu godhameera.

Phaawulos ergamaanis yeroo isaa fi xiyyeeffannaa isaa arjummaadhaan kennuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Kiristiyaanota obboloota isaa Qorontos keessa jiraataniif, “Ani gama kootiin waan hundumaa gammachuudhaan isiniif kennuu fi guutummaatti isiniif dabarsee of kennuu nan barbaada” jedhee barreesseera. (2 Qor. 12:15) Phaawulos, warra kaaniif aarsaa of gochuun isaa gammachuu isaaf argamsiisuu caalaa, Yihowaan akka isa eebbisuu fi fudhatama akka isaaf argamsiisu muuxannoo isaa irraa barateera.—HoE. 20:24, 35.

Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan yeroo fi humna keenya fedhii Mootummichaa babalʼisuu fi obboloota keenya gargaaruuf yommuu itti fayyadamnu ni gammada. Haa taʼu malee, karaan hojii Mootummicha labsuuf hojjetamu deggeruu itti dandeenyu kan biraan jiraa? Eeyyee! Hojii jaalalaan kakaanee hojjennu malees, fedhii keenyaan buusii gochuudhaan Waaqayyoon kabajuu dandeenya. Buusiin nuti goonu, misiyoonotaa fi tajaajiltoota yeroo guutuu addaa kaan deggeruu dabalatee hojii lallabaa addunyaa maraa babalʼisuuf faayidaa irra oola. Kana malees, buusiin nuti fedhiidhaan goonu barreeffamootaa fi viidiyoowwan qopheessuu fi hiikuuf, yeroo balaan gaʼutti gargaarsa gochuuf, akkasumas Galmawwan Walgaʼii haaraa ijaaruuf hojii irra oola. Kanaafuu, “namni arjaan eebbifamaa” akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, qabeenya keenya warra gatii guddaa qaban Yihowaadhaaf yommuu kenninu isa kabajuu keenya argisiisna.—Fak. 3:9; 22:9.

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Hojii Addunyaa Maraatiif Buusii Itti Godhan

Akkuma bara Phaawulositti ture, yeroo harʼaattis obboloonni hedduun qarshii ‘adda baasanii kaaʼan’ ykn ramadan, saanduqa buusii gumii barreeffamni “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis jiʼa jiʼaan gara waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa hojii biyya isaaniitti hojjetamu toʼatutti buusiiwwan kana ergu. Maqaa waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keetti argamu seera biratti ittiin beekamutti fayyadamuudhaan, kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa taʼee fi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya kee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.jw.org irraa argachuun ni dandaʼama. Haala naannoo keetti argamu irratti hundaaʼuudhaan, kennaawwan armaan gadii kallattiidhaan erguu dandeessa:

KENNAA QARSHII FI MIʼAA

  • Buusiiwwan mala elektiroonikiitiin baankiitti qarshii dabarsuudhaan, deebiit kaardii ykn kireediit kaardiitti ykn moobaayiliidhaan qarshii dabarsuudhaan godhaman. Waajjiroota damee tokko tokkotti weebsaayitii jw.org ykn weebsaayitii heyyama qabu kan biraatti fayyadamuudhaan kana gochuun ni dandaʼama.

  • Qarshii, faaya ykn miʼa gatii guddaa qabu kennuu. Xalayaan qarshiin ykn miʼichi kennaa taʼuu isaa ibsu wajjin ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

  • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun dandaʼamu kennuu.

  • Xalayaan qarshiin kun kan deebiʼu taʼuu isaa ibsu wajjin ergamuu qaba.

KENNAA KAROORAAN KENNAMU

Qarshii fi miʼa gati guddaa qabu akka kennaatti gumaachuu malees, karaawwan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biroon jiru. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kam iyyuu yoo taʼe, kan yeroo ammaatti hojjetamaa jiru kam akka taʼe odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyya keetti argamu utuu gaafattee gaarii dha. Ulaagaan seerri gaafatuu fi seerri gibiraa biyyaa gara biyyaatti garaa gara waan taʼeef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuu kee dura namoota karaa gibiraa fi seeraa gorsa kennan gaafachuun kee barbaachisaa dha.

Karoora Inshuraansii fi Soorama: Namni tokko inshuraansii lubbuu ykn kaffaltii sooramaa isaa jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka itti fayyadamuuf maqaa isaaniitti naannessuu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seera baankii biyyichaa irratti hundaaʼuudhaan, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn kaffaltii sooramaa imaanaadhaan ykn yeroo duʼan jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyoonotaa fi Boondota: Aksiyoonotaa fi boondota kallattiidhaan guutummaatti ykn walii galtee barreeffamaan kaaʼamee fi yeroo duʼaatti akka kennamu ibsuun jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya hin Sochoone: Qabeenya hin sochoonee fi gurguramuu dandaʼu kallattiidhaan guutummaatti kennuu; mana jireenyaa yoo taʼe immoo abbaan qabeenyichaa utuu lubbuudhaan jiruu gara maqaa jaarmiyichaatti naannessee hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadamuu dandaʼu.

Dhaamsa Dhaalaa fi Imaanaa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn imaanaadhaan maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼetti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Qophiin kun gama qaraxaatiin faayidaa tokko tokko argamsiisuu dandaʼa.

Yaanni “Kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisu dha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ibsa kennuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaa fi Afaan Ispeeniin qophaaʼeera. Birooshurri kun, karaa adda addaa namoonni yeroo lubbuudhaan jiranitti kennaa kennuu ykn yeroo duʼaatti dhaamsa dhaalaa gochuu itti dandaʼan ilaalchisee odeeffannoo kennuuf yaadamee kan qophaaʼe dha. Seera qaraxaa ykn seera biyya kee keessa jiru kan biraatiin kan kaʼe, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantii fi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruu fi qaraxaa wajjin haala wal qabateen faayidaa argachuu dandaʼaniiru. Birooshurri kun biyya kee keessa kan jiru taanaan, barreessaa gumii kee irraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, liinkii dhuma fuula jalqabaa jw.org irra jiruu fi “Hojii Keenya Addunyaa Maratti Hojjetamuuf Buusii Qarshii Godhi” jedhu filadhu ykn waajjira damee biyya keetti argamu gaafadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi